Sadaasa 12,2014 Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyiitti FDG uummataa fi gootota dargaggoota Qeerroo Oromoon qabsifame jabaatee itti fufe. Kanaan wal qabatees mootummaan abbaa irree Wayyaanee sabboontota ilmaan Oromoo nagaa hidhee dararaa jira.
Uummatni Oromoo aanaa Midaa Qanyii dargaggoota barattoota M/B Ballammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina waliin ta’uun ”Sammichi lafa Oromoo irratti bara baraan gaggeeffamaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba, addaatti Mootummaan abbaa irree Wayyaanee lafa uummata Oromoo albuudaan hedduu gabbataa ta’ee gurgurachuun qabeenyaa keenya tigrayitti guuraa ture, ammas kanuma amaleeffachuun lafa albuudaan gabbataa ta’e kan aanaa Midaa Qanyii gammoojjii Garaadoo, Anoonuu fi Nyaabartti argamuu” bifa haaraawaan gurguraachaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba jechuun FDG sirna nama nyaataa Wayyaanee angoo afaan qawween qabatee jiru irratti finciluun nuti mootummaa nu bulchu hin qabnu, mootummaa qabeenyaa leechelloo Oromiyaa eeguu hin qabnu, Oromiyaan saamamaa jira, ilmaan keenya maalitti guddatu harka walqabannee mirga keenya falmachuuf haa kaanu jechuun uummatni daddaa dargaggoota barattoota Oromoo qeerroon hogganamu cina dhaabbannee mirga keenyaaf ni falmanna jechuun FDGtti seename jira.
Abbaan irree Wayyaanee qawweetti amanu gaaffii uummatni karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffachaa jiruuf deebii humna waraanaa itti bobbaasuun doorsisuu, hidhuu, ajjeessuu fi nannoo irraa arii’achuu irratti argama. Baadiyyaan Aanaa Midaa Qanyii illee humna poolisaa Federaalaan eegamaa jirti.
Haaluma kanaan ilmaa Oromoo FDG narratti qindeessitan jechuun hidhamuun ibsame jira. Ilmaan Oromoo FGD qindeessitan jechuun hidhaman:
- Obboo Mangistuu Moosisaa daldaalaa magaalaa Baallammii,
- Barsiisaa Yaaloo Bantii,
- Barataa Taarikuu Gusoo
- Barataa Biyyansaa Dhibbaa
- Barataa Tasfayee Biyyansaa kanneen kessatti argamani.
Ummanni Oromoo nagaan gaaffii mirgaa waan gaafatanii fi maaliif biyyi keenya gurgurama jedhanii waan gaafataniif balleessa tokko malee humnaan qabamanii wajjiraa Poolisii aanaa Midaa Qanyiitti hidhamuun dararama jiraachuun gabaafame jira. Goototni uummatni Oromoo Aanaa Midaa Qanyii ilmaan keenyaa gaaffii keenya gaafatan atattamaan hiikamuu qabu jechuun guyyaa kaleessaa bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii gaafachuun gaaffii sammicha lafaa fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa isin gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba jechuun bulchiinsa aanichaa dhiphisan.
Bulchiinsii aanaa Midaa Qanyii wa’ee gurgurtaa lafa Albuudaan gabbataa ta’ee kan Garaadoo, Anoonuu fi Nyabaritti argamu kana nuti waan tokko quba hin qabnu, warrii bitate xalayaa deeggaraasaa hojii investimentii fi babaldhina warshaaleef jedhu mootummaa federaalaa irra fidatan, mootummaan naannoo Oromiyaas quba waan qabu nutti hin fakkatuu, Gaaffiin keessan gaaffii mirgaa fi sirriidha, gaaffiin barattootas siriidhuma jechuun uummata amanee jira. uummatni erga bulchiinsii aanaa, Godinaa fi Oromiyaa utuu hin beekiin Wayyaaneen isin irraa utaalee lafa keenyaa fi qabeenyaa keenya kan gurguru ta’ee ga’een keessan maalii? gibra qofa wayyaaneef sassabuudhaa?? FDG gaggeessa jirru keessatti qooda keessaan ba’uun mirga keenyaaf haa falmannu, hamma yoomitti halagaan nu saamaa? maaliif halagaa biyya samsiftuu? daa’imni keessan boruu eessaa dhaqxii? jechuun uummatni diddaa isaa jabeessuun kan itti fufaa jiru ta’uu Qeerroo FDG qindeessaa fi gaggeessa jiru magaalaa Baallammii irraa gabaaee jira.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk