Oromoonni 160 Mana Hidhaa Shaggar Lixaa, Amboo Keessa Jiran Gaaffii Mirgaa Kaasuu Irraan, Hojii Humnaa Hojjechuu fi Nyaataan Akka Miidhan Taasifame; Nama 10n Irrattis Reebichi Hamaan Raawwatame.‏

Aside

Odeessa Qeerroo Shaggar Lixaa, Amboo Sadaasa 18,2014.
Oromoonni gaaffiilee mirga Oromoo utubu gaafattan sababa jedhuun Oromumaan yakkaman 160 mana hidhaa Shaggar lixaa magaalaa Ambootti hidhamani jiran
guyyaa gaafa SadaaBecause I am Oromosa 16 fi 17,2014 gochaa mootummaan Wayyaanee hidhamtoota Oromoo irratti raawwatu balaaleffachuu dhaan mana hidhaa jiran keessatti fincila jabaa ta’e kaasuun jeeqamsi loltootaa fi hidhamtoota jidduutti ka’e salphaa hin turre. Haala kanaan Oromoota 10 sababaa fincila kana duuba jirtu jedhuun reebichi akkaanii irratti raawatamee miidhaan guddaa irra gahee jiraachuu Qeerroon Ambo irraa gabaasa. Oromoonni loltoota Wayyaaneen akkaan reebaman kun miidhaan jabaa waan irra gaheef haala yaaddessaa keessa jiraachuun gabaafama.

Akka gabaasaa Qeerroo itti ilmaan Oromoo mana hidhaa magaalaa Amboo keessatti hidhamani jiran kan dhiyoo hidhamani jiranis tahe kan yeroo hedduu mana hidhaa kana keessa turan ji’oota muraasaa asitti mootummaan Wayyaanee hojii humnaa guyyaa guyyaa hojjechiisuudhaan, itti dabaluudhaan ammoo nyaata sirna qabeessaan akka hin arganneef irraa kutuudhaan miidhaa gurguddaa irraan gahaa ture, haalli hidhamtoota kanatti cimaa dhufuudhaan guyyoota lamaan kana hidhamootni 160 ol tahan fincila mana hidhaa keessatti kaasan.

SBO Sadaasa 19 Bara 2014

Aside

Irreechi Malkaa Araaraa,Wallagga Naqamte Irratti Kabajame

Aside

Sadaasa 16,2014 Wallagga Naqamtee irratti gaggeeffame.
Irreechi barana Sadaasa 16/2014 Malkaa Araaraa irratti tahekan Wallaggaa Leeqaa Naqamtee irratti taasifame uummata lixa shagarii fi Wallagga magaalaa Naqamtee fi barattoota yuuniversitii fimanneen barnootaa garagaraa guutummaatti kan hirmaachiseedha. Waggoota tokko dura kan gaggeeffame baayinniuummataa kan baranaa dachaadhaan akka dabale uummata kumaatama hedduudhaanlakkaawaman hirmaachise jira.
Buufata malkaa kanatti Qeerroon sirboota qabsoo garagaadhageessisee jira,keessattuu dhaadannowwan:
– Qaroon oromoo ABO dha.
– Yaa oromo mirgakeef ka’ii falmadhu
– Nuti oromoodha, nuu haa beekani.
– Oromiyaan ni bilisoomti kan jedhuu fi sirbootniqabsoo hedduun uummata kakaasuu fi sirboota qabsoo qeerroodhaan sirbamankeessatti poolisoota kan hirmaachise uummata waliin sirboota Qeerroo irrattihirmaachuudhaan haala nama boonsuun kan gaggeeffameedha.
Akkuma olitti ibsuuf yaaleetti uummanni jiraattootni garashawaa lixaaa jiraatan hunduu ayyaana irreechaa malkaa Araaraa kana irratti kanargamaniidha. Irra caalatti barattoota
yuuniversitii fi koollejjii akkasumamana barumsaa sadarkaa garagaraa magaalaa Naqamtee, Siree,Baakkoo fi kkf niinkan dhuunfatameedha. Sochii qeerroodhaangodhame keessatti humni waraanaa poolisoonni jiran hunduu uummata waliin haalahoo’aadhaan guyyaa kana kan kabajanii oolanii fi dhaadannoolee uummata oromoofwaamicha taasisu, uummata kakaasan irrattillee kan hirmaatanii jiraniidha,uummanni hunduu kan irreecha kana irratti argaman nageenyaan bahee
guyyaakeessa sa;a 7:30 irratti gara qe’ee isaatti kan galeedha. Guyyaa irreechaMalkaa Araaraa kana ilaalchisee gabaasa dabalataa isiniin geenya, waraabbiiqabnuuf haala mijeessinee isiniin geenya, nu eeggattu!

Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa..na dhiisi jennaan na didde Wallisaa Biiniyaam G. /Clip Jalqabaa,

Aside

Nairobi Kenya Keessatti Sadaasi 9 Guyyaan FDG Sirna Howwaa Taheen Hawaasa Oromoon Kabajame.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, November 17, 2014

Aside