Godinni Shawaa Lixaa Diddaa Uummata Oromoo dhaamsuuf waraana Wayyaaneen guutamte.

Aside

Gurraandhala 24,2012 Finifnnee

Barataa Lammii Tasfaayee

Barataa Lammii Tasfaayee

Diddaa uummata oromoo Godina shawaa lixaa keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee meeshaa waraanaa guutuun magaala Amboo fi magaalota aanolee fi gandaa keessatti bobba’ee dargaggoota oromoo mana hidhaatti guuruu irratti argama.Uummatni Oromoos waraana wayyaaneen hedduu doorsisamaa irratti argama.Magaalota kanneen akka Jalduu,Xiqur Incinnii,Kaachis,Baakkoo fi kanneen biroon konkolaattota waraana wayyaaneen guutamtee argamti.Wayyaaneen diddaa kana dhaamsuuf baajata biyyaa hedduu qisaasessuun bittaa umrii isaa dheereffachuu irratti waan argamuuf gama kanaan uummatni hundi irratti dammaqee gaaffii mirgaa gaafatame akka deebisuuf tumsuu qaba.Uummatni oromoo Godina shawaa lixaas ABO dhaaba siyaasaa ilmaan Oromooti jechuun Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo qabatee diddaa jalqabee jira.

Haaluma kanaan sabboontoti bakkoota adda addaa irraa hidhaman keessaa….Sababaa Warraaqsaa Oromiyaa Keessatti Qabateen Sabboontota Hidhaman

Barattooti Oromoo ammos yommuu,yommuu, hidhaan dararamaa jiru.

Aside

Gurraandala 23,2012 Jimma

Barattoota Oromoo University Jimmaa mana hidhaa Wayyaanee keessatti haalaan dararamaa jiru.Barattoota Oromoo kanneen fincila diddaa gabrummaa University keessatti  adda durummaan qindeessaa jirtan isini sababa jedhuun mootummaan abbaa irree dargaggoota ija hamtuun ilaalu mana hidhaatti deebisee jira.

Barataa Nuraddiin Ahmed

Haaluma kan airraa ergamtooti mootummaa Wayyaanee fi manni murtii godina Jimmaa yeroo ammaa kana wal dhabdii guddaan kan gidduu isaaniitti uumamte yoommuu ta’u barattootni kunneen mana hidhaa Jimmaa keessatti haalaan reebamuun murtii tokkoon malee dararamuu irratti argamu.Barattoota yuunivarsiitii Jimmaa kanneen keessaa kanneen lammaffaa mana hidhaatti deebi’anii hiraarfamaa jiran keessaa:-

Maqaa Muummee Godina

aanaa

umrii
Mokonnin Dabalee Toloo Phycology waggaa 2ffaa Godina addaa Naannoo Finfinnee sulultaa 24
Eebbisaa Raggaasaa Statistics waggaa 1ffaa Shawaa lixaa Gindabarat 21
Daannoo Dabtraa Bayyanaa Water technology waggaa 1ffaa Shawaa lixaa Mana sibuu 21
Tasfaayee Biraanuu Bari’ee Phycology waggaa 2ffaa Harargee Abaadir 21
Nuuraddiin Ahmed Barisoo Phycology waggaa 2ffaa Arsii shaashimannee 21
Girmaa Bokonaa Hundee Hojjetaa mana nyaataa yuunivarsiitii Jimmaa Geeraa 29
Misgaanuu Jaallataa Gamtaa Nursing waggaa 2ffaa Wallagga Bahaa Nuunnuu qumbaa 20
Abdiisaa Qabatoo Oromo focular waggaa 2ffaa Arsii lixaa Shaashimannee 21
Barataa Wubishet Zalaalam

BArataa Wubishet Zalaalam

Warren kunneen keessatti argamu.Barataa Wubisheet Zalaalamii fi Barataa Moo’eeraa Lamaas mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Jimmaa keessatti dararamni irraan gahaa jiru haalaan gaddisiisaa dha.Gaaffii mirgaa isaan gaafatan hidhaan furmaata jechuun ilmaan Oromoo Wayyaaneen mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Dallaan yuunivasiitii Jimmaas waraanaan eegamaa jira.

