Oromiyaa:- Walaloo Waayee Irreessaa/Qeerroo

Raadiyoo Seife Nebelbal Onkoloolessa 18,2013

Aside

Wallaggaa,Aanaa Hawaa Galaan Keessatti Ayyaana Masqalaan Wal Qabatee FDG Gaggeefameen Oromooti Hidhaman.

Aside

Onkoloolessa 18,2013 Dambi Doollo

BilisummaaGabaasaa godina Wallaggaa annaa  Qellem,Hawwaa Galaan irraa boodana nu dhaqabe akka addeessuttti Fulbaana 27,2013 ayyaana masqalaa sababeeffachuun uummanni Oromoo jiraattota Hawaa Galaan ta’an walitti dhufuun sirboota aadaa Oromoo fi  qabsoo dhageessisuudhaan tokkummaa uummataa fi sochii warraaqsaa deemsisaa waan turaniif dabballootaa fi bulchitoota Wayyaanee naannichatti argaman garaa gubaa akka turan gabaafamee jira.

Haalli Oromoon ittiin ayyaana ayyaanefatuu fi sochii guyyaa masqalaa kana irratti taasise milishoota Wayyaanee biratti yakka waan jedhaniif sabboontota Oromoo kanneen ayyaana masqalaa kana irratti argaman walitti qabuudhaan reebichaan ummataq miidhuu fi namoota 40 ta’an gara mana hidhaa Dambidoollootti akka geessan gabaasi naannicha irraa nu dhaqabe addeessa.

Haala kanaan namoonni yerositti mana hidhaatti geeffaman keessaa hammi tokko akeekachiisaan gadhiifamanii kanneen hafan sochii ABO duubaan jirtu isa jedhuun yakkamuun hanga ammaa mana hidhaa diinaa keessatti argamu. Namootni gariin deggertoota ABO jedhamuudhaan hidhamanii jiran keessaa hamma tokko:-

  1. Kabbadaa
  2. Tamam Qana’aa
  3. Eebbisaa Jiraataa
  4. Balachoo Aalamuu
  5. Surraa Sanbatoo
  6. Gadaa Mangistuu
  7. Tolinaa Tafarii
  8. Mangistu Morodaa
  9. Chuuchaa Shifarraa
  10. Taaddasaa Tasammaa

Kanneen jedhaman aanaa Hawaa Galaan irraa mana hidhaa Dambi Doolloo keessatti kan argaman ta’uu Qeerroon godinichaa gabaasa.

Raadiyoo Simbirtuu Onkoloolessa 17,2013

Aside

Yuunivarsiitii Dabra Maarqos keessatti Diddaan barattootaa dho’e

Aside

Onkoloolessa 16,2013 Deber Marqoos
OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattootaa dhaabbiilee barnootaa keessatti itti fufinsaan deemaa jira. Yuunivarsiitii Dabra Maarqos keessatti barattootni sirna mootummaa wayyaanee mormuun diddaa dhageessisan. Diddaan kun haalaan jabaachaa dhufuu irraa mootummaan wayyaanee waraana federaalaa bobbaasuun diddaa barattootaa ukkaamsuuf yaalii taasisaa jira. Baajatni dhimma barnootaaf ramadamee fi kadhaan dhimma barnootaan dhufu marti hojii siyaasaaf ooluu hin qabu jechuun diddaa kan dhageessisan bartootni Yuunivarsiitii Dabra Maarqos diddaa walii galaa hammachuun finiinaa jira. Haalli kun Yuunivarsiitiilee mara keessatti jabaachaa dhufuu irraa wayyaaneen leenjii namuusaa qopheessuuf tattaaffii jabaa gochaa jira. Leenjiin namuusaa fi miseensota itti kaadhimuuf utaaltu shira wayyaanee fashalsuuf qeerroon qophii tahuu isaas addeessa.

SBO Onkoloolessa 16 Bara 2013

Aside

Qeerroon Bilisummaa Godina Jimmaa Onkoloolessa 13,2013 Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufe!

Aside

Ayyaanni Irreecha Godina Jimmaatti Kabajame.Qeerroon Bilisummaa Diddaa Sirna Wayyaanees Jabeesse!

