Diddaan Qeerroo Bilisummaa Yuuniversitii Jimmaa Daran Hammaachaa Deemuun Gabaafame.

Waxabajjii 05,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan Qeerroo Bilisummaa ykn dargaggotaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa Mootummaa Wayyaanee irratti taasisan sadarkaa hammaachuu itti deemaa jira. Haalli kun mootummaa Wayyaanee yaaddessuu irra darbee humnoota tikaa fi waraanaa sadarkaa itti bobbaasuun diddaa kana dhaamsuu hin dandeenye.

Waxabajjii gaafa 3,2013 Sabboontoni baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa yeroo irraa gara yerootti walitti dhufuun hala qabsoo bilisummaa Oromoo irraatti marii gochuun bifa garaagaraan sagalee diddaa isaanii dhageesifachuu fi walleelee warraaqsaan sirbuun ABO fi WBO gachaana Ummataa Oromoo jechuun faarsuu itti fufan, bifuma kanaan Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Saayinsii fi Teekinoolojii Mooraa kittoo Furdisaatti argamutti walitti dhufuun gumii guddinaa fi dagaagina afaan, seenaa fi aadaa Oromoo damee kittoo Furdisaa mooraa Saayinsii fi Teekinolojii keessaatti hundeeffatan.

Qerroowwaan dargaggooni Oromoos kanuma sababeeffaachuun walitti
dhufuun ifaan ifatti ABO fi WBO faarsuun wayyanota balaaleffaachuu ifaan ifaatti itti fufani jiru. kana biraan Yuunivarsitii Jimmaatti baratootni Oromoo miseensotaa OPDO ta’an sirnicha balaaleeffaachuun miseensummaa OPDO Wayyaanee waan didaaniif doorsifamaa jiraachuun gabaafame jira, angawoonnii OPDO Wayyaanee maqaa walga’ii ariifachiisaa jedhuun baratootaa miseensotaa OPDO ta’an mana barumsaa jireen sadarkaa 2ffaatti waamuun baratootni hedduun walga’icha irraati argamuu dhabuu fi baratoota walga’ii ergamtuu diinaa irraatti argamaniin ammoo miseensii ABO nu gidduu seenee waan jiruuf warrii ABO taatan wal baasa jechuun caasaan sirna OPDO qoraannoo cimaan sardaa jiraachuu odeessii keessaa OPDO bahaa jiruu saxila baasee jira.

Kana malees ergamtooti Wayyaanee kun icciitiin keenyaa utuu olee hin buliin saxilamee jira jechuun jeequmsaa guddaa keessaa seenuun gabafame. kana irraa ka’uun caasaan hoggaansaa wajjiraa dhaabaa OPDO godina jimmaa guutummaatti wal shakkii guddaan gidduutti uumamuun wal jeeqaa jiraachuun saaxilamee jira.

REC_180.wav

REC_181.wav

SBO Waxabajjii 5 Bara 2013

Aside

Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii Bakka Gaara Leencaa Jedhamu Irraa Ilmaan Oromoo 6 Humnoota Tika Wayyaanee fi Somaaleen Ukkamfaman.

Aside

Waxabajjii 06,2013 Haromaya

Waxabajjii 02/2013 Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbiitti Ilmaan Oromoo 6 humnota mootummaa EPRDF kan bulchiinsa naannoo Somaleetiin butamanii essaa buuteen isaanii dhabamee jira.
Yeroo ammaa kana humnonnii Mootummaa naannoo Somaalee deggarsaa meeshaa waranaa mootummaa Federaalaa Wayyaanee fi bira dhabbaannaa
Wayyaaneetiin uummata Oromoo Harargee bahaa irraatti yeroo irra gara yerootti ifatti waraana gaggeessuun toftaa Wayyaaneen Oromoo dadhabsiisuuf
ta’ee jedhee rawwaachaa jiru ta’uu beekamadha. Ammas irraa deddeebi’uun ilmaan Oromoo nagaa irraatti ajjeechaa fi ukkaamsanii gara dabarsuun seeraan dhalaa Oromoo irraatti ammas jabaatee itti fufee jira. Bifuma kanaan guyyaa kaleessaa Waxabajjii 02/2013 Harargee bahaa Aanaa Qumbii bakkaa gaara Leencaa jedhamuun ilmaan Oromoo nagaan namoonni 6; humnotaa Somaalee mootummaa Wayyaaneen deeggaramanii butamanii ukkafamuun eessaa buuteen isaanii dhabamee jira.

