Waraanni Wayyaanee Meeshaa Gurguddaa Hidhate Hedduminaan Buree Qubsiifame. Poolisoonni OPDOs Waraana Wayyaneen Reebaman.

Aside

Caamsaa 25,2012 Giddaa Ayyaanaa
Caamsaa 23,2012 waraannii Wayyaanee humni guddaan waliitti bu’insaa saboota olla Oromiyaa jiraatanii fi saba Oromoo gidduutti uumamee jiruu sababeeffachuun mooraa waraanaa Buree irraa garaa Wallaaggaa Bahaa Onotaa akka Giddaa Ayyaanaa,Kiiramuu, Haaroo Limmuu, Limmuu Galiilaa,Heebantuu fi Giddaa Saasiggaa qubsiifamaa jira. Haa ta’uu malee Waraanni Onaa Giddaa Ayyaanaa seenee jiru ,uummaataa nagaa irraatti yakkaa dalagaa jira, dubartoota humnaan gudeedaa jira, galgala galgalaa ummataa reebaa jira, fkn bakkaa Hootelaa Giloobaalitti yakki humnaan gudeeddii dalagamera.
Karaa biraan immoo Poolisoonnii Onaa Giddaa Ayyaanaa diddaa ummataa dura dhaabbachuu dadhabdan isinuu ABO dha jechuun waraanni Wayyaanee OPoolisoota kana reebaa akka olee fi garii isaanii akka hidhee jiru gabaafama.

Diddaan Ummata Oromoo Gara Qabsoo Hidhannootti Cehee Lolli Gurguddaan Baname,Wareegamis Kafalame.

Aside

Caamsaa 25,2012 Naqamte
Caamsaa 22/2012 Godinaa Waallaaggaa bahaa Onaa Limmuu Galiilaa Bakkaa Baddeessaa Gammadaa jedhamuttii waliitti bu’insii uumamee waraanaa loltooti Wayyaanee saboota sulul Abbaayyaa qabbatanii Ummataa Oromoo irraatti baneen lubbuun lammiilee Oromoo Afur[4]galaafatame,maqaan
1.Bantii Dhugaasaa,
2.Faqqadaa Mosisaa
3.Ayyalaa Alamuu,
4.Agaa Caalii kanneen jedhaman yemmuu ta’uu;
Walitti bu’iinsa kana keessatti sabboontoti Oromoo kanneen madaa’aans
1. Zalaleem Taarraqenyi dura barsiisaa Afaan Oromoo kan turee fi yeroo ammaa investera ta’ee bakkuma kanatti hojjechaa kan jiru,
2.Fiixee Biiftuu,
3.Jaarsoo Gabaayyoo,
4.Xiilahuun Galaan
kanneen jedhamaan immoo akka malee warraa madaa’aan yemmuu ta’uu, lolli kun ammaa illee itti fufee jira, bakki lolli kun itti eegalee jiru magaalaa Neqamtee irraa 65km fagaatee argama.
Lolli kun itti fufuun ammos Caamsaa 23/2012 Godinaa Waallaaggaa bahaa Onaa Limmuu Gaalilaa bakka Tulluu Komaa jdhamuutti waaarri Wayyaanee Saboota Guumuz qabatee uummata Oromoo meeshaa maleessaatti dhukaasuun nama
1.Bayyanaa Abbaa Soorii
2.Bayyanaa Raggaasaa
3.Zaalaleem Bayyanaa,
Kanneen jedhaman rasasa rukutamanii madaa’an, guyyuma kana barataannii Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1-8ffaa barataan Onaa limmuu Galiilaa keessaatti waraanaa Wayyaanee jala dhaabbachaa olaan, FDG Kaasuun guyyaa kana sagalee mormmii dhageessisan, baratoonni kun guyyaa akka gutuu Oromiyaatti Moodelaa qormaataa kutaa 8ffaatu kennaama ture, nuti qe’ee keenyaa irraatti ajjeefamaa maal teenyee qorumsaa fudhannaa jechuun gotonnii baratoota Oromoo Onaa Limmuu Galiilaa FDG dhaan duraa dhaabbatan.
Haalumaa kanaan Mannee barnootaa Kutaa 8ffaa fincillii keessaattii ka’ee
1.Mana barumsaa Harqubee sadarkaa 1ffaa
2.Mana barumsaa Baddeessaa Gammadaa sadarkaa 1ffaa
3.Mana barumsaa Akuu Seedoo sadarkaa 1ffaa. baratoonnii manneen barnootaa kanaa qurumsaa moodeelaa kutaa 8ffaas utuu hin qoraamiin hafaan.Haala kanatti rifaachuun mootummaan abbaa irree humnaa waraanaa dabalataan naannoo sanatti bobbaasaa jiraachuu gabaafame.

Barattootni mana barumsaa Gindabarat Diddaa kaasan

Aside

Caamsaa 25,2012 Gindabarat
Barattootni Oromoo Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabarat Mana barumsaa Gindabarat diddaa itti fufan.Barattootni Oromoo mana barumsaa kanaa gaaffiin ilmaan oromoo ukkaamsamuu hin qabu jechuun diddaa itti fufanii jiran.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa yerootti ilmaan oromoo qe’ee irraa buqqisuun maaliif hin dhaabbatu? Mootummaan wayyaanee aangoo irraa haa bu’u,Mirgi hiree murteeffannaa ilmaan oromoo haa kabajamu kanneen jedhanii fi kanneen biroo gaafachuun dabballoota mootummaa wayyaanee mana barumsaa kanaa cinqanii jiran.Barsiisotni mana barnootaa kanaas maqaa hidha abbayyaan saamichi gaggeeffamu haa dhaabbatu,Baazaariin mootummaan wayyaanee qopheessu dhara jechuun diddaa qabsiisanii jiran.