Yaadannoo Finciila Diddaa Gabruumaa (FDG) yeroo 9ffaa sadaasa 01 2014 biyya Norway magaalaa Oslo keessatti

Aside

Gabaasa Kiyyaa Gonfaatiin

Yaadannoo Finciila Diddaa Gabruumaa (FDG) yeroo 9ffaa sadaasa 01 2014 biyya Norway magaalaa Oslo keessatti haala gaariin geggeeffamee oleera. Yaadannoo Finciila Diddaa Gabruumaa kan baranaa adda kan isa goodhu Maastar Plaanii Finfinnee isa haaraa waliin wal qabatee baratoota Oromoo univarsitii fii sadarkaa lammaffaa rasaasaa diinaa tin lubbuu isaanii dhabuu isaanitti. Motuumaan TPLF ajjeechaa baratoota keenyaa irratti raawwatee qabsoo ummanii Oromoo amma keessa jiruu yoommiyuu caalaa akka jabaatu kan godhuu ta’uu issaa hirmaatoni yaadannoo FDG irratti argaman ibsaniiru.

Hirmaatonii yaadannoo FDG kana irratti argaman, obbollewwan keenyaa biliisumaaf jeecha lubbuu isaanii dhabaniif kabaja isaaniif qaban ibsaniiru. Gaafiin isaanii gaafii kan ummata Oromoo hundaa waan taheef kaayyoo isaan kufaniif bakkaan gahuuf dirqamnii Oromummaa guddaa nurra jiraa, kanaaf tokkoo tokkoon keenyaa kana hubanee yeroo kamiyyuu caalaa haarka wal qabanee fii tokkuummaa keenyaa ciimsinee waliin hojjechuu qabnaa jedhaniiru.

Dhummara, namooni yaadannoo kana irratti argaman hundiinu dungoo qabsiisuudhaan daqiiqaa tokkoof obbollewwan keenyaa mirgaa fi bilisummaa Oromoof jeecha wareegaman yaadataniiru.

Sagantaa qabamee keessaa qophii Qeerroon qophaa`ee issa tokkoo dha. Baratoota rasaasa wayyaane tin lubbuu isaanii dhaban yaadachuuf Qeerroo Oromoo Norwayin qophiin qophaa’ee kun kan nama keessa xuqquu fii kan nama boochisuu turee.

Obbollewwan keenyaa bara baraan ni yaadatamu!
Injjiffannoo Ummata Oromoof!

Hanqinni Jijjiirraa maallaqa biyya alaa haala olaanaadhaan Itoophiyaa mudachuun beekame.

Aside

Sadaasa 3,2014 Gabaasa Finfinnee
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee olola guddina dinagdee fi Teknoolojii Guddinaa fi Tiraanisfoomeeshinii jedhamu qabachuudhaan baroota darbaniif uummata gowwoomsaa turuun ishee beekamaadha. Guddinni biyyattii haalaan akka dabale ololuudhaan jijjiirraan maallaqa biyya alaas gahaa akka tahe lallabaa turan. Jioota darbanii asitti jijjiirraan maallaqaa Baankii daldalaa Itoophiyaa keessaa dhibamuu irraa kan kae daladaltootni haala olaanaan rakkachaa jiraachuu irratti argamu. Mootummaan Wayyaanee kadhaa fi maqaa investimentiidhaan jijjiirraa maallaqa alaa argachaa kan turte biyyoottan alaa diddaa fi waamicha uummatni gochaa jiru irraa investimentiidhaaf duuba deebiaa akka jiru baramee jira.

Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa Ilaalchisee Ibsa ABO

Aside

ABO

Ibsa ABO Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa Ilaalchisee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo hirmaatnaa ummataan caalaa utubuu sirna gabrummaa xumura gochuuf bara 2005 ABOn ummata bal’aa Oromoof alagaan bitamuun nu haa gahu! Jedhee akka diina irra nciluuf waamicha dabarse. Ummatni Oromoos waamicha Dhaaba isaa ABO irraa dabreef gammachuun o fudhatee Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) guutuu Oromiyaa keessa adeemsisuun tarkaani boonsaa yomiyyuu yaadatamaa jiraatu fudhate.

