Barattooti Oromoo Mooraa Yuuniversitii Dabra Maarkos Dhiibbaa Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneen Irraan Gahu Irraa Kaasanii Ibsa Ejjetnoo Kennatan.

Aside

DIDDAA 2Nuti barattootni saabboontotni Oromoo mooraa Yuuniversitii Dabra Markos jirru, hojii mootummaa Wayyaanee Yuunversiitiilee Naannoo Oromiyaa alaa keessaatti raawwatu akka afaan Oromoo hin dubbatamnee fi aadaan Oromoo hin callaqisne gufuu ta’aa turuu isaanii ni hubanna.

Yuuniversitiilee garagaraa Oromiyaa ala jiran keessattis shira habashootaan kan akka yuuniversitii Goojjam, Bahardar, Maqalee, Aksum fi kkf keessatti barattootni Oromoo hedduun utuu jiranii darbanii afaan isaaniin dubbachuu dadhabaa turaniiru. Yeroo ammaa bu’aa qabsoo Oromoonni kumaatamaan irratti wareegamaaniin argame tiksuu fi bakkaan ga’uuf gaaffii barataan Oromoo mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuun gaafataa jiraniin kumaatamnii hidhaatti darbamanii, kaan ariiyatamanii kaan wareegamanii darbaniiru.

Keessattuu barataan Oromoo yuuniversitiilee naannoo habashaa keessa jirru(naannoo Oromiyaan ala) gumiiwwan aadaa fi afaan Oromoo guddisuun achi haa hafuuti mooraa yuuniversitii akkanaa keessatti dubbachuunuu akka yakkaatti ilaalama. Haa ta’u malee nuti barattoonni sabbontota Oromoo yunversiitii Dabra Maarqos keessa bara 2014 kana keessa jirru yeroo rakkoo tahe kana keessa darbamuun walitti dhufnee eega marii’annee booda gumii guddina afaanii fi aadaa Oromoo mooraa kana keessatti hundeeffachuun bakka itti barataan Oromoo wal arguu fi wal yaadatu tokko gadi dhaabbachuu keenya yeroo ibsannu gammachuudhaani.

Guutummaan eejjetnoo kanaa:- Barattoota Y. D. Maarqos.doc

Sadaasa 9 Guyyaa FDG Ilaalchisee Faaruu Hawwisoo Qeerroon Har’a Sadaasa 9,2014 Gadhiifame.

Aside

Gootota Baratoota Oromoon,Jalabultiin Yaadatnoo FDG Sadaasi 9 Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Bifa Howwaa Taheen Kabajamaa Bule.

Aside

Sadaasa 8,2014 Guyyaan Yaadannoo FDG Sadasni 9 marsaan 9ffaa gootota Qeerroo barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaan jalbultii isaa irraa eegaluun haala ho’aa ta’een kabajamaa jira.
Goototni Qeerroon dargaggootni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa mooraa arfan main Campus, Agriculture, Sayinsii fi Teekinooloojii, Economics and Bussiness fi Kolleejjii barsiisota Jimmaan haala ajaa’ibsiisaa ta’een kanbajamuu egalee jira. Goototni
Qeerroon barattootni Oromoo sagalee faaruu goototaa dhageesisuun gootota ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif jecha wareegama lubbuu baasan farfachuun namoota dhuunfaa, akka walitti dhufeenyaa fi caasaa ijaarsaa fi miseensotni Qeerroo barattoota Oromoo addaatti bifa qinda’een Sadaasa 9 yaadannoo FDG marsaa 9ffaan bifa adda ta’een kabajamuu eegalee jira.
Goototni barattootni Oromoo goota bilisummaaf wareegameef hin boo’an ni faarsu malee jechuun walleelee warraaqsaa kaachisuun gootota ilmaan Oromoo bilisummaa saba isaaniif wareegaman faarsuun jabaatee itti fufe, walleelee warraqsaas kaachisuun kaayyoo goototni ilmaan Oromoo irraatti wareegamaa jiran galmaan ga’uuf muratnoo fi kutannoo qabsoo bilisummaa Oromoof qaban ifatti diinatti argisiisan.
Addatti immoo mooraa Saayinsii fi Tekinooloojii keessatti Qophii anaa dhufuu barattoota haaraaf gumii guddina, aadaa, seenaa fi afaan Oromoo waliin qindeessuun, sirnni yaadannoo sadaasa 9 guyyaan FDG marsaa 9ffaa kabajameera. Walleeleen warraaqsaas itti fufinsaan qabsiifaman, goototni barattootni Oromoo mooraa keessa gara Magaalaa Jimmaatti gadi ba’uun daandii cufuuf wayita sochii cimaa gochaa jiranitti human waraanaa guddaa Magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa eegaa jiruun ittifaman . Walleeleen Warraaqsaa kanneen akka:
”Siifan lolaa uummata narra hingortuu, siifan lolaa yaa lola Eeboo,hin beeloftee moo hin dheebotte yaa Abo , hin beelofnee hin dheebonnee seena baddee na boosisa yaa abo, akka Taaddee Birruu, akka Abishee Garbaa, Akka Maammoo Mazammir, Akka Laggeesee Wagii, akka Tasfuu Camadaa, Akka Jaagamaa Badhaanee, akka Alamayyoo Garbaa, akka Gaadisaa hirphaasaa siifan loolaa uummataa narra hingortuu, gumaa ijoollee keenyaa Uummataa nargortuu, kaanee haabafannuu uummataa nurraa gortuu, hanga bilisummaa qabsoon itti haafuftuu, kan jedhuu fi
Sirba hirphaa Gaanfurree, Bishaan Oromiyaa caffee keessa yaatii fi wallee warraaqsaa Eebbisaa Addunyaa ”eenyu isheen daangaa Oromoo tuqxuu irra ejjettee Morma ishee hin kuttuu”‘ jechuun Ilmaan gootaa gootota ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman yaadachaa bulan.
Kana Maleessi barruuleen Warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo qabatee fi Dhaadannoo garaagaraa qabsoo bilisummaa Oromoof nama onnachiisaan of irraa qabu, magaalaa jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti uummataaf raabsaman, magaalaa keessattis haalan bittinneeffamaman, suuraan gootota Oromoos uummataa fi Qeerroon waliif kennaa jiraachuun ibsamera. haaluma kanan walqabatee FDG guddaan dhalachuuf jira jechuun mootummaan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa seenuun human waraanaa guddaa maqaalaa Jimmaa keessa mooraa ”Waraana dhihaa” kutaa 12ff jedhamuun beekamu keessa gadi yaasuun halkan guutuu magaalaan Jimmaa fi Yuunibarsiitiin Jimmaa Waraanaan eegamaa jirti. Soda guddaa sochii kana irraa qabduunis Wayyaaneen tajajila Interniitii fi Network ukkamsaa jiru.

 

Guyyaa FDG Sadaasa 9 Yeroo 9ffa Har’a Kabajama.

Aside

 

Fincila-Diddaa-Gabrummaa

Sadaasa 9,013

SBO Sadaasa 09 Bara 2014 Oduu fi Qophiilee Adda Addaa Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo FDG Waggaa 9ffaa kan ilaallatan

Aside