Flying OLF flag high in many cities of Oromiya is our sign of resistance to TPLF dictatorship and struggle for democracy: – Qeerroo

Aside

March 1, 2012 Finfinne,

In a clear defiance to the anti terror law, The National Youth Movement of Qeerroo Network have hanged the OLF flag in different part of many cities in Oromiya. According to a report sent with pictures of OLF flag in public areas and main road in Naqamte, Gedo and other cities; it is to be understood that it is a big blow to the regime who recently enacted the so called “anti terror law” and listed five organization as terrorist as a way to clampdown on dissents and solicit funds and supports from western governments.

This act of heroism comes in spite of the ongoing mass imprisonment, torture and forced exiling of activists and normal civilians accusing them of encouraging and participating in the Qeerroo resistance.

The illegitimate government in Addis, who was caught in big fear with the ongoing movement, is engaged in routine and multiple checks points in and around many suspected cities including Ambo, deploying hundreds if not thousands of soldiers. In the same news, in many towns of West Shoa zone the regimes cadres are troubling the residents with never ending public investigation and self incriminating events in a bid to track the Qeerroo network movement.

In the current scenario of the regime turning blind eye to the genuine demand of the public and the intensified effort of the people inspired and led by Qeerroo movement, the problem of the country is far from over.

More  Video http://qeerroo.com/page/2/  or http://www.Gadaa.com

@Qeerroo

Qabsoon Oromoo qooda keenyaan mirkanaa’a!!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 01 Bitootessa 2012) Qabsoo Bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon durfamu cinaa dhaabbachuun dirqama Oromummaa bahuun lammiilee hunda irraa akka eegamu Qeerroon ibse.
Haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti adeemaa jiru irratti Qeerroon akka ibsetti, gaaffii mirgaa keenya karaa nagaa argachuuf tattaaffiin haga ammaatti godhame hammeenya sirna Wayyaanee sirriitti adda baasee mul’isee jira.
Akka ibsa Qeerroo kanatti yeroo ammaa kana diddaa ummataa karaa hundaan kan itti fufe yoo ta’u sirni Wayyaanees diddaa fi fincila sadarkaa addaddaatti adeemaa jiru dhaamsuuf humna qabdu maraan hojjachaa jirti.
Haata’uutii, Qeerroon doorsisaa fi hiraarsaa Wayyaaneef otuu gurra hin kenniin mallattoo BILISUMMAA Oromoo kan ta’e, Alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo ,  dhaabbiilee barnootaa gurguddoo kanneen akka Finfinnee, Amboo fi bakkeewwan birootti Oromiyaa irratti balaliisisaa jira.
Shirri diinni xaxxus sadarkaa addaddaatti  tooftaa Qeerroon tolfatee socho’aa jiruun akka fashale illee ibsi Qeerroo kun hubachiisee jira.
Qeerroon gidduu kana Oromiyaa keessatti Alaabaa Oromiyaa balaliisaa kan jiru yoo ta’u, jabina Qeerroo kanaan kanneen Qabsoo Bilisummaa Oromoo barbaadan kan gammadanii, kanneen diinaaf ulee ta’an immoo  dhiphuu keessa galanii akka jiran beekamee jira. Qeerroon yeroo ammaa biyya abbaa isaa irratti alaabaa mataa isaa muldhisaa jira.
Guyyaa Har’aa Yuunivarsiitii Finfinnee keessattii fi bakkeewwan waajjiroota gurguddootti alaabaan fannifame waraana mootummaa wayyaanee jeequun Finfinneen konkolaataa waraanaan guutamtee jirti.
“Yoomuu qabsoon keenya hanga bilisummaatti akka itti fuftus ni hubachiisna,” kan jedhan  deeggarottti Qeerroo, “yeroo hamtuu akkanaa keessatti taa’anii waleeguu fi walqocholuu irra karaa itti qabsoon Oromoo gara galiitti  dhiyaacha kan jiru ta’u, “kan arge haa amanu; kan dhaga’e immoo haa dabarsu!”  jechaa ilmaan Oromoo cufti dirqama Oromummaa akka ba’atan Qeerroon dhaamsa dabarsee jira!
Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Wayyaaneen diddaa Qeerroo dhaamsuuf sakatta’a eegalte

Aside

(qeerroo, Amboo, Gurraandhala 27,2012) Uummata Oromoo meeshaa maleeyyii gaaffii mirgaa yeroo gaafatu  irraa bir’uu kan qabu mootummaan Wayyaanee waan meeshaa itti dhoosaa jiruu fi meeshaa waraanaa baatee deemu itti fakkaatee bir’uudhaan sakatta’a gochaa akka jiru gabaasame.

Mamiin mootummaa kanaa uummata Oromoo irraa qabu daran jabaachaa deema.Sababni isaa inni guddaanis gaaffii mirgaa gaafatamee deebiin hidhuu fi hojii arihuu ykn ajjeessuun deebii itti fakkaata.