Ilmaan Oromoo ukkaamfamanii fudhamann kunis:

1. Misbaaya Musxafaa dargaggoo gannaa 25.

2. Mohaammed Jaalalaa (AliiAbdoo ) abbaa warraa gannaa 27.

3. Fayisaa(Godruu) dargaggoo gannaa 26

Kanneen jedhaman keessaatti argamu

Haala kana ilaalchisuun dargaggoonni Oromoo gurmuu Qeerroo Bilisummaa Oromoon ijaaramani guutummaa Oromiyaa naannoolee garaagaraa keessaatti ijaaramanii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo fi kabajamuu gaaffii mirgaa abbaa biyyuummaa fi dimokiraasiif qabsoo gaggeessaa jiru, mootummaan abbaa irree ukkaafamuu ijoollee Oromoo fi yakkaa waraanaa Uummataa Oromoo fi Sumaalee gidduutti dhalchee lubbuu Oromoo seeraan ala galafatamaa jiruu fi Godina Wallaaggaa bahaatti yakkaa waraanaa Gumuziin hidhachiisuun Lubbuu ilmaan Oromoo jumlaan galafatamee jiruuf mootummaan Wayyaanee EPRDF yakkaa waraanaa Oromoo irraatti gaggeeffaama jiruf itti gafatamaa ta’uu barruulee bakkoota adda addaatti facaasanii fi gaaffii yuuniversitiilee keessatti kaasaniin ibsataa jiru.

Addatti dargaggoonni Oromoo magaalaa Naqamtee guyyaa ayyaneffannaa Gimboot 20 kan Wayyaanotaa irratti waraqaa fi barruulee maxxansaniin lammii Oromoo baha Oromiyaa keessatti dhumaatii gahaa jiru balaaleffatanii jiru.

SBO Waxabajjii 2 Bara 2013

Aside

“Wallaalaan waan beeku dubbata; beekaan waan dubbatu beeka!” Jedha Oromoon

Waan laalamuu qabu

Radio Afuura Biyyaa: Gaaffii Rev. Dr. Tasgaraa Hirphoo waliin taasise

Aside

Radio Afuura Biyyaa: Interview with Rev. Dr. Tasgara Hirpo

Rev. Dr. Tasgara is a priest, a scholar, an author and a human rights activist. He is one of few Oromos who dared to write in Afan Oromo when the cost of doing so was bitter. He authored more than 7 books in Afan Oromo. Some of his books have been translated to other languages, including German. This year, at the age of 78, he published two books – namely “Geerarsa Oromoo” and “Kuusaa Maqaa Oromoo.”

As a human right activist, he follows closely the human rights abuses of the Ethiopian regime and exposes its brutality to the international community. In recent years, he had established an organization called the “Human Rights Group of East Africa.”

In this interview, the resourceful Rev. Dr. Tasgara, whose mind is full of living dreams, discusses different issues, including his dreams and his reminiscences. More:- http://www.Gadaa.com

Dulli Duguuginsa Sanyii Jaarraa Tokkoo Oliif Osoo Wal Irraa hin cinne Ummata Oromoo Irratti gaggeeffamaa jira

