Caamsaa 28,2012 Adaamaa
Mooraan Yuunivarsiitii Adaamaa filannoo gamtaa barattootaaf taasifamuuf ulaagaa miseensummaa OPDO qabu lafa kaa’e.Haalli kunis mooraa yuunivarsiitii Adaamaa keessatti mormii jabaa kaasaa kan jiru yoommuu tahu,Mootummaa wayyaanees yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Filannoo gamtaa barattootaa deemsifamu keessatti miseensota OPDO hin taane keessatti hiriirsinaan miseensota ABO horuu danda’u soda jedhuun aanga’oonni Wayyaanee ulaagaa kana lafa kaa’ee jira.Barattootni mooraa yuunivarsiitichaa mootummaa Wayyaanee waliin harka wal keessa naqachuun kaayyoo kana fiixaan baasuuf kanneen yaalan keessaa
1. Barataa Dajanee Gaaddisaa Alamuu,
2. Barataa Kamaal Mahaammad fi
3. Barataa Addunyaa (hoogganaa OPDO Dallaa yuunivarsiitii Adaamaa) Gocha diinummaa fi tooftaa mootummaan wayyaanee umrii dheeressuuf fiigu irraa of hin qusatan taanaan barattootii Oromoo Universiitichaa akeekachiisa maxxansanii jiru .
Kana malees sabboontotaa fi hojjettoota mooraa University Adamaa hedduu dhaabota siyaasaa waliin hariiroo qabduu fi sochii Qeerroo mooraa Adamaa duubaan jirtu jechuun galmee irratti banamaa akka jiruu fi gabaasa sabboontota irratti gabaafame dookumanii baldhaa fi dheeraa galmee mootummaa keessaa harka Qeerroo akka gahe ni beekama.
Monthly Archives: May 2012
Jaallan Qabsoo Maal Nuu Dhaaman
Video
Jaal Artist Kadir Said
Jaal Artist Adam Haaruun
http://youtu.be/jwlc9MWxt30
Jaal Artist Ebbisaa Addunyaa
Barattooti Oromoo Haroo Limmuu Gochaa Wayyaanee Dura Dhaabachuuf Jecha Hiriira Nagaa Bahan
Aside
Caamsaa 27,2012 Limmuu
Barattootni Oromoo aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa sadarkaa 1ffaa harqumbee kutaa 8ffaa baratan walitti bu’insa Oromoo fi saboota biro jidduutti mootummaan Wayyaanee uumaa jiru mormuu dhaan Caamsaa25,2012 hiriira nagaa bahan. Hiriira barattootaa kana dura dhaabbachuu fi facaasuuf poolisooti hedduun kan bobba’an yeroo ta’u karaa biraa ammo loltooti Mootummaa Wayyaanees diddaa naannoo kanaa haalaan jabaachaa dhufe dhaamsuuf olii fi gadi fiigaa kan jiru yoommuu tahu gama hundaan milkii dhabee jira.Dabballootni mootummaa wayyaanee naannoo kanaa uummata keessaa addatti kan ilaalamanii fi qaanii jabaan isaan qabate yoommuu tahu,Mootummaan Wayyaanees aarii kana baafachuuf saboota sulula Abbayyaa irra jiraatan waliin waraana hidhachiisee uummata Oromoo irratti duulsisuu itti fufee jira.Uummatni oromoos waraana mootummaa Wayyaanee fi ergamtoota of irraa ittisuutti seenee jira.
Kun kanaan osoo karaa biraa barattootni oromoo yuunivarsiitii Amboo qorannaa mootummaa wayyaaneen akka rakkamaa jiran beekame. Barattootni oromoo yuunivarsiitiilee,Manneen barnootaa gad aanaa mootummaa garboomsaa wayyaaneen hidhamuun,arii’atamuun akkuma amaleeffatame barattootni oromoo yuunivarsiitii Amboo isin Miseensota ABOti jechuun qoratamuu irratti argamu.Bulchinsi mooraa yuunivarsiitii Amboo mootummaa wayyaanee irraa dirqama fudhachuun Barataa Geetuu Kabbadaa jedhamu ati miseensa ABO,Miseensota ABO ijaaraa jirta waan taheef hojii kana irraa hin dhaabbatu taanaan barnoota irraa arii’amta jechuun doorsisaa qorannaan rakkisuu irratti argama.
