SBO Sadaasa 26 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Kabaja Guyyaa FDG Awustiraliyaa fi Gaaffii fi deebii Art.Anuwaar Badhaanee waliin godhamee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Qophii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Sadaasa 24,2014/Filmaata Wayyaanee Dhufu Ilaalchisee Ibsa Qeerroo

Aside

WAREEGAMA HANQISUUF, MARIIN MURTEESSAADHA !

Aside

SEENAA Y.G (2005) | Sadaasa 23, 2014

Qabsoon Oromoo, bu’aa ba’ii hedduu keessa dabree har’a irra ga’ee jira. Qabsoon Oromoo har’arra ga’uuf wareegama ol aanaa nu kafalchisee jira. Wareegama Lubbuu , Qabeenyaa, beekumsaa , jireenyaa, waa maraa itti baafneerra. Wareegamni nuuti itti baasaa jirru bifa lama qabaachuu ni mala. Tokko, wareegama Qabsoo kana jiraachisuuf kafalameedha. Inni lammaffaa ammoo, Mirga Ummata Oromoo kabachiisuuf Qabsoo gaggeeffamu keessatti wareegama baasaa jirrudha jechuu dandeenya. Qabxiileen kun lameen Qabsoo Ummata tokko keessatti kan mudachuu danda’an, garuu tokko isa tokkof rakkoo Umuullee kan danda’aniidha.

Qabxiin 1ffaa, Wareegama, Qabsoo jiraachiisuuf baafamu irra jireessi, dhimma rakkoo keessa ofiitti umamuun kan wal qabatuudha. Sababaa adda addaan gaaga’ama dhaaba tokko keessatti umamuun of baraaruuf sochiin taasifamu fi wareegamni kafalamu, kan Qabsoo jiraachisuu keessatti ibsama.Qabsoon Ummata Sanaa akka diigamee hin banneetti, Namoonni cichoomiina qaban ijibbaati taasisan wareegama gama kanaan kafalamu keessatti hammatama. Wareegamni kun kan kaleessa waliin kakatan asi deebi’ee wareegama nama kafalsiisuuf yaalii taasisuun kan Umamuus ta’uu mala. Walumaa galatti diina qawween falmituttidabalata , rakkoo keessa ofiitti diinaanis ta’uu kanneen dantaa dhuunfaa dursaniin balaa umamu irraa, Qabsoo saba kee jiraachisuuf wareegamni baaftu ni jira. Wareegamni kun hedduu ulfaataadha. inni 2ffaa, Diinuma Qabsoo Oromoo dura dhaabbatee jiru waliin falmaa bifa hundaa gaggeeffamu keessatti wareegama kafalamuudha. Wareegama bifa maraa kan hammatuudha. Qabxiilee kana gadi fageenyaan yoo ilaallee , waa lama nu akeekan. 1, Qabsoo jiraachisuuf yeroon fudhatu, diinaaf Umurii akka dabaluu,, 2, Diina isa innikkaa dura dhaabbachuuf, keessa ofii sirreeffachuun murteessaa ta’u.

Haaluma kanaan, keessa ofii odoo hin jabeeffatiin diina nu dura dhaabbatetti quba qabuun, injifannoo hawwinu akka nuf hin argamsiifne tilmaamuun nama hin dhibu. Diina nutti dhukaasee nu galaafachuu qofa barbaabaadu ofirraa ittisuuf, bakka dhaabbannee jirru ilaallachuun murteessaadha. Diina filannoo tokkicha qabatee nu dura dhaabbate kanaaf falli jiru maal ta’uu akka qabu odoo hin murteeffannee, ykn yoo xiqqaatee yaada jiru irratti quba odoo wal hin qabaannee, Yaadaa fi qalbiin bakka gara garaa dhaabbannee, sochiin taasifnu, Qabsoo jiraachiisuu keessaa nu baasee, diina irratti akka xiyyeeffannu nu hin gargaaru jechuudha. Diinni har’a nu dura dhaabbatee jiru, Dhiiga Oromoo kan qabu kamuu diina kootii jechaa jira malee, Maqaa Dhaabaan adda nu baasee nutti dhukaasaa hin jiru.

WAREEGAMA HANQISUUF , MARIIN MURTEESSAADHA !!!.docx

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Qophii Sadaasa 21 Bara 2014/ Qophii Addaa

Aside

Godinaalee Shaggar Bahaa Keessatti Marii Guyyoota Lamaaf Mootummaan Wayyaanee Uummata Walitti Qabee Gaggeessuuf Yaale Diddaa Uumataan Guutummaatti Fashale.