Aside

Dulli Duguuginsa Sanyii Jaarraa Tokkoo Oliif Osoo Wal Irraa hin cinne Ummata Oromoo Irratti gaggeeffamaa jira.
Duulli Duguungsa Sanyii mootummoota Habashaatiin ummata Oromoo irratti gaggeeffamu tooftaa fi bifti isaa haa geeddaramu malee, jaarraa tokkoo oliif osoo wal irraa hin cinne gaggeeffamaa jira. Akkuma irra deeddeebifamee seenaa keessatti kaafamu Oromoon weerartoota Habashaa osoo ofirraa loluu humna meeshaa hammayyaan caalamee cunqursaa jalatti kufe. Erga gaafa cabee biyyi isaa weeraramee bulchiinsa alagaa jalatti kufee hanga har’aatti tasgabbii argatee hin beeku. Mootummoota humnaan cabsanii isa weeraraniin goochi duguugnsa Sanyii seenaan hin daganne irratti raawwatameera. Loltoota Minilik irraa kaasee hanga hidhattoota Wayyaanee har’aatti. Gochaa gara jabinaan guutame hedduutu Oromoo irratti raawwatame.
Kanneen baroota dheeraa dura raawwataman akkuma seenaatti olkaawwannee wantoota bara mootummaa Wayyaanee kana keessa raawwatamanii fi hanga har’aan tanaatti raawwatamaa jiran haa laallu.
1. Duula Duguuginsa Sanyii godina baha Wallaggaatti bara 2008 irraa kaasee gaggeeffamaa jiru. Caamsaa 17 bara 2008 keessa ture ilmaan Oromoo 400 ol tahan hidhattoota Gumuz mootummaa Wayyaaneetiin leenjii waraanummaa fudhatanii fi hidhachiifaman weerarri irratti gaggeeffamee qe’ee isaanii keessatti kan jumlaan ajjeefaman. Hidhattoonni Gumuz meeshaalee waraanaa AK 47 irraa kaasee hanga meeshaalee gurguddaatti hidhachiifaman godina baha Wallaggaa onoota garaa garaa keessattuu ona Saasiggaatti bobba’uun qe’ee Oromoo weeraran. Ummata meesha maliyyii irratti dhukaasa roobsan. Hidhattoonni deeggarsa guutuu mootummaa Wayyaanee irraa argatan kunniin lola Caamsaa 17 irraa kaasee ummta Oromoo godina baha Wallaggaa irratti bananiin battalumatti lammiilee Oromoo 400 ol tahan galaafatan. Kanneen dhumatan keessatti kan argamanis irra guddaan daa’immanii fi dubartoota. Namoota 400 dhumataniin gamatti, kanneen lakkoofsa guddaa qaban ammoo akka hamaa madaa’an. 12,000 ol ka tahan ammoo qe’ee fi qabeenyaan isaanii gadhiisanii gara magaalaa Naqamteetti godaanan. Qabeenyaa maallaqaan shallaguuf nama rakkisu hidhattoota ummata Oromoo irratti duulchifaman kanneeniin saamame, barbadaa’e. Namoota dhibba afran ajjeefaman keessaa kanneen akka ilma namaatti seera awwaalcha argatanis hin jiran. Hedduun isaanii erga meeshaalee waraanaatiin ajjeefamaniin booda haala nama suukkanneessuun ableen gurra’amanii mormi irraa cirame. Awwaalcha dhoowwatamanii allaattii fi waraabeessi itti bahee nyaate. Oggaa kun hundi raawwatamu mootummaa naannoo kan ofiin jedhu OPDOs tahee biyyan bulchaan jira kan jedhu IHDG afuura hin baafanne. Sababiin isaa ammo tahe jedhanii ummata Oromoo irratti duula banan waan taheef. Akka seera Itoophiyaa maqaaf barraa’eetti meeshaan waraanaa ummata Civil dhaaf hin hayyamamu. Hidhattoonni Gumuz garuu meeshaa waraanaa gurguddaa kan mootummaa qofaan tohatamu hidhatanii ummata Oromoo irratti ajjeechaa Jumlaa raawwatan. Hunda caalaa kan nama raaju ammoo lammiileen Oromoo ajjeechaa Jumlaa kanaan dhumachuu, madaa’uu, qabeenyaan jalaa saamamuu fi barbadaa’uun, akkasumas qe’ee isaaniirraa buqqifamanii godaanuun itti xiqqaatee