SBO Onkoloolessa 17 Bara 2012

Aside

Loltooti Wayyaanee Yeroo Oromoota Hidhuuf Ayyaana Irreecha Burraayyuu Keessaa Bobba’anitti Bakka Qubsumaa fi Dunkaana Loltuu Keessatti Ammoo Alaabaa fi Barruuleeen Warraaqsaa Heddumminaan Maxxanfaman.

Aside

Onkoloolessa 16,2012 Finfinnee

Onkoloolessa 14,2012 Oromoota malkaa Ateetee Burraayyuu  irratti ayyaana Irreechaa kabajachuuf bahan hedduun isaanii qabsoo guddaan lafa irreechaa gahanii kabajachuu dandayan,gariin ammoo reebichaa fi darara poolisa Wayyaanee jalaa miliquun ayyanicha kabajachuuf yeroo bakka malkaa Ateetee gahanitti  yakka tokko malee humna Waraanaa fi Poolisa Wayyaaneen qabamanii mana hidhaa hin beekamiinitti geeffaman.Hanga ammaatti sabboontota 25 ol qabaman keessaan kan maqaan beekaman 6 qofatu mana hidhaa Ma’ikalaawwii itti akka darbaman beekame,yakki isaanii alaabaa ABO uffachuu fi wallee warraaqsaa fi gootaa wallifatan jechuun akka himataman beekamuu dandayamee jira.

Gochaalee Wayyaaneen ummata Oromoo irraan gahaa jiranii fi sochiilee warraaqsaa Qeerroon deemsisu video n waraabamee heddumminaan jiraatu illee sababaa Networkiin dadhabaa ta’eef akka barbaachisutti karaa marsaalee ummata keenyaan dhaqabsiisuu hin dandeenye.

Ammatti video n gabaabaa kun kan muldhisu waraanni Wayyaanee dargaggoota Oromoo harka hidhee yeroo hidhaatti geessuu fi kaan ammoo harkaa fi millla hidhuun lafa isaan ta’an itti dhiidhiitaa akka jiran muldhisa.

Kanuma waliin yeroo loltooti Wayyaanee Oromoota qabanii hidhaatti guuraa jiranitti humni Qeerroo Bilisummaa ammoo mooraa waraanni Wayyaanee qubatee ykn buufatee jiru cabsee seenuun alaabaa ABO fi dhadannoo gara garaa dunkaana waraanaa irratti fannisuu fi maxxansuun mooricha dirree qabsoo gochuun injifannoo guddaa galmeessee jira.Haala kanas videon kun ni muldhisa. Barruuleen warraaqsaa haala lafa Oromoo samamaa jiruu fi mirgi Oromoo sarbamaa jiru akkasumas kaayyoo bilisummaa fi walabbummaa keenyaa eenyu illee nu mulquu akka hin dandeenye kan muldhisu barruuleen heddumminaan ummataaf raabasamanii jiru. Ummannis kana argatee wallee ykn sirboota warraaqsaan gammachuu fi diddaa isaa muldhifachaa turuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Ayyaana Irreecha Malkaa Ateetee Burraayyuu Irratti Sabboontoti Oromoo Alaabaa ABO Uffattan Jedhchuun Yakkaman

Aside

Onkoloolessa 16,2012 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanees gaaffii mirgaa uummatni gaafatu karaa nagaa deebisuu irra hidha,ajjeesa,biyya irraa fi hojii irraa ariia.Birraa baranaa ammo mootummaa EPRDF kan mudate waan addaa taheera.Ilmaan Oromoo Ayyaana irreechaa irratti Alaabaa ABO qabachuun sirna bulchiisa Wayyaanee balaaleffachaa dhaadannoo garaa garaa dhageessisan.Ayyaana irreechaa buraayyuutti Onkoloolessa 14/2012 gaggeeffame irrattis qeerroon waraqaalee dhaadannoo garaa garaa maxxansuun uummata Oromoo dammaqsaa fi mirga isaaf akka dhaabbatu taasisuu irratti qooda guddaa kennee jira.Waraqaaleen dhaadannoo

1. Wayyaaneen sagalee cunqurfamtootaa fi ummata haqa qabuu dhagahuuf qophii waan hin taaneef bulchiinsi isaa yerootti dhumachuu qabu dha.

2. Qeerroon qabsoo karaa nagaa mirga argachuuf jalqabe aarsaa kamuu baasee Oromiyaa ni bilisoomsa

3. Qeerroon irbuu uummata irraa fuudhe galmaan ni gaha

4. ABO gaachana ilmaan Oromooti

5. Lama duuun salphina

Kanneen jedhan maxxanfamanii jiran.Mootummaan wayyaanees gocha Qeerroo kanaan kan baarage ilmaan Oromoo ayyaana irreechaa kana irratti argaman isin miseensota ABOti jechuun namoota 25 ol mana hidhaatti ukkaamsee jira.Ilmaan Oromoo nagaa mana hdihaatti ukkaamsaman garii keessaa hammi tokko maqaan

Lakk Maqaa Godina Aanaa Hojii
1 Mootummaa Hamsaaluu Waaqjiraa Finfinnee Gullallee Hojii dhabaa
2 Ashannaafii Sambataa Finfinnee Buraayyuu Barataa yuunivarsiitii Finfinnee
3 Biqilaa Taaddalaa Jiraataa Shawaa lixaa Wal maraa Ogummaa fi teeknikaan kan eebbifame
4 Girmaa Isheetuu Shawaa kaabaa Garba gurraachaa Barataa kutaa 10

Kanneen jedhaman addattti mana hidhaa Wayyaanee Maaikelaawwii keessatti darbamanii jiraachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa

Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee,Buraayyuu Irratti Ammas Yommuu Yommuu Sabboontoti Oromoo 25 ol Hidhaman.