Fincilli bara 2005 i fufame bifa adda addaa sadarkaa adda addaa adeemsifamaa har’a gahuunis haqa qabatamaa mul’ataa dha. I fu Fincilli
Diddaa Gabrummaa bara 2005ni kunis baa-i Eblaa Bara 2011 irraa eegalee muratoo ilmaan Oromoo Qeerroo Dargaggoon haaraa bifa jarmyaa qabatee caalaa ol kaafame guutuu Oromiyaa waliin gahee akka i fufe jira. Fincilli Qeerroon Bilisummaa ol kaafame hirmaatnaa ummata bal’aa Oromoo-in tumsamuun kan mooraa diinaa raase QBO ammoo galii isaa dhiheesse tahuu FDG bara 2014 keessa adeemsifamaa turee jiru caalaa mirkaneessa.

Fincila ummata Oroomoo qooda ola aanaa Qeerroon niinaa jiru ummata Oromoo keessaa ala jiraatu irraa tumsaa deggersa ol aanaa argatuu danda’uun isaas hammeenyaa daba ummata Oromoo Oromiyaa keessa hojjatamaa jiru addunyaaf ifa gochuu dandeessiseera. Injifannoon galmeeame kunis laafaa kan hin argamne tahuun ammoo eenyuyyuu jalaa dhokataa mi-. Ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu tahuu ifa mul’isuuf wareegama qaalii ulfaataa baaseera. Wareegama lubbuu, qaamaa, qabeenyaa kan biroo maallaqaan hin shallagamne irra baasaa jira.

Guutuu Ibsa ABO:- FDG Sadasa 09, 2014 Irratti Ibsa ABO.pdf

Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Gumiin Guddina Dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo qophii “Ana Dhufuu” barattoota Oromoo haaraa bara kana gara Yuunivarsiitii Jimmaa seenaniif qopheessan

Aside

Sadaasa 2,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Gumiin Guddina Dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo qophii “Ana Dhufuu” barattoota Oromoo haaraa bara kana gara Yuunibarsiitii Jimmaa seenaniif qopheessuun haala miidhagaa taeen simatan.
Goototni Barattootni Oromoo Gumii Guddina Dagaagina Seenaa, aadaa fi Afaan Oromoo waliin wal ta’uun qophii anaa dhufuu barattoota Oromoo haaraaf qopheessuun barattootni Oromoo haaraa fi kanneen duraan mooraa Yuunivarsiitii irra barachaa turan akka wal baratanii fi waliin socho’aniif qophii bifa adda ta’een mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus Gamoo Taddasaa Birruu Jedhamuun waamamu duuba galma gudduu Mooricha keessatti argamutti galgala sa:a 12:00 irraa eegaluun sagantaan haala ajaa’iba ta’een eegalame. Goototni Barattootni Oromoo qophii kana ilaalchisuun dhaamsa gurguddaa waliif dabarsuun, barattootni Orpomoo kan duraanis ta’ee barattootni haaraan reefuu gara Yuunibarsiitii Jimmaatti dhufan wal baruun Tokkummaa Uummata Oromoo jabeessuu, Aadaa ofii guddisuu, afaan ofii guddisuu, eenyummaa fi Oromummaa ofii guddisuu, Sabboonummaa ofitti boonuu fi Ofta’uu fi wal ta’uu irratti ergaa fi dhaamsa bal’aa erga waliif dabarsanii booda Walleelee Warraqsaa kanneen qabsoo bilisummaa uummata Oromoof nama onnachiisaniin wal bohaarsuun sagantichi haala gootummaa fi onnee Oromummaan guutameen itti fufe!