lola kana isintu kakaase jedhamanii manneen hidhaatti guuraman. Mootummaan Wayyaanee hammeenya naannichatti raawwatu kan hanga har’aatti addaan hin kunne. Bara 2010, bara 2011 fi 2012 keessattiillee duulli wal fakkaataan ilmaan Oromoo irratti gaggeeffameera. Tuttuqaan ummata Oromoo naannichaa irratti gaggeeffamu hanga har’aatti itti fufee jira. 2. Weerara hidhattota Somaalii Kibba Oromoo magaalaa Mooyyaalee. Mootummaan Wayyaanee duula isaa itti fufuun, Waxabajjii 27 bara 2012 keessa Kibba Oromiyaa godina Booranaatti magaalaa Mooyyaaleetti hidhattoota Somaalii bobbaasuun ummata Oromoo irratti weerara bansiise. Kanneen maqaaf Poolisoota naannoo Oromiyaa jedhaman dabalatee namoonni 50 ol duula hidhattoota Somaalii mootummaa Wayyaaneetiin deeggaramaniin ajjeefaman. Kanneen dhibbootaan lakkaawaman madaa’anii, kumootaan kan lakkaawaman ammoo qe’ee fi qabeenya isaanii gatanii akka godaanan taassifaman. Dhaabbileen dhuunfaa fi kan mootummaa tarkaanfii kanaan barbadaa’an. Hanga hidhattoonni Somaalii biyya weeraranii, lubbuu lammiilee galaafatanii fi qabeenyaa barbadeessan mootummaan Wayyaanee akka waan quba hin qabneetti taa’ee ilaale. Akkuma aadeffate boodarra isintu lola qabsiise kan jedhuun lammiilee Oromootti garagalee mana hidhaatti naqe. Hidhattoonni isaa osoo hin hafiin maaliif ummata waliin dhaabbattanii Somaalota loltan kan jedhuun manneen hidhaatti guure. Kana Malees mootummaan Wayyaanee Kibba Oromiyaatti Gosoota Garrii, Gabraa, Ajuuranaa fi Oromoota Booranaa walirratti kakaasuun dhumaatii lubbuu guddaa naannicha dhaqqabsiiseera. Qabeenyaan ummataa maallaqa guddaan shallagamu yeroo garaa garaatti saamameera, barbadaa’eera. Duulli gosoota xixxiqaa hidhachiisanii Oromoo irratti duulchisuu kun ammallee naannichatti bal’inaan itti fufee jiraachuun beekamaadha. 3. Duula baha Oromiyaatti gosoota Somaalii mootummaa Wayyaanee TPLFn hidhachiifamaniin Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruu fi lubbuu lammiilee Oromoo 37 ol galaafate.
Mootummaan Wayyaanee irra deddeebi’uun baha Oromiyaa keessatti Somaalota abjuu bara dheeraa kan lafa Oromoo dhaaluu qaban
hidhachiisee ummata Oromoo irratti duulchisaa jiraate. Kanaanis lubbuun namaa bade, qabeenyaan barbadaa’e kan salphaatti ilaalamu miti. Baha Oromiyaa onoota akka Mi’eessoo, Jaarsoo fi Anniyyaa faa keessatti milishoota Somaalii mootummaa Wayyaanee TPLFn hidhachiifamaniin lolli guddaan ummata Oromoo irratti banamee jira. Duula qindaa’aa kan mootummaa Wayyaaneen karoorfamee erga barri 2013 seenee hanga ammaatti osoo walirraa hin cinne baatileef baha Oromiyaatti ummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kanaan lammiileen Oromoo 37 ajjeefamaniiru. Kanneen dhibbootaan lakkaawaman ammo ni madeeffaman. Akkumas 20,000 kan tahan qe’ee fi qabeenyaa isaanii gatanii godaananiiru. Akkasumas beeladoonni manaa 700 ol tahan ummata Oromoo irraa saamamaniiru. Lolli gaggeeffamu kun maqaa walitti bu’iinsa daangaa jedhuun humnoota badii mootummaa Wayyaaneetiin kan qindeeffame oggaa tahu, loltoonni Wayyaanees hidhattoota Somaalii duubaan goranii ummata Oromoo lolaa akka jiran ragaaleen qabatamaan ni jiru. Tarkaanfiin faashistummaa mootummaa Wayyaanee kunis duula duguuginsa Sanyii irraa adda baafamee kan ilaalamu miti.
