Mooraa Yuuniversitii Wallaggaatti Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Ka’e Itti Fufee Jira, Sochii Barattootaa Laamshessuuf Humni Dabalataa Waraana Wayyaanee Garasitti Ergame

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Wallaggaa, Sadaasa 21,2014

dsc02316

Yeroo ammaa kanatti gaaffii mirgaan wal qabatee warraaqsi qabatee jiru mooraalee  Yuuniversitii Adaamaa fi Wallaggaa akkasuma Yuuniversitii Amboo keessatti.
Guyyaa muraasa dura yuuniversitii Adaamaa keessatti karaa presedaantii barattootaan dhimma bulchiinsaa irratti barattootni marii barbaadu jedhameen bulchaan mooraa Yuuniversitii Adaamaa guyyaa lamaaf barattoota dhimma amantaa irratti fudhachuudhaan hordoftoota amantaa gosa lama irratti mariin taasifamaa tureen, gaaffiin ka’uu qaban marii kana irratti gaafataman taasifamee ture irratti deebiin kenname deebii gaaffii barattootaa san faalleessu ture, akkasuma ilaalcha amantaa kan mormuudha, kana irrattis yeroo ammaa kana gaaffiin guyyaa kana ka’e itti fufeetu jira, gaaffii isaani irratti hundaa’ee barattootni nyaataa fi barumsa lagatanii jiru, barattootni kaanis obboloonni keenya barumsa dhaabanii utuu jiranii akkamiin barumsa baranna jedhanii gaaffii sududaan kan dhiyeessaa jiraniidha, kana malees guyyaa muraasa dura kan eegale fincilli yuuniversitii Wallaggaatti dhimma nyaataan wal qabatee gaaffiin mirga sabaa ka’e amma gara gaaffii abbaa biyyummaatti kan jijjiirameedha, sadaasa 21,2014  baratootni hunduu nyaata lagatanii kan oolaniidha, kutaan barnootaa tokkummaan cufaatti kan oolee fi barattooni wal gurmeessuudhaan mooraa keessatti marii adeemsisaa kan oolanii fi gabaasa har’a Sadaasa 22,2014 Qeerroon gabaaseen halkan edaa naannoo waraanni Wayyaanee buufatee jirutti fageenya irraa dhagaan darbatamee waraana irra bu’aa tureera, kun uummataa fi barataa tahuun isaa waanni beekame hin jiru,har’a barattootni naannoo magaalaa Naqamtee jiran waan qaban hunda mooraadhaa baasanii barumsa dhaabanii gara qe’eetti galanii jiru.

Kana malees hojjetootni Kaaffees soda kanaan nyaata qopheessuu dhaabuudhaan galmi nyaataa barattootaa har’a hanga laaqanatti cufaatti kan ooledha, sodaa guddaan waan dhagayameef ammoo humni waraanaa akka dabalamu federaala irraa gara sanatti kan ergamee jiru halkan edaa waraanni naannoo biraa irraa magaalaa Naqamtee buufatee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Gama biroon  Yuuniversitii Wallaggaa keessatti fincilli barattootaan ka’uuf waan dafee hin dhaamnee fi humni waraanaas barattoota waliin rakkoo walitti bu’uun waan qabamee jiruuf barattoota kana tasgabbeessuuf humni waraanaa dabalataa fi tikoonni Waayyaanee mooraa keessa seenuun dirqama akka tahe, waan barattootni sodaatanii sochii kana dhaaban beeksisa yeroodhaan baasuu, barattoota Oromoo sochii fincilaa taasisan yeroodhaan gara poolisiitti dabarsanii kennuu akka qabu gara Presedaantiitti dhaamamee, bulchaan ykn presedaantii mooraa Yuuniversitii Wallaggaas sodaan waan itti dhagayameef waan mootummaan Wayyanee itti gadi buuse kana raawwachuu hin dandeenye, gaaffiin barattootaa tokko humni waraanaa mooraa barnootaa keessa maaliif seena kan jedhu ifatti keessatti argama.

Kutaa Magaalaa Finfinnee Naannoo Kaasanchiis Keessatti Gaafatama Kan Qabu Gargaaraan Saajin,Xilahuun Caraanaa Oromummaa Isaan Yakkamee Hojii Irraa Arihamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Sadaasa gaafa 20,2014 gargaaraan Saajiin, kutaa magaalaa Finfinnee naannoo Kaasanchiis jedhamu irraa hojjetu,guyyaa kana galgala keessaa akka sa’a naannootti sa’a 12:30 irratti xalayaan hojii akka gadhiisuuf itti kenname, gargaaraasa Saajin Xilahun Caraanaa maqaa addaa Gaaddisaa Caalaa Dabaloo kan jedhamu qaba. Gargaaraan Saajiin Xilaahun rakkoo uumata Oromoo irra gahuu fi hidhaa yeroo irraa yerootti uumata irratti raawwatamaa ture guddisee kan mormuu fi qonnaanaan bultoota naannoo Shaggar irraa lafti irraa fuudhamee ammos mana hidhaatti guuraman maaliif yakka tokko malee hidhamu jechuun mormii keessa mootummaa keessatti kaasaa ture. Haala kanaa fi FDG Qeerroon deemu waliin jira sababa jedhuu fi tikoota ABO magaalaa Finfinnee fi naannoo keessa jiran waliin hidhata qabda sababa jedhuun mootummaan Wayyaanee hojii irraa akka arihamuu fi gara hojii isaatti akka hin deebine xalayaa ergeefiin beeksise.

Gama biraadhaan naannowaa Finfinneetti naannoo xixiqqaa magaalaa Finfinnee irratti nama 80,80n basaasota maqaa  hojii garagaraan uummata keessatti akka bobbahaniif har’a leenjiin Wayyaaneen kennamu kan eegaleedha. Leenjin kun kan kennamu naannoo
Samiit jedhamutti yoo tahu hojiin namoota kana wal qoqqooduudhaan uummata keessatti hojii basaastummaa, humna nageenyatti dabalamuudhaan, akkasuma odeessa kan funaanuun mootummaadhaan gahu, kun magaalaa Finfinnee fi naannoo ishee qofatti kan qophaayee lenjin isaa har’a kan eegaleedha, sochii Qeerroo laamshessuuf namoota saba garagaraa keessaa filuudhaan hanga nama 80tti mootumma waan aangoo isaa irrattu utubu, haala uummanni irra jiru kan gabaasa godhanii fi basaasani fi hojjetoota mootummaa keessaas mootummaa waliin kan hin jirre, gocha mootummaa wayyaanee kan balaaleffatan gara mootummaatti dhiyeessuu irratti adda durummaadhaan kan hojjetan dursee filannoon dura tolfachuuf akeekkatee ka’uu isaa maddi gabaasaa Qeerroo ni ibsa.

SBO Sadaasa 23 Bara 2014

Aside