 

“Barnoota irraa arhihamuun keenya Gaaffii mirga saba Oromoo hin dhaabu” Jedhu Barattooti Oromoo University Finfinnee

Aside

Gurraandhala 23,2012

Gaaffii mirgaa barattooti Oromoo gaafatan deebisuun kan itti ulfaate mootummaan nama nyaataa Wayyaane,dargaggoota Oromoo yeroo barbaadetti hidhuu gaafa fedhe ammo barnootaa fi dalagaa irraa arihuun mirga ummataa keessatti ukkaamsuuf yaalii gurguddaa godhaa jira.Yeroo ammaa kanattis barattoota Oromoo University Finfinnee keessatti gaaffii kaasan keessaa barattoota 14 gaaffii mirgaa kaastan FDG isinii kaasuuf jedhu bara geenye fi sababoota mirga Oromoo waliin walitti hidhu irratti qopheessuun barnoota isaanii irraa arihee jira. Kanneen kunis:-

  1. Mahdii Ahmad        Harargee/Gaara Mul’ataa Furdaa                                         Fayyaa     W.2
  2. Najiib Aliyyii             >>               >>             Baddannoo                                          Engineer   W.3
  3. Abdii Mahammad      >>           Dirree Dhawaa                                                        Seera        W.2
  4. Mahammad Abdii     >>            Ciro                                                                             Economy   W.2
  5. Ayub Asfaaw            >>            Mi’eesso                                                                       Seera        W.2
  6. Jamaal Yusuf            Harargee   Haramaayaa                                                         Fayyaa      W.3
  7. Qonjit Akliiluu           >>             Calanqo                                                                    Accounti.   W.3
  8. Fathiyaa Jamaal       >>              Qullubbii                                                                A.Oromoo  W.2
  9. Zalaalam Damee        >>             Asaboot                                                                  Fayyaa       W.2
  10. Halimaa Shaamil      >>              Ciro                                                                           Seera        W.3
  11. Jannaa Mahammad   >>             Bookee                                                                  Lammummaa W.2
  12. Caaltuu Hassan        >>               Dadar                                                                      Fayyaa         W.2
  13. Abbush Katamaa     Shawaa Bahaa/Adaamaa                                                   lammummaa  W.3
  14. Almaaz Yixinaa        Shawaa                                                                                     A.Oromoo      W.2

Barattooi Oromoo yakka Wayyaaneen kanaan barnoota irraa arihamanis,nuti aarsaa taanee ummanni keenya haabilisoomu, gaaffii haqaa fi mirgaa ummata keenyaa gochaa hammeenya Wayyaaneen nurraan gahaa jirtu kanaan hin dhaabbatu jechuun yaada isaanii Qeerrootti kennatanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

 

Daraggoota Oromoo rifeensa mataa guddifatan ABO dha jechuun yakki itti banamuu eegale.

Aside

Gurraandhala 22,2012 Finfinnee

Dargaggoota Oromoo mara ija diinaan kan ilaalu garboomfataan mootummaa abbaa irree Wayyaanee dargaggoota Oromoo Wallagga bahaa Magaala Naqqamtee keessatti hojii dhabdummaan rakkachaa jiran irraa rifeensa haaduu jalqabe.Warreen rifeensa guddifattan ABO ti jechuun mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo rifeensa dheeraa qaban gogaa haaduu irratti argama.Namni bubbule waa arga jechuun kan dubbatan dargaggootni oromoo kunneen Hojii dhadummaan rakkachuu irra darbee rifeensa keenya illee guddifachuun yakka nutti ta’ee jira jechuun dubbatanii jiru.Mootummaan kun waan ilma namaa irratti hin raawwanne raawwachaa kan turee fi kan itti fufu ta’uu hubachuun gumaata Oromummaa akka baanu dhaammanna.

Kana malees Barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa kan ta’an Barataa Wubisheet Zalaalam Mangistuu Barataa saayikoolojii waggaa 2ffaa fi Barataa Moo’eeraa Lammaa Dabal barataa saayikoolojii waggaa 2ffaa kanneen ta’an lamae mootummaan yayyaanee himannaa sobaan yakkuun mana keessatti haalaan dararaa akka jiru gabaasi Jimma irraa nu gahe addeessa.

Motummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo University Jimmaa Irraa Hidhamaniif Mirgi Wabii isaanii akka Hin Eegamne Dhorke

Aside

Gurraandhala 21,2012 Jimma

Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuun furmaata kan itti fakkaatee fi Gowwummaa jabduun kan danqame barattoota Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa irraa hidhaman mana Murtii Jimmaatti dhiyeesse.Manni murtiis ijoolleen kun balleessaa hin qaban jechuun mirga wabii yoommuu eeguuf mirgi wabii hin eegamuuf jechuun seera ofii manni murtii bilisaan dalaga jedhanii tuman cabsanii jiru.Abbootiin murtiis dubbiin bitaa itti galee waan godhan dhabanii barattootni Oromoo 13 maqaa shororkeessummaa jedhuun himatamanii mana hidhaa mootummaa wayyaanee Jimmaa keessatti argamu.Barattoota kanneen mana murtiitti mirgi wabii eegameef dhorkaman keessaa

1.Barataa Moo’eraa Lammaa Phycology waggaa 2ffaa

2.Barataa Nuuraddiin Hamdaa phycology waggaa 2ffaa

3..Barataa Daannoo Dabtaraa Water technology waggaa 1ffaa

4.Barataa Eebbisaa barataa statistics waggaa 1ffaa

5.Barataa Mokonnin Dabalee

6.Barataa Wubisheet Zalaalam

7.Dargaggoo Girmaa hojjetaa mana nyaataa keessatti argamu.

Sodaa barattootaa irraa kan ka’e waraanni mootummaa wayyaanee Yuunivarsiitii Jimmaa Kampaasii Agrii fi Main campus haguugee jira.

Barattootni Oromoo Gaaffiin ilmaan Oromoo Deebii hanga argatu hin barannu jechuun murteeffachuun manneen barnootaa cufan.

Aside

Gurraandhala 21,2012 Finfinnee

Baatii Gurraandala 2012 keessatti diddaa Godina Shawaa lixaa Aanaa Abuunaa Manneen Barnootaa Somboo Walisoo fi Guutee Handoodee keessatti sabboontotni barattoota Oromoo hidhaa bara baraa ilmaan Oromoo irra jiru ni mormina,Yoomuu gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duubatti hin deebinu jechuun barsiisota isaanii qabatanii mana barnootaa cufanii jiru.Qabsoo ilmaan Oromoof gumaatni oromoota hunda irraa feesisa kan jedhan barattootni Oromoo marti waamicha keenya dhaga’uun diddaa daran jabeessuun mootummaa garboomfataa bara baraa hundeen akka buqqisnu jechuun dhaammatanii jiru.

Kana malees sabboontotni Oromoo Godina Shawaa lixaa Kaachisii ona Leemat walgahii mootummaan wayyaanee waamte bahuu didan.Misooma hojjedhaa jettee mootummaan wayaanee labsitus nuyoo hojii keenya hojjenna jechuun ergamtoota mootummaa naannoo sanaa qaanessanii jiru.Warraaqsa biyyattii keessatti jalqabameef gahee oromummaa ni baana Jechuun uummatni Oromoo Ganda Leemat ajaja wayyaanee guutuun didanii jiru.Dabballoota walgahii yaasuuf bobba’anis gaaffiilee

1.Gibirri kanaan dura funaaname eessa dhaqe?

2.Karaan akka maqalaeef bahe Oromiyaa keessatti maaliif hin hojjetamen ,nuuf hin bane jechuun ofirraa arii’anii jiru.Diddaa Lixa shawaa keessatti jabaate dhaamsuuf mootummaan wayyaanee miseensota OPDO tahan walgahiif waamuun isheenii fi mata dureen isaas akkamitti warraaqsa dhaamsina kan jedhu ta’uus qorannoon qeerroo dhaqqabee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Widespread Violence against Students in Ethiopia

Aside

Widespread Violence against Students in Ethiopia 

Dismissals and Suspensions of University Students on Political Grounds

February 20, 2012

Three students of Jimma Unversity in the regional State of Oromia in Ethiopia were given academic dismissal while four others were suspended from their studies at the university for two years for demanding for a halt to what was described as politically motivated racial slurs allegedly perpetuated by students of Tigrian oringin, the ethnic group that controls the political power in the current regime in the University campuses. According to the HRLHA reporter in Jimma (Wetern Oromia), Wubshet Zelalem, Mengistu (Amhara nationasl), Tesfaye Berihanu Bari’e and Moera Lema Debela (both Oromo nationals) were dismissed from the University, while Mekonnin Dabale Tolla, Nuredin Ahmed Bariso  and Takalign Konta Oli (Oromo) were temporarily abrogated for two years. Another student called Melesse Tilahun (who was a Gurage by birith) was penalized with one year suspension from the University. With the connection of the incident on Feb 4, 5 & 6,2012 many students, among those who opposed the inappropriate punishment imposed by the University administration against their fellow students, were arrested and taken to unknown destinations. HRLHA has been able to obtain through its correspondents, some of the names of those students who are believed to have been detained at unknown locations. They are: HRLHA_URgent_Action_Feb_20,_2012

Barataan Seeraa Waggaa 5ffaa Ayyaansaa Mul’ataa jedhamu University Jimmaa Irraa Hidhame.