4. Duula Amaarota maqaa “Liyyuu Poolisi” jedhuun ijaaramaniin Oromoota Karrayyuu irratti baname. Godina baha Shawaa naaannawaa Karrayyuu keessatti lolli bifa qindaaween Oromoota Karrayyuu irratti gaggeeffamaa jirus qaama duguuginsa sanyii ummata Oromoo irratti gaggeeffamuuti. Naannoo kanatti mootummaan Wayyaanee maqaa “Liyyuu Poolis” jedhuun
dhalattoota saba Amaaraa qofa irraa kan ijaaraman daangaa Oromiyaa fi Amaaraa gidduu qubsiise ture. Ragaaleen bahan akka mirkaneessanitti naannoo kanatti bara Minilik irraa kaasee hanga har’aatti lolli addaa hin cinne gaggeeffamaa jira. Qaamni “Liyyuu Poolis” kun ammo Waldaa Dargaggoota Ona Minjir jechuun waraana biraa ijaaree duula bal’aan kan Oromoo lafarraa buqqisuu adeemsisaa jira. Naannoo kanatti mooraan leenjii bal’aa fi guddaa tahe banamee dargaggoonni Amaaraa leenjii waraanummaa itti fudhataa jiru. Bishaan jallisii mootummaan naannoo Oromiyaa jedhamu saniin tolfame ummata irraa ittisanii, waraanni irra qubsiifamee daldala horii, akkasumas oomisha kuduraa fi muduraa irratti bobba’anii jiraachuu gabaasaaleen ni addeessu. Waraanni naannicha qubates baatii baatiidhaan ummata kiloomeetira 20 ol dhiibaa jira. Maqaaf mootummaa naannoo Oromiyaa kan ofiin jedhu OPDO poolisoota naannoo Oromiyaa bakkichatti geessuun qubattoonni Amaaraa kanneen laficha irraa akka buqqan gochuuf yaalus lola irratti banuun poolisoota naannoo Oromiyaa irraa lama ajjeesan. Yeroo irraa gara yerootti dhalattoonni Amaaraa naannichatti walitti qabanii leenjii waraanummaa kennamaafii jira. Ummata irratti shaakaalaa akka jiranis barameera. Waraanni Amaarota irraa ijaarame naannicha qubsiifame kun lola yeroo garaa garaatti ummata irratti gaggeesseen waggaa tokko keessatti lammiilee Oromoo 76 ajjeesuutu ibsame. Kanneen keessaa 6 dubartoota oggaa tahan, 3 ammoo daa’imman. Loltoonni Amaaraa kanneen bakka lammiileen horii tiksanitti baleen gurra’anii akka ajjeesanitu gabaafame. Namoonni ajjeefaman torbaatamii jahan kanneen ajjeefamamii bosonaa fi karaa itti gataman. Kanneen bkka buuteen isaanii dhabame ammo 10 ol tahu.
Humni dhalattoota Amaaraa irraa ijaarame kun erga leenjii isaa xumurateen booda horii ummataa saamuu irratti akka bobba’e
gabaasaaleen naannicha irraa argaman ni addeessu.
Haaluma kanaan loon, re’eelee fi harroonni kuma dhibbootaan lakkaawaman gandoota akka Dhibeettii, Qararrii, Haroo Qarsaa, fi kanneen biro keessaa humna “Liyyuu Poolisi” jedhamu kanaan ummata Oromoo irraa samaman.
Walumaagalatti duulli gama hundaan ummata OROMOO irratti gaggeeffamaa jiru kun fala hatattamaa barbaada. Gochaan bakkoota hundatti adeemsifamaa jiru kun duula duguuginsa sanyii irraa adda bahee hin laalamu. Sochiin wal fakkaataan godinoota Oromiyaa hunda keessatti adeemaa akka jirus beekamaadha. Kanaaf ilmaan Oromoo waliif dirmachuun duula hammeenyaan guutame kan mootummaa Wayyaaneen qindaa’e kana ofirraa ittisuudha qaba jenna. Dhaabbileen kabajamuu mara dhala namaaf dhaabbatanis duula Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru kana quba qabaatanii akka dirmatan dhaamna.
Injifannoo Ummata Oromoof
M. Seenaa
Caamsaa 30, 2013

