Barattooti Oromoo Haroo Limmuu Gochaa Wayyaanee Dura Dhaabachuuf Jecha Hiriira Nagaa Bahan

Caamsaa 27,2012 Limmuu
Barattootni Oromoo aanaa Haroo Limmuu mana barumsaa sadarkaa 1ffaa harqumbee kutaa 8ffaa baratan walitti bu’insa Oromoo fi saboota biro jidduutti mootummaan Wayyaanee uumaa jiru mormuu dhaan Caamsaa25,2012 hiriira nagaa bahan. Hiriira barattootaa kana dura dhaabbachuu fi facaasuuf poolisooti hedduun kan bobba’an yeroo ta’u karaa biraa ammo loltooti Mootummaa Wayyaanees diddaa naannoo kanaa haalaan jabaachaa dhufe dhaamsuuf olii fi gadi fiigaa kan jiru yoommuu tahu gama hundaan milkii dhabee jira.Dabballootni mootummaa wayyaanee naannoo kanaa uummata keessaa addatti kan ilaalamanii fi qaanii jabaan isaan qabate yoommuu tahu,Mootummaan Wayyaanees aarii kana baafachuuf saboota sulula Abbayyaa irra jiraatan waliin waraana hidhachiisee uummata Oromoo irratti duulsisuu itti fufee jira.Uummatni oromoos waraana mootummaa Wayyaanee fi ergamtoota of irraa ittisuutti seenee jira.
Kun kanaan osoo karaa biraa barattootni oromoo yuunivarsiitii Amboo qorannaa mootummaa wayyaaneen akka rakkamaa jiran beekame. Barattootni oromoo yuunivarsiitiilee,Manneen barnootaa gad aanaa mootummaa garboomsaa wayyaaneen hidhamuun,arii’atamuun akkuma amaleeffatame barattootni oromoo yuunivarsiitii Amboo isin Miseensota ABOti jechuun qoratamuu irratti argamu.Bulchinsi mooraa yuunivarsiitii Amboo mootummaa wayyaanee irraa dirqama fudhachuun Barataa Geetuu Kabbadaa jedhamu ati miseensa ABO,Miseensota ABO ijaaraa jirta waan taheef hojii kana irraa hin dhaabbatu taanaan barnoota irraa arii’amta jechuun doorsisaa qorannaan rakkisuu irratti argama.

1 thought on “Barattooti Oromoo Haroo Limmuu Gochaa Wayyaanee Dura Dhaabachuuf Jecha Hiriira Nagaa Bahan

  1. wayyanootni
    dhigaa ilmaan oromoo dhuguu waan barataaniif nuuti sabni oromoo jabanee ofiraa haa facifnuu jabadha.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s