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa walleewwaan warraaqsaa kanneen itti aanan kana sirbuun wal jabeessuun bilisummaan uummata Oromoo hanga mirkanaa’utti qabsoo bilisummaa Oromoo fi sochii warraqsa FDG irraa duubatti kan hin deebine ta’uu diinatti argisiisan. Walleewwaan warraaqsaa kuneenis: wallee artistiii ,Caalaa Bultumee ”
Ka’ii Qeerroo hin kaana…”Ka’ii Oromoo hin kanaa Oromiyaa ciranii habashatti gurgurani…” Adinaal Mohamed ” Michuu baay’een qaba lixa biiftuutirraa… ” , Wallee Artistii Haacaaluu Hundeessaa ” kan nama nyaatutu nu keessa jira, nan siyaade yaa qeerransoo koo, yaa jajjabee koo…” jedhuu fi Walleewwaan Warraaqsaa Artistoota Oromoo wal harkaa fudhuun haala ajaa’iba ta’een barattoota haaraaf barnootni guddaan
kenname jira.

Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee ijoolleen Oromoo qophii kamuu mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti akka hin qopheesine, barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG narratti kaachisuuf qophii gochaa jiru jechuun sodaa Ulfaata keessa galuun qophiin anaa dhufuu barattoota haaraaf barattootni Oromoo qopheessuun hin qaban
jechuun uggura kaa’uuf yaaliin godhames Olaantummaa gootota Qeerroo barattoota Oromootiin injifatame jira. Goototni barattootni Oromoo gaaffii tokko malee qophii anaa dhufuu barattoota Oromoo haaraa dura kan dhaabbatu eenyuu jechuun tokkummaa fi gamtaa isaanii jabeeffachuun ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa walitti qabamaniif barnoota guddaa dabarsaniru. Ergamtootni basaastotni wayyaanee qophii kana hordofuu fi hambisuuf hedduminaan haa ramadamani iyyuu malee Olaantummaa gootota barattoota Oromoon qophiin anaa dhufuu barattoota
haaraa bara kanaa gaggeeffame jira. Goototni Barattootni Oromoo Sagalee guddaadhaan walleelee warraaqsaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa dhageesisuun mootummaa abbaa irree Wayyaaneef sodaa tokko illee kan hin qabne ta’uu mirkaneessan.

Kaasi Gowwaa Rafu !! Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 1, 2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 1, 2014

Aside

Uummata Bara Baraa Malee Mootummaan Bara Baraa Hin Jiru!

Aside

Hariiroo Jorgoon Irraa
barruu

Uuummata barabaraa malee, mootummaan bara baraa hin jiru! Kutaa tokkoffaa keessatti Wayyaaneen akkamitti akka uummattoota walitti buusuun humna tokkummaa dhabsiisuun umrii bittaa fi saaminsaa dheereffachuuf yaaltu, akkasumas balaa saboota wal irratti kakaasuun kun qabu ilaalleerra. Kutaa kana keessatti immoo akkaataa wayyaanonni itti siyaasaafi dinagdee biyyattii monopoliin itti qabataniifi walumaa galatti adeemsi Wayyaanee kun dhumnisaa garamitti akka nugeessaa jiru ilaalla. Duruma jalqabarraa taayitaaf foolachuun chaartericha kan gatachiifte TPLF har’a biyyootiin irra jireessi kan itti fayyadaman sirna daldala bilisaa akkaataa faallessuun dameelee daldalaa hundaa to’annaa TPLF jala galchuun dinagdee biyyattii monopoliin qabattee jireenya qaalessuun uummaticha hiyyummaan gaaditee hiitee hidhamaa garaasaa-waa’ee garaasaa waan nyaatu malee waa’eesheefi waa’ee dhimma kaanii akka hin yaadne gochuun maayikiroo xixiqqaatii kaasee kamma industiriilee gurguddootti, teeleefi humna ibsaa dabalatee akka fedhetti kan irratti hogganu TPLF dha.

