Oromiyaa dhihaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti yaadannoon FDG waggaan 9faan sabboontotni ilmaan Oromoo wareegama qaqqaalii irratti kanfalan, sabboontota, qabsaa’ota fi human addaa WBO godina dhihan sadaasa 6 /2014 irra eegaluun haala itti fufinsa qabuun kabajame.
Ilmaan Oromoo waamichaa dhaabni kallachi qabsoo bilisummaa Oromoo ABO fincila diddaa garbummaa ((FDG)) uummata Oromoo hundaaf godheen guutummaa Oromiyaatti mootummaa abbaa irree TPLF irratti finciluun sochii warraqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO’n durfamu boqonna haara banuun sagaleen uummata keenyaa sadarkaa addunyaatti dhageettii guddaa kan itti horedhadha. Ilmaan Oromoo gameeyyiin, dargaggeessi, barattootni, barsiisotni, qonnaan bulaa fi daldalaan karaa nagaa fi dimookirasii sagalee isaanii dhageesisuuf ba’anii kumootaan kanneen lakka’aman tarkaanfii mootummaan Wayyaanetiin gaaga’amaniiru.
Kumootaan kanneen lakka’aman hidhattii ukkaanfamanii isan keessa kaan har’a illee eessa buuteen isaanii kan hin beekamne jiru; hedduun biyya irraa arii’atamaniru. Tarkaanfiin garaa laafina tokko malee wayyaneen hanga guyyaa har’aa qabsa’ota, fi sabbontota ilmaan Oromoo irratti fudhacha jirtuu uummata Oromoo gara qabsoo FDG daran kan jabeesse malee duubatti deebisuu hin dandeenye. Adeemsa kana bu’uura godhachuun sadaasni 9 yaadannoon FDG bara baraan uummata Oromoon kan kabajamu ta’uu gabaafamera.