Yeroo ammaa kanatti kanuma irraa ka’uunis uummata karaa nagaa deemu magaala Amboo kallattii hundaan marsuun sakkatta’a gaggeessaa  jiru.

Uummatni biyya abbaa isaa keessatti olii gadi bilisaan deemuun dhorkamaa jira.Ifannaa fi doorsisaan namoota keessumaa dargaggoota Oromoo konkolaataa irraa buusanii rakkisuu irratti argamu.

Yoomuu sakatta’i,hidhaan,doorsisnii fi ajjeechaan qabsoo ilmaan Oromoo duubatti akka hin deebisne hubachuutu irra jiraata ture.

Mootummaan Wayyaanee TPLF human waraana bobbaasee uummata ittiin doorsisu kana beelaa fi hiyyummaa biyya sana keessatti jaaree jiru karaa itti salphisu gochuun karaa ture.

Gaaffiileen mirga ummataa deebisuu hanqachuu irraan sagalee ummata bal’aa guyyuu human waraanaa fi milishaan waan ukkamsee barootaan jiraatu itti fakkaachuu ni mala.

Ammo haalli amma deemaa jiru ummati Oromoo jiraachuuf jecha mootummaa Wayyaanee gutummaatti dhabamsiisee jireenya Oromummaa fi Oromiyaa mirkaneessutti kan isa geessu malee meeshaa soda kan duubatti deebi’u hin fakkaatu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa

Sochiin Warraaqsaa Jabaate; Wayyaanoti Qorannoodhaan Ummata Rakkisaa Jiru

Aside

(Qeerroo, Amboo, Gurraandhala 27,2012) Godina Shawaa lixaa aanaa Gindabarat ganda Bakkee Baldhaa jedhamu keessatti  qorannoon mata dureen isaa “Eenyu Shakkamaan?” jedhu uummatni Oromoo irratti  gaggeeffamaa akka jiru beekame.

Ummata “bulchaa jirra’ jettu irraa abdii kan dhaban ergamtooti Wayyaanee, yeroo ammaa kanatti diddaa ummataa itti hammaachaa jiru irraa sodaan waan itti buleef, guyyaa irraa guyyaatti qorannoo dhuma hin qabneen ummata dararaa akka jirtu beekamee jira.

Qeerroon akka gabaasetti, mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa naannoo kanaa nin qulqulleessa jechuun dhama’aa akka jirtu barameera.

Misooma mootummaan kun uummatatti fakkeessee bittaa umrii isaa dheereffachuuf jedhus uummatni  didee haala jiruu fi jireenya isaa akkasumas gaaffiilee mirga Oromummaa irratti diddaa muldhisaa jira.

Wayyaaneen milishootuma isaa kanneen amantamummaa irraa hin qabne qawwee irraa hiikuun isin degertoota ABO fi sochii yeroo ammaa deemaa jiru duubaan jirtu jechuun qorannoon rakkisaa jiraachuun beekama.

Haalli kun yeroo ammaa onoota lixa Shawaa keessatti bal’inaan gaggeefamaajira.

Aanaa Gindabarat keessatti gaafatamaa hojii mootummaa nama qabu Obbo Deebisaa Fifii Jaldee nama jedhamus qorannooma kanaan hedduu rakkisuun sochii qeerroo waliin hidhata qabda sababaa jedhuun qormaata jala galee rakkachaa jiraachuun beekama.

Uummatni Oromoo naannoo kanaas misooma inni duruu hojjenne faayidaa hin arganne,hamma mirgi ummata Oromoo waliigala kabajamutti karroorri mootummaan mishooma jedhu hin hojjetu jechuun diddaa isaanii bakka irraa bakkootatti ibsachaa jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Kaayyoo Oromoo milkeessuun dirqama Sabboontotaa ti

Aside

(Qeerroo, Adaamaa, 27 Guraandhala 2012) Amajjii 1, guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) akkasumas Ebla 15, guyyaa Gootota Oromoo jennee yoo yaadannu fi kabjinu, walitti dhufnee kan itti waliin haasofnu; dhiichisaa fi ragadaan kan waliin ittiin bashanannu; yoo guyyaaleen kun dabran waayee kana kan hirraanfannu ta’anii hafuu hin qaban.

Guyyaalee seena-qabeessi kun, kan qabsaa’ota wareegaman ittiin yaadannu qofaas otuu hin taane, kaayyoo goototni keenya wareegamaniif galii hawwamutti geessuuf, guyyaalee Sabboontonni Oromoo waadaa kana haaromsanii; gumaa gootota keenyaa baasuuf qabsoo kanaaf of qoheessan; wareegama barbaachisu kaffaluuf murteeffatan; jechoota qofaan otuu hin taane kana hojii dhaan agarsiisuuf qophii ta’an, ta’uu qabu.