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Sadaasa 23,2014
diddaa9Sadaasa 23,2014  irraa kaasee godinaalee addaa Oromiyaa fi Shaggar Bahaa kanneen akka Adaamaa,Bishooftuu fi Dukam; godina addaa Buraayyuu, Sabbataa,akkasuma Shaashimannee keessatti marii karoora bara 2007 fi hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii milkeessuu jedhu ajandaa godhachuudhaan Wayyaaneen uummata walitti qabdee marii taasiftee jirti, uummata Oromoo gowomsuun keessumattuu hojiilee misoomaa fedhii fi faayidaa uummataa mirkaneessuu jechuudhaan uummata walitti qabanii yaada fi marii karoora bara kanaa irratti uumata waliin dubbachuuf karoorsanii uumatatti bahuun isaanii uummanni gaaffii dhuunfaa isaatii kaasuuf sababaa fi karaa tahe, afaan Wayyanee kanneen tahan, OPDOn uummata mariif biratti argamanis gaaffii uummanni dhiyeesseen cinqamuudhaan waan gara uummataatti dhufaniif milkie dhaban, mariin kun kan adeemsifame kaleessaa fi har’a jechuun Sadaasa 23 fi 24,2014  yoo tahu gaaffii uummanni kaase:
– Guddina kallattii hundaanuu magaalaa kanneen irratti galma’aa jiru irraa kan fayadamaa jiru mootummaa malee uummata miti, guddina biyyattiis kan odeessitan, mootummaa sooruudha malee uummanni kan fayadame meerree?
– Uummanni hiyyeessi dukkana keessa jiraata, waan dhugu dhabee daandii dheeraa deemee bishaan bitatee jiraataa jira, faayidaa kessaniif nu barbaaddu malee rakkoo keenyaaf furmaata kan nuuf tahu dhabne, kuttuudhuma isaa isin hin barbaannu jedhame(Gaaffii rakkoo ibsaa fi bishaanii uummanni keessa jiru ibsate)
– Guddina eegalame itti fufsiisuudhaaf rakkoo bulchiinsa gaarii furuufis uummanni raayyaadhaan ijaaramuu qaba, kan jedhame gudiina Oromiyaa hin argine guddina Tigray male jechuudhaan uummanni dubbii isaanii afaan irra kutuudhaan beekame.

Gaaffiileen ykn murtoo uummanni kenne kanatti fufaniis hirmaannaa misoomaa keesatti simsuu, kira sassaabdumaa irratis qabda’uu kan jedhhu akeeka mootummaa wayyaaneti, nuti mootummaa nu saamee. rakkinaaf nu saaxile kana hin feenu jedhanii kanneen akka Sabbataa, Bishooftu, Buraayyuu fi Shaashimannee keessattii gaaffii dhimma rakkoo
yeroo uummanni keessa jiru rakkoo ibsaa fi bishaaniin wal qabatee uummataan gaaffii bakka hundaatii ka’aa jiruudha. Uummanni rakkoo kana keessa osoo jiru mootummaan wayyaanee dhimma filannoof jecha uummata gara sossobachuutti deemaa jira,

 

Oromo Students Scarification/ Short Documentaries

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 22, 2014

Aside

Mooraa Yuuniversitii Wallaggaatti Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Ka’e Itti Fufee Jira, Sochii Barattootaa Laamshessuuf Humni Dabalataa Waraana Wayyaanee Garasitti Ergame

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Wallaggaa, Sadaasa 21,2014

dsc02316

Yeroo ammaa kanatti gaaffii mirgaan wal qabatee warraaqsi qabatee jiru mooraalee  Yuuniversitii Adaamaa fi Wallaggaa akkasuma Yuuniversitii Amboo keessatti.
Guyyaa muraasa dura yuuniversitii Adaamaa keessatti karaa presedaantii barattootaan dhimma bulchiinsaa irratti barattootni marii barbaadu jedhameen bulchaan mooraa Yuuniversitii Adaamaa guyyaa lamaaf barattoota dhimma amantaa irratti fudhachuudhaan hordoftoota amantaa gosa lama irratti mariin taasifamaa tureen, gaaffiin ka’uu qaban marii kana irratti gaafataman taasifamee ture irratti deebiin kenname deebii gaaffii barattootaa san faalleessu ture, akkasuma ilaalcha amantaa kan mormuudha, kana irrattis yeroo ammaa kana gaaffiin guyyaa kana ka’e itti fufeetu jira, gaaffii isaani irratti hundaa’ee barattootni nyaataa fi barumsa lagatanii jiru, barattootni kaanis obboloonni keenya barumsa dhaabanii utuu jiranii akkamiin barumsa baranna jedhanii gaaffii sududaan kan dhiyeessaa jiraniidha, kana malees guyyaa muraasa dura kan eegale fincilli yuuniversitii Wallaggaatti dhimma nyaataan wal qabatee gaaffiin mirga sabaa ka’e amma gara gaaffii abbaa biyyummaatti kan jijjiirameedha, sadaasa 21,2014  baratootni hunduu nyaata lagatanii kan oolaniidha, kutaan barnootaa tokkummaan cufaatti kan oolee fi barattooni wal gurmeessuudhaan mooraa keessatti marii adeemsisaa kan oolanii fi gabaasa har’a Sadaasa 22,2014 Qeerroon gabaaseen halkan edaa naannoo waraanni Wayyaanee buufatee jirutti fageenya irraa dhagaan darbatamee waraana irra bu’aa tureera, kun uummataa fi barataa tahuun isaa waanni beekame hin jiru,har’a barattootni naannoo magaalaa Naqamtee jiran waan qaban hunda mooraadhaa baasanii barumsa dhaabanii gara qe’eetti galanii jiru.