UUU… Nuu Birmadha Jedhu Hadhotii fi Daa’imman Oromoo
Aside
Caamsaa 26,2012 Ebantuu
Ummaannii Oromoo seeraan alaa Qee’ee isaa irraa buqqifamaa jira, Qabeenyaan Ummaataa Oromoo lafti gabataa fi albuudaa of keessaa qabuu fi Omiishaa garaagaraaf mijaa’aa ta’ee dabarfamee inveesiteroota alagaaf kennamuuf jedhcha ummanni Oromoo Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onotaa Armaan gadii irraa Caamsaa 23,2012 qe’ee isaa irraa humnaan akka gadhiisee deemu ajaji battalaa itti kennamee yeroo itti meshaa isaa fi da’immaan isaa walitti qabatu dhabuun humna waraana Wayyaaneen reebamaa qe’ee fi maasii isaa akka gadhiisu taasifame qabeenyaa fi lafti irraa fudhatames Caamsaa 24,2012 investeroota heddumminaan naannicha dhufaniif hiramaa olee akka jiru beekama. Naannooleen ummanni irraa buqifaman keessaa.
FKN 1.Onaa Haroo Limmuu gandotaa torba[7]
2.Onaa Limmuu Galiilaa gandootaa jahaa[6]
3.Onaa Heebantuu gandotaa saddet[8]
4.Onaa Giddaa gandootaa shaan[5]
5.Onaa Kiiraamuu gandotaa kudha-tokko[11]
6.Onaa Giddaa Saasiggaa gandootaa sagal[9]
irraa buqqisuun inveesiteroota barbaadaniif akkaa barbaadanitti kenna jiru,lukkeen Wayyaanee OPDO’n illee yeroo daangaan Oromiyaa sarbamee gartokkeen isaa Guumuziif kaan ammo investerootaaf kennaamuu homaa gochuu hin dandeenye.Haallii kun uummaataa akka malee arsee waan jiruuf uummannii FDG keessa ture gara qabsoo hidhannootti deebisachuu fi magaala irraa hamma baadiyyaatti lukkeelee fi diina irratti tarkaanfii fudhachuuf kutannoon ka’ee jira.
Ummani Oromoo Wallagga Qellem Diddaa Isaa Cimse.
Aside
Caamsaa 26,2012 Dambi Doollo
Godina Qellem Wallaggaa,Aanaa Anfilloo,gandoota Dollaa fi Yattii jedhamu keessatti Caamsaa 22,2012 uummatni Oromoo diddaa isaa jabeessuu irraan kan ka’e bulchitootii fi dabballoonni Wayyaanee haala sochii ABO fi diddaa Qeerroo irratti ummataaf ibsaa fi barnoota kennina jechuun walgahii guddaa yaamanii turan.Walgahii kana guutummaatti ummanni bahuu diduu fi dhaquu diduu irraan diddaa isaa muldhisee jira.
Kana malees dabalanii Caamsaa 23,2012 walgahii dhimma biraaf jedhanii marii waayee dhimma daandii baasuu irratti baajata baastanii hojjechiisuu qabdu jennaan kan abbaayiif harka qullaa hafnee utuu jirru amma immoo jireenya keenya balleessuuf mana dhufee jedhanii ergamtoota Wayyaaneedha walgayii sana gaggeessuuf dhufan qaanessanii deebisan kan jedhu gabaasi nu gahe addeessa.
Haala kanaan diddaa kana kan qindeessu isini jechuudhaan sabboontota Oromoo sadii gara mana hidhaatti geessanii akka guraaraa jiran beekame.
1,Qonnaan bulaa Obbo Nagaasaa Hirphoo,
2,Daldalaa Bunaa Obbo Solomoon Nadhii,
3,Qonnaan Bulaa Ayyaanaa Bulloo
Kanneen jedhaman mana hidhaa magaalaa Aanaa Anfilloo ;Muggi bakka jedhamutti hidhamanii akka jiran gabaafamee jira.
Waraanni Wayyaanee Meeshaa Gurguddaa Hidhate Hedduminaan Buree Qubsiifame. Poolisoonni OPDOs Waraana Wayyaneen Reebaman.