Aside

Gabaasa Qeerroo,Jimmaa.Gur-dhala 20,2012

Diddaa Barattoota Oromoo jalqabame dhaamsuuf mootummaan wayyaanee barattoota yuunivarsiitii Jimmaa mana hidhaatti guuraa jira.Gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo gaafatan hidhaan furmaata jechuun kan barate mootummaan Wayyaanee barattoota hedduu Yuunivarsiitii Jimmaa irraa mana hidhaatti guuraa turuunii fi ammas Barataa seeraa waggaa 5ffaa kan ta’e Barataa Ayyaansaa Mul’ataa jedhamu mana hidhaatti darbee jira. Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaas waraanaan kan guutamte yoommuu ta’u barattootni arii’amanii fi hidhaman akka nuu hiikaman jechuun barattootni Oromoo yuunivarsiitii Jimmaa gaaffii isaanii guyyaa har’aa itti fufanii jiraachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Naannoo Beneshangul Gumuzii Oromoonni Hojjetan Ari’aman

Aside

Gabaasa Qeerroo Asoosaa,Gur-dhala 20,2012

Naannoo Beenishaangul Gumuz Asoosaa bakka Toongoo jedhamutti hojjettootni mootummaa qomoo Oromoo ta’an imaammata mootummaa BPR jedhamu hojii irra hin oolchine jedhamuun yakkamuun hojii irraa
arii’amanii jiru.Hojjettootni kunneen qorannoo amanamtoota mootummaa Wayyaaneen kan arii’aman yoommuu ta’u sababa Oromummaa duwwaaf hojii irraa arii’amuun isaanii bira ga’amee jira.Oromoota kan ayeroo adda addaatti waraana ABO bakka irraa bakkatti dabarsitan,maadheelee ABO ti jechuun shakkiin ragaa malee irratti himata dhihaassaa turan.

Hojjettoota kanneen keessaa
1.Obbo Yaasin Mohaammed Hojjetaa kutaa qabeenyaa fi
2.Obbo Dameessaa Abdiisaa Hojjetaan ijaarsaa fi Dandeettii keessatti argamu.
Hojjettootni kunneen hojii irraa arii’amuun hafee biyya irraa illee arii’aa jiraachuun waanuma barame waan ta’eef hojii mootummaan garboomfataa wixinee bittaa umrii isaa ittiin dheereffachuuf deemu yoomuu hin fudhannu jechuun jala dhaabbatanii argamu.

Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

FDG Godina Shawaa Lixaatti Hammaataa Deemuun Wayyaanee Yaaddesse.

Aside

Gabaasa Qeerroo Gur-dhala 20.2012 Ambo

Godina Shawaa lixaa Xiqur incinnii,Jalduu,Gindabaratii fi kanneen biro keessatti diddaa dargaggootni oromoo jalqabaman dhaamsuuf mootummaan wayyaanee waraana naannessuu irratti argama.Manneen barnootaa kanneen akka culluxxee fi Xiqur incinnii keessatti diddaa jalqabame fashalsiisuuf jirattoota mara mootummaan wayyaanee walgahii waamuun cinqaa jira.Walgahii kana irrattis uummatni ifaan gibirri funaanamu
eessa dhaqa?mirgi abbaa biyyummaa Oromoo fi eenyummaa keenyaa nurraa mulqamee ijoolleen keenya akka looniitti barnoota irraa guuramanii hidhamaa jiru kun nurraa haadhabbatu jechuun sagalee mormii ifatti dhageessisanii jiru.

Dabballoonni Wayyaanee yaada ummataa kana dhagahuu dhambuun seera ykn tooftaa “Shakkamaan eenyu? Jedhuun uummata jeequuf karoorfates naannoo kanatti hojiitti jijjiiruun uummata hiraarsaa jiraachuun beekkame.