Seesaa hin abdatiin gurbaa, Seesaan ni dheessa

Video

Artist Daanyee Jaalataa

http://youtu.be/MUvva85kGXQ

Gabaasa Ayyaana Irreecha Bara 2012

Aside

Gabaasa Ayyaana Irreecha Bara 2012
A. Seensa
Ayyaanni Irreechaa kan bara kanaa yeroo ummanni Oromoo mirga isaa deeffachuuf falmaa maayyii irratti argamutti waan kabajameef haamilee fi xiiqii guddaadhaan ayyaaneffatame. Ayyaanni irreechaa Fulbaana 30, 2012 Sadarkaa Oromiyaatti Hora Harsadiitti wayita kabajamee ooletti ilmaan Oromoo, keessayyuu qeerroon haamilee fi xiiqii muulatee hin beekneen golee Oromiyaa mara irraa walitti dhufudhaan jala-bultii irraa eegalee magaalaa Bishooftuu sirbaa fi dhiichisaan dirrisiisaa turan. Sochii kanaanis deeggartoota fi jaallattoota QBO hunda mirqaansisaa oolan; diina immoo mataa gadi cabsanii dachii itti golgoleessan.
Ayyaanni baranaa dargaggoon/Qeerroon/ Oromoo Bilisummaa saba isaa fi Walabummaa Oromiyaa deebifachuuf hangam qophii akka tae kan agarsiise ture. Hoggansa humna kana qindeessee Bilisummaa fi Walabummaa dhugoomsuuf oolchu daranuu jabeessuun immoo dhimma yeroon itti hin liqeeffamnee taha.

Gabaasa Ayyaana Irreecha Bara 2012.pdf

Godina Wallagga dhihaa aanaa Ayiraa keessatti dabballoota Wayyaanee fi dargaggoota Oromoo jidduutti rakkoon uumame.

Aside

Onkoloolessa 08,2012

Godina Wallagga lixaa aanaa Ayiraa keessatti wal dhabinsi dabballoota Wayyaanee fi milishoota gandaa jabinaan itti fufee jira.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti diddaa qeerroodhaa itti qabsiifamaa ture dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa kan ture ammas daran jabeessuun dargaggoota Oromoo doorsisaa jiran.Dabballootni Wayyaanee

1. Isheetuu Damissee

2. Fiqiruu Admaasuu

3. Darajjee Tashoomee

4. Nigusee Tasammaa

5. Badhaasaa Mokonnon

Jedhaman ilmaan Oromoo naannoo kanaa keessumaa dargaggoota meesha Wayyaanee mormitanii sirnicha balaaleffattaniittu waajjira bulchinsaatti fincila gaggeessitanii jirtu jechuun ilmaan Oromoo doorsisaa jiru.Haala kanaan dargaggoo Daanieel Taaffasaa kan jedhamu yeroodhaa gara yerootti hidhaan rakkisaa jiru.Dargaggootni naannoo kanaa mootummaan Wayyaanee shira kamuu xaxxu nuyi gaaffii mirgaa kaasuun dirqii dha.QBO galmaan gahuuf gaaffii mirgaa gaafachuu irraa haalli kamuu duuba akka isaan hin deebisne ibsatanii jiran.