Hagayya 27,2013 FDG Itti Fufeen ” Diiga Keenyaan Oromiya Ni Bilisoomsina” Jedhu Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa. Loltooti Wayyaanee Meeshaan,Barattooti Ammoo Harkaan Walitti Seenaniiru.

Aside

Breaking News-Diddaan Barattoota Oromoo Yunversitii Wallaggaa Caalaatti Hammaate. Waraanni Agaazii Barattaa 810 Eda Hidhuun FDG Daran Finiinse.

Aside

Sagalee Guutuu FDG Guyyaa Har’aa Hagayya 27,2014 Deemaa Jiru Irraa Hamma Tokko

Breaking News-Yuniversitiin Wallaggaa Dirree Waraanaa Taate.Wayyaaneen Humna Loltuu fi Meeshaa Waraanaan,Barataan Oromoo Ammoo Harka Duwwaa Walitti Bobba’an. Barataan Oromoo Tokkos Saba Isaaf Wareega Qaalii Kafale.

Aside

Hagayya 27,2014 Naqamte

diddaa9Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaaggaa eda hakan walakkeessaa irraa eegaluun hammeenyaa fi roorroo mootummaa abbaa irree Wayyaanee mormuu irraan FDG itti fufanii jiru. Gootonni barattooti Oromoo kun FDG Yuuniversitoota Oromiyaa keessatti qabsiifameen faana bu’uun diddaa roorroof jecha sagaleen jabaan dhageessifachuu itti jiru.

Mootummaan Wayyaanee dirqiin walgahii yaamee barattoota afaan fajjeessuuf kan saganteeffatee ture mormuun aanaa lee Horroo Guduruu,Qeellam,Gimbii,Arjoo fi Leeqaa keessaa walitti qabuun humnaan dirqanii amansiisuu kan jedhu imaamata godhatee jiru guutummaatti dura dhaabbatanii jiru.Mormii torbee tokkoo iliif deeme kana keessatti kan guyyaa har’aa haalaan jabaataa fi sagalee dheekkamsa jibba roorroon kan guutame yeroo ta’u dhadatnoon barattootaa keessa gariin:-

  • Gaaffii mirgaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba,
  • Hidhaan, ajjeechaan , barnoota irraa arii’atamuun nurraa dhaabbachuu qaba,
  • Oromiyaan ofiin of bulchuu qabdi, bittaa mootummaa abbaa irree
  • Habashaa TPLF/EPRDF jalaa ba’uu qabna.
  • Humni waraanaa rasaasaan nu reebaa jiru seeraatti dhiyaachuu qaba,
  • Gaaffiin keenya gaaffii mirgaati, gaaffii bilisummaa uummaata Oromooti,
  • Oromoo bakka jirtuu harka walqabadhuu ka’ii!!
  • Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun dhaabbachuu qaba,
  • Mootummaan EPRDF/TPLF wayyaaneen walaaltuun uummata keenyaa irratti waraana bobbaasuun rasaasaan nu ajjeessaa jirtu nu hin bulchitu.
  • Walaga’ii humna waraanaan dirqamnee taa’uu hin barbaadnu, Wayyaaneen nu ajjeesaa walga’ii nu teesiftuu kun uummataa Oromoo hundaaf hirmiidha., walga’ii wayyaanee hin fudhannu.
  • Gaaffiin mirgaa abbaa biyyummaa uummaata Oromoo kabajamuu qaba,
  • Oromiyaan bilisoomuu qabdi,
  • Nuti haqaaf falmannaa, nuti bilisummaa keenyaaf falmanna,
  • Hidhaa fi ajjeechaan bilisummaa keenyaaf falmachuu irraa duubatti nuhin deebisu,
  • Finfinneen kan Oromooti, faayidaan Finfinnee irraa Oromoon argatuu nuuf eegamuu qaba.
  • Master Planiin Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba,Nuti Oromoon biyyaa keenyaaf falmanna, bilisummaa keenyaaf falmanna

jechuun dhaadannoo sagalee guddaa of keessa qabu dhageesisuun walga’ii wayyaanee irratti FDG guddaa qabsiisan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii FDG gootota dargaggoota qeerroo Oromoo kana dhaabsisuuf humna waraanaa guddaa loltoota Agaazii jedhamuun beekaman mooraa Yuunibarsiitiitti ol galchuun doormii barattootni keessa bulan irratti dhukaasa guddaa banuun Yuunibarsiitiin Wallaggaa dirree waraanatti jijjiiramtee jirti, Magaalaan Naqemtees dirree waraanaa fakkaatti.