The Ethiopian government must stop the discriminatory approach and find a durable solution

Aside

osga

OSGA Statement on ongoing tensions of civilian conflicts in Ethiopia

June 1, 2013 (OSG Australia) Troubled relations between Ethiopias government and the Oromo people constitute a serious obstacle in the countrys path to stability and prosperity. Indeed, the Ethiopian governments recent history has been plagued by ethnic conflict and protracted conflicts with government forces, particularly in Oromia and neighboring regions.

Although it has recently started getting some Oromo media attention, for the past 3 years the ongoing invisible war carried out on Oromo, in the Aniya area, massively affected the local people.

By prompts of the Ethiopian government authorities continuing an irritating war launched by Benishangul-Gumuz armed group on Oromo civilians in East Wollega zone that displaced hundreds from their life now counting its half a decade.

The continuing killings of hundreds of Oromo civilians in Eastern Oromia the heavily armed forces labelled Ogaden Special Police and backed by Ethiopian government invaded the area and continuing killings of hundreds of Oromo innocent civilians.

In 2011-2012 the massacre of hundreds of Oromo people, in MoyaleSouthern Oromia, by the thiopian military forces is evidence that shows the brutality of the government. Read More:-

OSGA Statment – 1st June 2013.pdf

Wallisaa Addisuu Karrayyuu Dabalatee Oromoonni Heedduu Badii Tokkoon Malee Magaalaa Finfinnee Keessaa Hidhaman.

Aside

Caamsaa 31,2013 Fifinnee

BilisummaaJiraattota magaalaa Finfinnee kanneen ta’an Oromooti jireenya nagaa jiraatanii fi sabboonummaa qaban humna ergamtoota Wayyaaneen adamfamaa akka jiranii fi hidhaa hin beekamnetti geeffamaa akka jiran gabaasi Qeerroo Finfinnee addeessa. Hanga ammaatti Oromooti maqaan isaanii argamee fi bakka amma jiraatanii irraa hidhaman keessaa gariin akka armaa gadiiti.

1.Tasfayee Lamuu

Bakka Dhalootaa-Lixa Wallagga

Bakka irraa hidhame Buraayyuu

2.Addisuu karrayyuu(Weellisaa)

Bakka Dhalootaa-Wallagga lixaa

Bakka irraa hidhame-Sabbataa

3.Dassee Lamuu

Bakka dhalootaa-Tullu Boolloo

Bakka Jireenyaa-Alam Ganaa(Miseensuma Mootummaa wayyaanee kan taheedha)

4.Birraa Margaa

Bakka Dhalootaa-Arsii

Bakka irraa qabame -Finfinnee(Duraan nama hidhamee bahe,Dabballee dhaaba ABO kan turaniidha.)

5.Dhaabaa Abdulqadir

Bakka Dhalootaa-Baalee

Bakka irraa qabame-Finfinnee

6.Shaashoo Iddoosaa

Bakka Dhalootaa-Kibba Lixa Shawwaa

Bakka inni jiraataa ture jiru-Buraayyuu

Kannaan hafanis Qeerroon jala bu’ee gabaasa qabu dhiheessa.