Galaii achirraa argatu malees, TPLF bakka sana gad lakkisuu kan hin feeneefii icciitii dhaabbilee mormitootaafi namoota dhuunfaa ittiin to’achuuf akka ta’e garuu akka hin daganne hubachiisuu feena. Haa ta’uutii gama qoodiinsa taayitaatiinis yoo ta’e, yoo ilaalle bilchiinsota gandaa irraa jalqabee hamma muummicha ministeeraatti, Hayile Maariyaam Dassaaleeny isa fakkeessaaf taa’e dugda duubaan kan jiru golgaa Bi’aadeeniitiin dahaatee Tigirticha Barakati Simooniifii kaawwaanidha. Keessaafuu humni ittisa biyyaafi poolisiin jaallawwan wareegamtoota TPLF irraa kan dhaalle dhaala keenya! Jedhaniiti amanu Aangawoonni TPLF har’aan tana. Dameen tikaa ofiisaafuu mucucaatee kufaa jira malee akkuma beekamu bu’uura amantii TPLF dha.

Walumaa galatti TPLF mirga odeeffannoo argachuu uummataa ukkaamsuun keessaafuu uummata Oromoo, akkasumas maqaa investimentiin qotee bulaafi hiyyeessota seeraan ala lafa isaaniirraa buqqisuun gaaffii mirgaa kanneen gaafatan hundumaa rasaasaafi boonbiin gubaa bineensa uummata keenya waaddee nyaachaa jirtu erga taatee bubbulteetti. Hunduu nan hafiin kan jettu albaadhettiifii ufittoo kan taate TPLF kallattii isheen harkashee itti hin dhuubiin hinjiru! TPLF kaayyoo itti qabsoo jalqabdeef dagachuun meeshaa har’a hidhattee jirtu abdattee saboota kaan koloneeffattee saamaa akkasumas dhiibbaa mirga dhala namaa kan uumama ilma namaa keessa hin jirre raawwachuun xuuxuu badii dhaloota irraa dhalootatti darbu uummata Tigreefii uummattoota kaawwan jidduu kaayaa jirti. Addatti immoo dabni isheen ilmaan Oromoo irratti gaggeessaa jirtu kan diinni kamuu taanaan diina mataa isaa irratti hin raawwanne gochaa suukaneessaa sammuu ilmaan namaa kamittuu ulfaatu TPLF tiif kan akka bashannanaatti ilaalamu ta’eera. Hunda caalaatti immoo dameeleen tikaa TPLF hidhamtoota to’annaa isaanii jalatti argaman irratti cubbuu isaan hojjetaa turaniifi itti jiran kan hammeenya wayyaanee daangaafi safara hinqabne ta’uu agarsiisanidha. Ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti reebichaa akka maleen kan lubbuun isaanii dabran, morma hudhuun, summiin faaluun, dhoksaan otoo mana murtiitti hin geessamiin rasaasaan reebamanii ajjeesamanfi kkf malee halkan leeylii gara gaara Inxooxxootti geessuun miilasaa lamaan konkolaataa gara-garaa lamatti hidhuun konkolaatonni sun gara kallattii gara-garaa lamatti akka adeeman gochuun baqaqsanii yerootti irbaata waraabessaa godhan argameera.