Aside

Photo0348Onkololessaa 13,2013 Godina Jimmaatti Ayyaannii Irreechaa Malkaa Deeddeetti bakka uummanni kumaataan argametti sirna howwaan kabajame.

Sirna Kabajannaa Ayyaana Irreechaa kana irraatti Onkololessaa 12/2013 galgala Oromoon akkuma aadaa abbaa isaa kaleessaatti Korma Qaluun jalbultii Ayyaanichaa sirna ajaa’ibsisan egan. Qeerroon dargaggoonni Oromoo Yuuniversitii Jimmaa barachaa jiran ayyaanicha irraatti qindomina guddaan argamuun Oromiyaa farsaa, Gototaa Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti Wareegaman kanneen Akka J/ Taddasaa Birruu, Maammoo Mazammir, Elemoo Qilxuu, Abishee Garbaa, Jaagamaa Badhanee, Gaddisaa Hirphasaa, Alamaayyoo Garbaa, Simee Tarrafaa, Laggasaa Wagii , Tasfahuun Camadaa fi Gootota hedduu maqaa dhofnee fixuu hin dandeenyee maqaa isaanii kaasuun Farfatan, maraarsifatan, nuti jjoollee isaniti gumaa isaani baafna jechuun dhaadataa sirboota warraaqsaa kan Eebbisaa Addunyaa, Hayiluu Kitaabaa, Hirphaa Ganfurree, Hacaaluu Hundeessaa, Ilfinesh Qannoo, Adinal Mohaamed, fi kan Artistoota hedduu wal harkaa fuudhuun sirbuun Oromoof jajjabinaa fi barnotaa dabarsuun, jibbinsaa Mootummaa Abbaa Irree Wayyaaneef qaban ifatti ittin mul’ifatan.

Qeerroon Gototni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi bakkota garaagaraa irraa walitti dhufaan humnota tikaa Wayyaaneen marfamanii utuu jirani ABO fi WBO’n gaachana uummataa Oromooti, yaa baala tuufoo ABO, WBO fi qeerroo nuf wayyaa nuufoo jechuun diina garaa kutan humnonni basaasaaf warannii wayyaanee tokkummaa ummataa irraan kan ka’ee waan qabee gadhiisu dhabe . Dargaggoon Oromoo itti fufuun Sirboota Ummataan hedduu sirbuun uummata garaa raasan. Ayyaanni irreechaa kun haala kanaan Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa Malkaa Deeddeetti Sirna ho’aa ta’een warraaqsa  Qeerroo Gootota Baratootaa Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Barsiisotaa Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii barsiisotaa Jimmaan ayyaneffatamee jira.

Aside

Qeerroo Qeeramsa Biyyaa!

Lamiitiin

Sima abdiin bilisummaa Oromiyaa!

Aleelii baasii diina biyyaa!

Har`as ta`e boruus, sima abdiin biyyaa!

Naa jabaadhu! Siin jetti armeen Oromiyaa!

Goota da`een jiraa,kumaa fi kitila biyyaa!

Sirni gabroofataan maaliif na qorqitii lafee kiyyaa?

Naaf  iyyaadhaa, naaf dirmadhaa yaa  ilmaan kiyyaa!

Qeeroo ,fi qarree, ilmaan qomoo  kiyyaa!

Jaarsii fi jaartiin maanguddoon biyyaa,

Adibaarii fi qee keenyarratti salphane kaa biyyaa!

Qaaniin qanii caaluu jiraa kana caalaa?

Qeerroo Qeeramsa Biyyaa

Jalbultiin Ayyaanaa Irreechaa Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa Malkaa Deeddeetti Sirna Ho’aan Kabajame.

Onkoloolessa 15,2013 Jimmaa

Gootota Baratootaa Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Barsiisota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii barsiisotaa
Jimmaan ayyaneffatamaan jala bultiin ayyaana irreechaa sirna miidhagaan kabajamuu qeerroon gabaasee jira.

Qeerroon Dargaggoonni Oromoo sagaalee guddaa fi ifatti ABO fi WBO faarsuun, qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo faarsuun jalbultiin kabajannaa ayyaanaa irreechaa jimmaa sirna aja’ibsiisaan egalee jira. Ayyaannii kun gaafa Onkololessaa 13/2013 Sirna ho’aa ta’een Malkaa Booyyee irraatti kabajama.