NUUTII QEERROO DHA
MW irraa
Nuutii dhaamsa qabna
ergaa yeroo ammaa
Iyya bara dheeraa
adaraa ganamaa
Imimman sab bal’aa
Daily Archives: May 5, 2012
Mirga Hiree Murteeffannaa Saba Keenya,Galiin Gahuufi Qabsoon Keenya
Video
Tolaan dhabnaan kaanee qawween mikanfanna!!!!!!
Ka’i-Ka’i-Ka’i Oromoo!!!
Video
Manni qonnaan bultoota Oromoo76 qabeenya isaanii waliin gubate.
Aside
Caamsaa 05,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa
Mootummaan Wayyaanee walitti bu’iinsa ummattoota jidduutti uumneen lolli Uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti jabaachuun Guyyaa har’aa Caamsaa 04,2012 haalaan Hammaataa taheen Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Limmuu bakka Siitii Bakkoo Jedhamutti Manni qonnaan bultoota Oromoo 76 qabeenya isaanii waliin barbadaa’ee jira.Uummatni Oromoo naannoo fi beeledoonni qaban yeroo akanatti bakka dhaqan dhaabuu irraa naannicha gadiisanii kara karaa faca’aa akka jiranii fi gargaarsa tokko illee akka dhabanii jiran gabaasi qeerroo addeessa.
Uummatni Oromoo tooftaa mootummaan Wayyaanee bixxilteen naannoo kanatti haalaan rakkachuu irratti yeroo argaman.Barattootni Oromoo manneen barnootaa garaa garaas barnoota dhaabanii jiru.Manneen barnootaa Limmuu fi Bariisoo diddaa haalaan jabeessuun alaabaa ABO fannisuun mormii sirnicha irraa qaban muldhisaa jiru.
Yuunivarsiitii Hawaasaatti mariin dabballoota Wayyaanee milkii dhabuun irraan barattoota kadhachuutti gad taa’an!.
Aside
Caamsaa 05,2012 Gabaasa Qeerroo
Sodaa Diddaa uummataa fi barattootaa deemsifamaa jiru dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee dallaa yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti dabballoota Federaala irraa bobbaasuun,Tika naannoo fi bulchinsa magaalaa dabalachuun ijaarsa nageenyaa dhimma jedhuun marii gaggeessaa jiru.Mariin isaanii kun barattoota biratti kan hin
liqimfanne yoommuu tahu nageenya yuunivarsiitii tiksitu taanaan tajaajilli yuunivarsiitii keessatti kennamu ni baay’ata,Ni tolfama jechuun barattoota kadhachaa jiru.Kadhaan isaaniis milkii malee hafuun dabballootni mootummaa Wayyaanee fi tikni mootummaa naannoo sanaa yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti heddummaachuun barattoota doorsisuu irratti argamu.
Qeerroon moraa Yuniversitii Hawaasaas diddaa isaanii cimsuun dabballootaa fi sirna mootummaa wayyaanee dura dhaabbachaa akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.