Dhukaasaa guddaa loltootni Wayyaanee doormii barattoota irratti bananiin barataan Oromoo tokko rasaasaan rukutamee reeffii isaa illee halkan kanaan eessa buuteen isaa dhabamee jiraachuun ittumaa gootota barattoota Oromoo FDGf kan kakasee ta’uun ibsamee jira. Yeroo ammaa kanattis goototni barattootni Oromoo doormii warri Wayyaaneen maqaa walga’iin kennaniif gadi lakkisuun mooraa Yuunibarsiitii keessaa naanna’uun dhaadannoo guddaa dhageesisuun, walleelee warraaqsaan ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo ABO gaggeeffamu faarasan, ABO’n dhaaba dimookiraataawaa kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo ta’uun gootota dargaggoota qeerroo barattoota Oromoon leellifamee jira. Mootummaan Wayyaanee shororkeessituu fi abbaa irree itti gaafatama jalaa ba’uu hin dandeenye ta’uu barattootni Oromoo waraana Wayyaanee dura dhaabbachuun ibsan. Haalumaa kanaan yeroo amma kanatti FDG guddaan qabsiifamee mooraan Yuunibarsiitii Wallaggaa dirree waraanaa guddaa fakkatee argamtii, haalli kun keessattuu halkan edaa kana gara barii halkan keessaa sa:atii 9:00 irraa eegaluun FDG guddaan mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti jabaachuun yeroo ammaa kana sagaalee dhaadannoo guddaa fi dhukaasaa loltoota wayyaanee wal irraa hin citneetu dhagaa’ama jira.

 

SBO Hagayya 27 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu – Gaaffi fi deebii barataa Yunivarsitii walgahii wayyaanee irratti hirmaataa jiruu fi qophii biroo akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Yuuniversitiilee Oromiyaa 9 Keessatti Gaaffiilee Barattooti Oromoo Kaasaniif Qondaaloti Wayyaanee Deebii Dhabuun Muddama Seenan.

Aside

diddaa9Barattooti Yuuniversitiilee garagaraa 9 irratti walgayii dirqamaa mootummaa Wayyaaneen teessifamaa jiraa.Walgayiin kan eegale Hagayya 21,2014 irraa kaasee yoroo tahu hanga ammaatti sirna qabeessaan barataan kamuu koreewwan dirqama TPLF irraa itti kenname galmaan gahuudhaaf walgayii kana gaggeessaa jiraniif yaadaafi dirqama TPLF irraa itti kenname sirnaan dudhatanii xumurachuun isaanii hin argamne.Mootummaan Wayyaanee waan itti hin yaadne walgahii kana irratti gaaffii mirgaatu itti dhihaata. Kana itti yaadanii qindeeffataniin ala ta’ee gara FDG itti ce’e.

Yuuniveresitoota hunda keessatti jalqabuma irratti gaaffiwwan barattootni kaasanif deebiin hin argamne, dhimma durgoon wal qabatee gaaffii barattootni Yuuniversitii Wallaggaa kaasan deebiin kenname yoo deemtan deemaa galaa,nyataa fi bakka bultii isin dandeenyeerra kaffaltii waan nurraa eegdan hin qabdan jedhanii waan deebisaniif  gaaffii irratti gaaffii itti fufsiisuuf walii galteedhaan Yuuniversiti hunda irratti kan dhiyaatee jiru  Hagayya  25 fi Hagayya 26 akka kanaa gadiitti tarreeffamee jira, dilbata darbee jechuun Hagayya 24 walgayiin hin gaggeeffamne bakka hundaattu.

