Caamsaa 31,2013 Fifinnee
Jiraattota magaalaa Finfinnee kanneen ta’an Oromooti jireenya nagaa jiraatanii fi sabboonummaa qaban humna ergamtoota Wayyaaneen adamfamaa akka jiranii fi hidhaa hin beekamnetti geeffamaa akka jiran gabaasi Qeerroo Finfinnee addeessa. Hanga ammaatti Oromooti maqaan isaanii argamee fi bakka amma jiraatanii irraa hidhaman keessaa gariin akka armaa gadiiti.
1.Tasfayee Lamuu
Bakka Dhalootaa-Lixa Wallagga
Bakka irraa hidhame Buraayyuu
2.Addisuu karrayyuu(Weellisaa)
Bakka Dhalootaa-Wallagga lixaa
Bakka irraa hidhame-Sabbataa
3.Dassee Lamuu
Bakka dhalootaa-Tullu Boolloo
Bakka Jireenyaa-Alam Ganaa(Miseensuma Mootummaa wayyaanee kan taheedha)
4.Birraa Margaa
Bakka Dhalootaa-Arsii
Bakka irraa qabame -Finfinnee(Duraan nama hidhamee bahe,Dabballee dhaaba ABO kan turaniidha.)
5.Dhaabaa Abdulqadir
Bakka Dhalootaa-Baalee
Bakka irraa qabame-Finfinnee
6.Shaashoo Iddoosaa
Bakka Dhalootaa-Kibba Lixa Shawwaa
Bakka inni jiraataa ture jiru-Buraayyuu
Kannaan hafanis Qeerroon jala bu’ee gabaasa qabu dhiheessa.