TPLF cubbuu kana hundaa kan raawwachaa jirtu, humna diinaa biyya ishee Tigiraayiin weerare irratti otoo hin taane dachee Waaqxi irratti isaan uume dachee biyya isaanii dachee Oromiyaarra lamiilee nagaa jiraattota irrattidha. Har’a garuu TPLF tiif dhugaa tokko dabarsuufii barbaanna. Sibiilaan nama bituun jaarraa 21ffaa kana keessa akka nama hin baasne beekanii dammaquun bala’ama boru dhufuuf jiraatu irraa akka baraaramuutti lakkaa’ama. TPLF dhaabbattee maaliif qabsoo akka eegalte kaayyoo ykn akeeka dhaabashee otoo gulaalte isheef wayya. Dhugaadha! uummata Tigiraayiin bilisoomsuuf malee warra kaan irratti saaphana gabrummaashee diriirsuuf hin turre. Hata’u malee TPLF uf tuulummaatiin akkuma feete gochaa taayitaa irra turuushee malee boru maaltu akka ishee mudatu herregasaa waan wal madaalchifte hin fakkaattu. Hamma ammaatti TPLF biyyittii kanaafii uummata kana irratti akka argite irratti dhiichisaafi irratti geeraraa tuffiin jiraatteetti. Amma garuu yeroo itti kan facaafatte haammattu irra ga’uushee TPLF tiif misiraachoo himuufii jaalanna. Hammam illee ministeera ittisaa keessatti TPLF bakkoota aangoo hunda qabattullee naannawa isheetti marsanii kan jiran uummanni isaaniifi maatiin isaanii rasaasaafi qaala’ina jireenyaa wayyaaneen fiddeen kan jalaa dararamaa jiran waraana ilmaan sabaafi sablamootaati.
Qawween TPLF yeroo ibidda tufu kan isaanii bishaan kan tufu miti! Hunda daran haqa lafa jiru yeroo ilaallu gaachanaafi abdii, amanamaafi aantee uummata Oromoo kan ta’e ABO’n yeroo itti biyya keessaafi alaan ijaaramee jabaatee uummata keessa seenee diina fuula dura dhaabbatee jirudha, yeroon kun. Kanaafuu, ammaa booda, TPLF rakkoo wal xaxaa ufumashee fiddeen akka suphee caccabdee akka hurrooftu, akka qoraaniitti gubattee akka daaraa taatu beekuu qabdi! TPLF dhaabbata du’ashee ijasheetiin arguuf dhihaatte ta’uushee hubachuutu malaaf! Yeroon kun yeroo itti TPLF waan nyaataa turte deebistee itti tuftu yeroo warqee uummata cuqurfamooti! Dhiiga ilmaan Oromoon kan gabbatte TPLF dachee Oromiyaa irratti owwaalamtee garamittillee karaa itti baafattu hin qabaattu! Oromiyaan bakkee owwaalchaa TPLF ni taati! Uummanni Oromoo ammaa booda gatiittii ykn qolee ittiin gabrummaa baatu gonkuma hin qabu! Dhumarratti yoomillee ta’u, TPLF kan dagachuu hin qabne akka isheen xinxaltu kan barbaannu hojiin manaa tokko jira. Kunis uummanni Oromoo daangaa uummata Tigiraay waliin isa daangessus akka qabu TPLF yoomuu taanaan dagachuu yoo baatte gaariidha.

Har’a lafaafi uummata keenya humnaan nurraa fudhatte Raayyaan ilma Oromoo qulqulluu ilma Walloo ta’uun xiinxalamuufi hubatamuu qaba. Jaalatames jibbames yeroon dhufu kun bor yeroo bilisummaa Oromooti! Gaafas immoo Oromoon Afrikaa Baha irratti humna waraanaa jira jedhame olaanaafi jabaa ijaarrachuunsaa wal nama hin gaafachiisu! Uummata bara baraa malee mootummaan bara baraa hin jiru!

Aside

ovrweb

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Onkoloolessa 31, 2014

Aside

SBO Sadaasa 02 Bara 2014 Oduu – Sirna Yaadannoo Sadaasa 9 guyyaa FDG waggaa 9ffaa Oslo Norwayitti Sadaasa 01 2014 geggeeffamee – gaaffii fi deebii Art.Caalaa Bultum kutaa xumuraa fi Sadaasa 9 guyyaa FDG irratti yaada namootaa

Aside