Kana malees hojjetootni Kaaffees soda kanaan nyaata qopheessuu dhaabuudhaan galmi nyaataa barattootaa har’a hanga laaqanatti cufaatti kan ooledha, sodaa guddaan waan dhagayameef ammoo humni waraanaa akka dabalamu federaala irraa gara sanatti kan ergamee jiru halkan edaa waraanni naannoo biraa irraa magaalaa Naqamtee buufatee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Gama biroon  Yuuniversitii Wallaggaa keessatti fincilli barattootaan ka’uuf waan dafee hin dhaamnee fi humni waraanaas barattoota waliin rakkoo walitti bu’uun waan qabamee jiruuf barattoota kana tasgabbeessuuf humni waraanaa dabalataa fi tikoonni Waayyaanee mooraa keessa seenuun dirqama akka tahe, waan barattootni sodaatanii sochii kana dhaaban beeksisa yeroodhaan baasuu, barattoota Oromoo sochii fincilaa taasisan yeroodhaan gara poolisiitti dabarsanii kennuu akka qabu gara Presedaantiitti dhaamamee, bulchaan ykn presedaantii mooraa Yuuniversitii Wallaggaas sodaan waan itti dhagayameef waan mootummaan Wayyanee itti gadi buuse kana raawwachuu hin dandeenye, gaaffiin barattootaa tokko humni waraanaa mooraa barnootaa keessa maaliif seena kan jedhu ifatti keessatti argama.

Kutaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Kaasanchiis Keessatti Gaafatama Kan Qabu Gargaaraan Saajin,Xilahuun Caraanaa Oromummaa Isaan Yakkamee Hojii Irraa Arihamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Sadaasa gaafa 20,2014 gargaaraan Saajiin, kutaa magaalaa Finfinnee naannoo Kaasanchiis jedhamu irraa hojjetu,guyyaa kana galgala keessaa akka sa’a naannootti sa’a 12:30 irratti xalayaan hojii akka gadhiisuuf itti kenname, gargaaraasa Saajin Xilahun Caraanaa maqaa addaa Gaaddisaa Caalaa Dabaloo kan jedhamu qaba. Gargaaraan Saajiin Xilaahun rakkoo uumata Oromoo irra gahuu fi hidhaa yeroo irraa yerootti uumata irratti raawwatamaa ture guddisee kan mormuu fi qonnaanaan bultoota naannoo Shaggar irraa lafti irraa fuudhamee ammos mana hidhaatti guuraman maaliif yakka tokko malee hidhamu jechuun mormii keessa mootummaa keessatti kaasaa ture. Haala kanaa fi FDG Qeerroon deemu waliin jira sababa jedhuu fi tikoota ABO magaalaa Finfinnee fi naannoo keessa jiran waliin hidhata qabda sababa jedhuun mootummaan Wayyaanee hojii irraa akka arihamuu fi gara hojii isaatti akka hin deebine xalayaa ergeefiin beeksise.

Gama biraadhaan naannowaa Finfinneetti naannoo xixiqqaa magaalaa Finfinnee irratti nama 80,80n basaasota maqaa  hojii garagaraan uummata keessatti akka bobbahaniif har’a leenjiin Wayyaaneen kennamu kan eegaleedha. Leenjin kun kan kennamu naannoo
Samiit jedhamutti yoo tahu hojiin namoota kana wal qoqqooduudhaan uummata keessatti hojii basaastummaa, humna nageenyatti dabalamuudhaan, akkasuma odeessa kan funaanuun mootummaadhaan gahu, kun magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee qofatti kan qophaayee lenjin isaa har’a kan eegaleedha, sochii Qeerroo laamshessuuf namoota saba garagaraa keessaa filuudhaan hanga nama 80tti mootumma waan aangoo isaa irrattu utubu, haala uummanni irra jiru kan gabaasa godhanii fi basaasani fi hojjetoota mootummaa keessaas mootummaa waliin kan hin jirre, gocha mootummaa wayyaanee kan balaaleffatan gara mootummaatti dhiyeessuu irratti adda durummaadhaan kan hojjetan dursee filannoon dura tolfachuuf akeekkatee ka’uu isaa maddi gabaasaa Qeerroo ni ibsa.

SBO Sadaasa 23 Bara 2014

Aside