Aside
Caamsaa 25,2012 Giddaa Ayyaanaa
Caamsaa 23,2012 waraannii Wayyaanee humni guddaan waliitti bu’insaa saboota olla Oromiyaa jiraatanii fi saba Oromoo gidduutti uumamee jiruu sababeeffachuun mooraa waraanaa Buree irraa garaa Wallaaggaa Bahaa Onotaa akka Giddaa Ayyaanaa,Kiiramuu, Haaroo Limmuu, Limmuu Galiilaa,Heebantuu fi Giddaa Saasiggaa qubsiifamaa jira. Haa ta’uu malee Waraanni Onaa Giddaa Ayyaanaa seenee jiru ,uummaataa nagaa irraatti yakkaa dalagaa jira, dubartoota humnaan gudeedaa jira, galgala galgalaa ummataa reebaa jira, fkn bakkaa Hootelaa Giloobaalitti yakki humnaan gudeeddii dalagamera.
Karaa biraan immoo Poolisoonnii Onaa Giddaa Ayyaanaa diddaa ummataa dura dhaabbachuu dadhabdan isinuu ABO dha jechuun waraanni Wayyaanee OPoolisoota kana reebaa akka olee fi garii isaanii akka hidhee jiru gabaafama.
Diddaan Ummata Oromoo Gara Qabsoo Hidhannootti Cehee Lolli Gurguddaan Baname,Wareegamis Kafalame.
Aside
Caamsaa 25,2012 Naqamte
Caamsaa 22/2012 Godinaa Waallaaggaa bahaa Onaa Limmuu Galiilaa Bakkaa Baddeessaa Gammadaa jedhamuttii waliitti bu’insii uumamee waraanaa loltooti Wayyaanee saboota sulul Abbaayyaa qabbatanii Ummataa Oromoo irraatti baneen lubbuun lammiilee Oromoo Afur[4]galaafatame,maqaan
1.Bantii Dhugaasaa,
2.Faqqadaa Mosisaa
3.Ayyalaa Alamuu,
4.Agaa Caalii kanneen jedhaman yemmuu ta’uu;
Walitti bu’iinsa kana keessatti sabboontoti Oromoo kanneen madaa’aans
1. Zalaleem Taarraqenyi dura barsiisaa Afaan Oromoo kan turee fi yeroo ammaa investera ta’ee bakkuma kanatti hojjechaa kan jiru,
2.Fiixee Biiftuu,
3.Jaarsoo Gabaayyoo,
4.Xiilahuun Galaan
kanneen jedhamaan immoo akka malee warraa madaa’aan yemmuu ta’uu, lolli kun ammaa illee itti fufee jira, bakki lolli kun itti eegalee jiru magaalaa Neqamtee irraa 65km fagaatee argama.
Lolli kun itti fufuun ammos Caamsaa 23/2012 Godinaa Waallaaggaa bahaa Onaa Limmuu Gaalilaa bakka Tulluu Komaa jdhamuutti waaarri Wayyaanee Saboota Guumuz qabatee uummata Oromoo meeshaa maleessaatti dhukaasuun nama
1.Bayyanaa Abbaa Soorii
2.Bayyanaa Raggaasaa
3.Zaalaleem Bayyanaa,
Kanneen jedhaman rasasa rukutamanii madaa’an, guyyuma kana barataannii Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1-8ffaa barataan Onaa limmuu Galiilaa keessaatti waraanaa Wayyaanee jala dhaabbachaa olaan, FDG Kaasuun guyyaa kana sagalee mormmii dhageessisan, baratoonni kun guyyaa akka gutuu Oromiyaatti Moodelaa qormaataa kutaa 8ffaatu kennaama ture, nuti qe’ee keenyaa irraatti ajjeefamaa maal teenyee qorumsaa fudhannaa jechuun gotonnii baratoota Oromoo Onaa Limmuu Galiilaa FDG dhaan duraa dhaabbatan.
Haalumaa kanaan Mannee barnootaa Kutaa 8ffaa fincillii keessaattii ka’ee
1.Mana barumsaa Harqubee sadarkaa 1ffaa
2.Mana barumsaa Baddeessaa Gammadaa sadarkaa 1ffaa
3.Mana barumsaa Akuu Seedoo sadarkaa 1ffaa. baratoonnii manneen barnootaa kanaa qurumsaa moodeelaa kutaa 8ffaas utuu hin qoraamiin hafaan.Haala kanatti rifaachuun mootummaan abbaa irree humnaa waraanaa dabalataan naannoo sanatti bobbaasaa jiraachuu gabaafame.