Gaaffiwwan Dhiyaatan Barattoota Irraa Hagayya 25 fi 26,2014

  1. Mootummaadhumti biyya bulchu kuni hojjetoota isaa kan filatamaniif kanaaf ilaalcha akkamiiti kan qabu akka dhuunfaatti? Hojjetootni baayeen rakkoo uuman jedhee waajjira tokko irraa gara waajjira biraatti dabarsa,murtoo itti hin fudhatu,murtoo fudhachuu irra waajjira itti jijjiira,hojiidhaaf utuu hin muudin dura maaliif xiinxala hin godhuu? Ofitti amanamummaa guututti hin qabuu?
  2. Maqaa Inverstmentiin uumata Oromoo irraa lafti saamame hatattamaan haa deebi’u,yoo deebi’uu baate FDG barattooti kaasan gaaffii haqaati jettanii maaliif hin fudhanne?
  3. Uummanni tokko mirga saba isaatii falmachuu fi haqa nin qaba jedhee yoo dubbate maaliif hidhamaa?
  4. Barattoota Oromoo hidhuu fi uumata Oromoo lafa isaa irraa buqisanii hiyyeessa taasisuun,biyyaa ari’uun yoom dhaabbataa? Kun imaamata mootummaati moo maali ifa nuu ta’uu qaba.
  5. Barattooti Oromoo hidhamanii fi ukkaamfaman yoo hattattamaan hin gadhiifamiin mirga keenya yoo falmanne shororkeessaa nama taasisaa?
  6. Uummanni Oromoo fi saboonni biroo kan jedhan shororkeessaan mootummaa Wayyaaneeti kan waraana isaa araddaa hundatti bobbaasee uumata hidhuu fi ajjeessu jedhu,isin ammo barataa dabtaraa fi qalama qofa of harkaa qabuun shororkeessaa dha jettu,isa kamtu sirrii dhaa?
  7. Lafi maqaa investimentiitiin wal qabatee mootummaan Wayyaanee qabee jiru jira, ykn uummanni keenya irra hin qotatu,itti hin fayadamu maalif qabamee lafa taa’a? uummata keenyaaf kennamee maalif misoomi irratti hin gaggeeffamu yknis mootummaan maaliif lafa akkasi irratti xiyyeffannoo gochuu didee jiraa? Gaaffii Barattootni Oromoo Yuuniversitiilee 9 irratti hagayya 25 fi 26 kae

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa Kan Hagayya 25,bara 2014

Aside

Gaaffiin Mirga Bu’uuraa Barattoota Oromoon Ka’e Maalii ?????? Hagayya 2014

Aside

Nuti Oromoo dha!

Oromoyaan Biyya Keenya!

Nuti Itiyoophiyaa Miti!

Itiyoophiyaan  Ollaa Keenya!

Mirgi kan Oromooti

Dirqamatu Manaa Nu baase!

Wal geenyee biyya keenya haa falmatnu!

Ummanni Oromoo Qe’ee Isaa Irraa Buqa’uun Haa Dhaabbatu!

ABO Karra Nuu Bani Mee… (Faaruu)

Ka’I Qeerroo Dubbiin Booree Taate(Faaruu)

Qabsoo itti fufa! Barattootii fi qabsawoti keenya arihaman haa deebi’an!

Oromoon lafa isaa qaba.Laftii Oromoo kan Oromooti !

Fi gaaffiilee ijoo mirga uumata Oromoo irratti rarra’u kaasuun haga falmatan………………..

 

Qeerroo FDG | Amboo | Hagayya 2014 (Oromo/Oromia)

Aside

http://youtu.be/LuUT7JmrO7Q

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast with special report on FDG, August 25, 2014

Aside

Breaking News:- ABMBO Waraanni Agaazii Barattoota Oromoo 53 Irratti Miidhaa Guddaa Geessisuun Isaa Daran FDG Jabeesse.

Aside

Irree diinaa ni cabsina

Gabaasa Qeerroo Amboo  Hagayya 25,2014 Goototni barattootni Oromoo Yuuniversiitii Amboo karaa nagaa mirgaa fi kan dimokraasiikaasuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa sababa gaafataniif jecha mootummaan faashistii Wayyaanee(Itiyoophiyaa) Waraanaa Agazii Wayyaaneetiin ukkanfamani barattoota 230 mana hidhaa Wayyaanee galma mootummaa magaalaa Amboo keessatti argamutti hidhaman.