Aside

Onkoloolessa 14,2012 Burraayu

Ayyaanni Irreechaa Malkaa Hateetee (Burraayyuu) Onkoloolessa 14,2012 haala Oromoon haamlee cimaa fi dhaamsota warraaqsaa itti dabarfateen kabajame. Sabboontoti Oromoo adaa fi eenyummaa isaaniin boonan hamma 500,000 ta’an malkaa ateetee Burryyaatti argamanii yeroo kabajatanitti,mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fi poolisaa bobbaasuun Oromoota hedduu qabee hidhaa akka ture fi lafa ayyaanaa osoo hin gahiin magaalota adda addaa irraa akka duubatti deebisaa ture ifa galaa dha,addatti lixa Shawaa irraa kanneen ayyaanichaaf deeman naannoo Gafarsaa jedhamutti konkolaataa irraa buusuun gara dhufanitti akka deebi’an taasisanii jiru.

Saboontoti kanneen karaa adda addaan bakka ayaanichaatti argaman keessaa ammoo warraaqsa gaggeessitan wallee Oromoo kakakaasuu walliftanii ummata akka sirbu taasiftaniittu jedhuun namoota 25 ol akka hidhamanii jiran gabaasi nu gahe addeessa. Maqaa fi bakka itti Oromoonni kun hidhaman gabaasa fuula duraatti dhiheessina.

Akka KQWUO akka gabaasetti odeessa dargaggoonni (Qeerroon) Oromoo ammas Bilisummaa fi Walabummmaa dhaaf kutannoo duubatti deebii hin qabne calaqqisiisuudhaan haamlee fi miira xiiqii kan Harsadiitti agarsiisaa turan haras irra deebiin mirkaneessaniiru!!! Haalli sirbaa fi dhiichisaan dhaamsa QBO dabarfachuu kun bara kana bifa adda taeen iddoo hundatti babalatee itti fufuun kun cinqii guddaa kan isaanitti uume Wayyaaneen haras tarkaanfii dargaggoota Oromoo hidhuu itti fuftee jirti.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Ayyaanni Irreessaa Malkaa Ateetee Marsaa 6ffaa Burraayyuutti Kabajame

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, Onkoloolessa 15,2012) Ayyaanni Irreessaa Malkaa Ateetee marsaa 6ffaa Onkoloolessa 14 Burraayyuutti sirna hoo’aadhaan kabajame.

Ayyaanni kun gama ummata Oromoon haala hoo’aadhaan kan kabajame yoo ta’u, akkuma amaleeffatame mootummaan shiroota isaaf qophiilee qeerroo fesheleessuuf tikoota isaa bobbaasee jiraachuu isaa ragaa suuraatiin kan deggerameedha.

Ayyaana kana irrattis Qeerroon qophii adda addaa qopheessuun haalota aanjaaa argatanitti fayadamanii waraqaalee adda addaa bittimsuudhaan uummataan gahanii jiru.

Akkasuma sirna gaggeessaa ayyaana kanaa irratti agarsiisni adda addaa bifa faaruutiin qabsiisanii qabsoof uummataa fi dargaggoota ayyaana kana irratti argaman dammaqsuun taasisamee jira.

Poolisootaa fi kanneen qaama olaanoo OPDO faaruulee akkana jedhuun fuula isaanii dura deddeebiuudhaan waltajjii isaanii sirbootaan fesheleessanii akka jiran gabaasaan qeerroon addeessa.

Yaa Oromoo,Oromoo Abbaa Gadaa
Wayyaaneen Aaree Amma Bada
Irreessi Eenyummaa Keenya
Garbummaan Diina Keenya
Tokkummaan Haa Kaanu Maaf Teenyaakan jedhuun faaruu kana fakkaatu dirree qophii ayyaanaa sanaa irratti sirbaa akka oolan waraabbiin jiruun deggerameetu jira. poolisoonni wayyaanees uummata kana keessa namoota kam qabanii kamiin akka dhiisan walii wallaaluu irraan kan kae yaadoo fi sodaadhaan naannoo uummataa deddeebiaa akka oolaniidha.
Akkasuma fardeen gulufsiisuudhaan Loli hin lollaa, lafti kan keenya, biyyis kan keenya,Oromoon Goota,Roorroo qolaasii, biyyaa balleessi,jedhuun dhaadannoo dhageessisaa oolanii jiru.

Shakkuuf namootni yeroodhaaf tika wayyaaneetiin tooannoo jala gale jiraatus sodaa uummataatiin gadi dhiifamee jiraachuu isaa Qeerroon arge gabaasa. Ayyaana kana ilaalchise waraabbiin adda addaa kan jiru rakkoo interneetaaf yeroo gabaabaa kan turu yoo taellee kan ergamuudha hamma dandeenyetti suurawwan kaafaman fuula kana irratti hidhameetu jira.

This slideshow requires JavaScript.

SBO Onkololeessa 14,2012

Aside

Falaxaa Muka Hin Soofani, Alagaaf Hin Gabroomanii….. Jedhu Qeerroon Irreecha Bishooftuu 2012 Irratti

Aside

Seife Nebelbal Radio Program, Interview with Elfinesh Qannoo, Part II

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Qophii Onkoloolessa 12,2012

Aside

TVOMT:Oduulee-Ijoo Dubbii – Gaafif Deebiilee keessummootaa

Aside