Barattootni mana barumsaa Gindabarat Diddaa kaasan
Aside
Caamsaa 25,2012 Gindabarat
Barattootni Oromoo Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat Mana barumsaa Gindabarat diddaa itti fufan.Barattootni Oromoo mana barumsaa kanaa gaaffiin ilmaan oromoo ukkaamsamuu hin qabu jechuun diddaa itti fufanii jiran.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa yerootti ilmaan oromoo qe’ee irraa buqqisuun maaliif hin dhaabbatu? Mootummaan wayyaanee aangoo irraa haa bu’u,Mirgi hiree murteeffannaa ilmaan oromoo haa kabajamu kanneen jedhanii fi kanneen biroo gaafachuun dabballoota mootummaa wayyaanee mana barumsaa kanaa cinqanii jiran.Barsiisotni mana barnootaa kanaas maqaa hidha abbayyaan saamichi gaggeeffamu haa dhaabbatu,Baazaariin mootummaan wayyaanee qopheessu dhara jechuun diddaa qabsiisanii jiran.
Uummatni Oromoo Qe’ee irraa hin buqqaanu jechuun waraana mootummaa Wayyaanee waliin falmatti seene!
Aside
Caamsaa 24,2012 Ginda Barat
Mootummaan Wayyaanee bara aangootti ol bahe irraa kaasee ilmaan Oromoo qe’ee irraa buqqisuun qabeenya saamaa kan ture har’as itti fufuun Godina Shawaa bahaa aanolee garaa garaa keessatti qe’ee irraa kaasuu itti fufee jira.Aanaa Gindabarat ganda gartokkee fi qarree sooree jedhaman keessatti mootummaan wayyaanee waraana bobbaasuun dirqiin qe’ee irraa akka buqqa’an gochuun uummata Oromoo rakkisuu irratti argama.Uummatni Oromoo naannoo kanas mootummaa Wayyaanees hin ajajamnu,hin saamamnu jechuun didanii jiran.Mootummaa wayyaaneetti diddaan yeroo ammaa haala jabaan jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu Godina wallaggaa bahaa keessattis uummatni Oromoo qe’ee keenya irraa hin buqqaanu jechuun waraana mootummaa wayyaanee waliin falmatti seenee jira.
Didne,Didne ammas didne jechuun Uummatni Oromoo tarkaanfii Qabeenya Jala deemtota Wayyaanee irratti jabeesse!!
Aside
Caamsaa 24,2012 Limmuu Galiilaa
Uummatni Oromoo Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu Galiilaa ganda saqalaajjee habashoonnii fi alagootni nu hin dhaalan jechuun qabeenya investera habashaa uummata oromoo qe’ee irraa buqqise Isaayyaas Arayyaa, motora bishaanii guutummaan barbadeessan.Uummatni Oromoo godina kanaa yeroodhaa yerootti tarkaanfii qabeenya investerootaafi habashootaa irratti jabeessuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanee uummata beenishaangul gumuziifi uummata Oromoo walitti buusuun uummata Oromoo dadhabsiisuuf yaalus milkii dhabee jira.Barattootnii fi jiraattotni godina Wallaggaa bahaa aanaa haroo limmuu magaalaa haroo limmuu keesatti mootummaan wayyaanee uummata oromoo irraa dhimmaa hin qabu,OPDOn ergamtuu Wayyaaneeti,walitti bu’insa mootummaa wayyaaneen bixilameef mootummaan abbaa irree wayyaanee itti gaafatamummaa haa qabaatu jechuun dhaadatanii hiriira nagaa kan bahan yommuu ta’u sagaleen isaaniis Oromiyaa keessatti babal’achuun,mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Mootummaan wayyaanees tika,poolisoota federaalaa,poolisoota oromiyaa naannoo kanatti bobbaasuun diddaa kana dhaamsuuf dhama’us uummatni Oromoo naannoo kanaa waraana mootummaa Wayyaanee waliin waldhaansoo guddaa qabee jira.