Sabboontootni barattootni Oromoo fedhii isaanii malee waraanaa Wayyaaneetiin dirqamanii akka walga’ii afaan faajjii mootummaa Wayyaanee ta’aan kan ta’ee kana irraatti barattootni Oromoo uummatni keenya Oromoon utuu jumlaan hidhamuu, qee’eef qabeenyaa irraa buqqifamuu , Ajjeefamuu, gara dabarfamuu, barnoota irraa Arii’amuu waraanaan doorsifamnee walga’ii Wayyaanee taa’uun hirmii nyaachuudha jechuun FDG guyyaa hanga guyyaa har’atti utuu wal irraa hin kutiin mormii guddaan sirna mootummaa Wayyaanee jala dhaabbachaa jiru.

Sabboontoti barattooti Oromoo 230 hidhaman keessaa waraana Wayyaaneen gara malee reebamuu fi miidhaan guddaa irra gahee hidhaa keessatti dararamaa jira keessaa  gadiiti:-

1.Barataa Lammii Tarrafaa barataa Engineering waggaa 4ffaa
2. Barataa Firaa’ol Ajjamaa barataa Engineering waggaa 3ffaa
3. Barataa Firaaol Ayyaanaa barataa Enginering waggaa 3ffaa
4. Barataa Abbush Fiqaaduu barataa Engineering waggaa 2ffaa
5. Barataa Girmaa Caalaa barataa seeraa waggaa 3ffaa
6. Barataa Haptamuu Getachoo barataa Engineering waggaa 4ffaa
7. Barataa Fufaa Galataa barataa fayyaa waggaa 2ffaa
8. Barataa Tasfaayee Guutuu barataa fayyaa waggaa 3ffaa
9. Barataa Qaabataa Itichaa barataa seeraa waggaa 2ff
10. Barataa Misgaanaa Wadaajoo
11. Barataa Tulluu Balaachoo
12. barataa Dammanaa Tolasaa
13. Barataa dhugaasaa Tarreessaa
14. Barattuu Meetii Nagarii- reebamuun miidhaan irra gahe
15. Barataa Tafarii Abdiisaa
16. Barataa Mulgeetaa Baqqalaa
17. Barataa Mulgeeta Takkalaa
18. Barataa Mulunaa Lataa
19. Barataa Leencoo Ababaa
20. Barataa Lataa Kabaa
21. Barataa Lammii Dabalaa
22. Barataa Shukkaraa Cimdii
23. Barataa Beenyaa Caalaa
24. Barataa Obsinaan Iddeessaa
25. Barataa caalchisaa Faajjii
26. Barataa Abush Fiqaaduu
27. Barattuu Leensaa Hayiluu- reebicha irraan gahan
28. Barataa Hundee Uumaa
29. Barataa Mootummaa Abdiisaa
30. Barataa Daanyee Galataa
31. Barattuu Obsee Lalisaa — uccuu alaabaa uffatte jechuun reebicha irraan gahan
32. Barataa Taddasaa Dheeressaa
33. Barattuu Elzaabet Laggasaa barattuu reebichi hamaan irra ga’ee ilkaan lama irra caccabee jiru.
34. Barataa Roobsan Waaqumaa
35. Barataa waqumaa Rattaa
36. Barataa Lataa Kabbadaa
37. Barataa Olqabaa abdataa
38. Barataa Margaa Hundee
39. Barataa Fayisaa Birraa
40. Barataa Firoomsaa Sarbeessaa
41. Barataa Firrisaa Fajjii
42. Barataa Diinayas Daggafuu
43. Barataa Gammachiis Qalbeessaa
44. Barataa Dhaabaa moosisaa
45. Barataa iddoosaa Magarsaa
46. Barataa Hirphaa Gadaa
47. Barataa Darajjee Shambal
48. Barataa Dammanaa Tolasaa
49. Barataa Geetuu Beekii
50. Barataa Geetuu Humneessaa
51. Barataa Raggasaa Abdisaa
52. Barattuu Caaltuu
53. Barattuu Galaanee kanneen jedhaman kan keessatti argaman barattootni Oromoo 53 kun Hagayya 23,2014 Mana hidhaa keessaa fuudhamanii addatti miidhaan jabaa irra gahuu gabaasi Qeerroo addeessa.