Guutuu barruu kanaa dubbisuuf : http://qeerroo.com/ilaalchaviews/kaayyoo-qabsaaotni-wareegamaniif-galiin-gahuun-dirqama-sabboontota-oromoo-hundaa-ti/

 

April 15: Oromo Martrys’ Day – The National Memorial Day

Aside

http://www.Gadaa.com

From the Editor’s Notebook: Should we let Oromo Martyrs die for the second time? This year, the very values, for which countless heroines and heroes have scarified their precious lives in East Oromia, in West Oromia, in South Oromia and in North Oromia, have come under attack; these values are bilisummaa, walabummaa, Oromummaa and Oromiyaa. Our Martyrs might have died physically, but have always been alive in spirit. In 2012, a Ginbot-7 and its Oromo sub-group, known as Group-7, orchestrated assault is getting ready to kill our Martyrs for the second time by destroying the values they have fought for till their last breath. This year’s Oromo Martyrs’ Day is especial – it’s the moment we prevent our Martyrs from dying for the second time. more. http://www.gadaa.com

Qophii gaarii akkasiif qabsaawoti http://www.Gadaa.com galati keessan bilisummaa haatahu.

Hojjetaan University Jimmaa Inspector Kaalib Abbaa Tamaam Kan jedhamu,barattoota Oromoo irratti ragaa sobaa bahe.

Aside

Gurraandhala 26,2012 Jimma

Barattoota Oromoo yuunivarsiitii Jimmaadhaa mana hidhaatti ukkaamsan mootummaan Wayyaanee mana hidhaatti hambisuuf dabballoota isaa fi uummata nagaa dirqamsiisee ragaa sobaa irratti baase.Barataa Moo’eeraa
Lammaa fi Barataa Wubisheet Zalaalam irratti jaleen Wayyaanee mooraa University Jimmaa Inspector Kaalib Abbaa Tamaam kana jedhamu hojjettoota fi barattoota mooraa University Jimmaa saddeet dabalatee raga sobaa sabboontotaa fi barattoota Oromoo irratti bahee jira.Kan nama ajaa’ibu namootni barattoota kanneen irratti ragaa bahan kanuma ijaan barattoota kanneen ijaan arganii hin beeknee fi gariin dirqamaan tahuu qeerroon ifa godhee jira.Hojii diinaa waan taheef baay’ee kan nama gaddisiisu tahus bittaa umrii dheereffachuuf shira abbaa irreen xaxaa oolu irratti dammaquun tokkummaan qabsoo jalqabame akka galmaan geenyu dargaggoonni Oromoo University jimmaa dhammatu.

Godina Wallaggaa bahaa onoota Limmuu fi Eebantuu keessatti diddaan Qeerroo itti fufe.

Aside

Gurraandhala 26,2012 Naqamte

Yeroo ammaa kana dargaggoota oromoo hedduu rakkisuu irratti kan argamu hojii dhabdummaan rakkachuu miti.Yaaddoo guddaan akka bineensaa adamsamuu dha.Godina Wallaggaa bahaa onoota Limmuu fi Eebantuu keessatti gochaan  mootummaa Wayyaanee dargaggoota irratti raawwachaa jirus kanuma raga baha.Mootummaan kun abbaa irree tahuu fi ilmaan Oromoo gadadummaa keessatti hambisaa jiraachuu fi itti turuun isaa eenyuu raga baha.Kanumaaf uummatni Oromoo naannoo kanaas mootummaan kun abbaa irree dha,Mootummaan Wayyaanee nurraa jijjiiramuu qaba,ABO dhaaba siyaasaa ilmaan Oromooti,Qeerroon Oromiyaa bilisoomsiti..kanneen jedhan bakkeewwan hedduutti maxxansuun jibbinsa mootummaa kanaaf agarsiisu yoommuu mul’isu dargaggoota ija hamtuun duras ilaaluun hojii dhabdummaan rakkisaa turte raawwii kana uummata keessatti isintu hojjeta jechuun adamsaa jirti.Dargaggootni Oromoo naannoo kanaas mana warra isaanii gadhiisanii beelaa fi qorraan dararamaa jiraachuu Qeerroon ona Limmuu gabaasa.

Diddaa Qeerroon Oromoo Finiinsaa Jiru Doorsisaan Ukkaamsuun Hin danda’amu

Aside

Diddaan Qeerroo fi qaamonni hawaasaa Oromoo biroon Oromiyaa keessatti eegalan diina irratti yaaddoo guddaa akka uumee jiru hubatamaa jira. Akkaataan itti warraaqsi diddaa kun deemaa jirukansalphaatti hin saaxilamne tahuu tu mootummaa Wayyaanee waan qabuu fi gadhiisu wallaalchisaa jira. Baadiyyaalee keessatti ummanni sirna hamaa kana of irraa kaasuuf jecha dinagdee sirnichaa fi shariikota isaa irratti tarkaanfii fudhachuu jalqabeera. Magaalaalee keessatti ammoo barattoonni, barsiisonnii fi hojjetoonni diddaa karaa nagaadhaan jalqaban babal’isaa jiraachuun beekamaa dha. Warraaqsi diddaa kun magaalaalee fi baadiyyaalee hunda waliin gahaa deemaa akka jirukanhubate sirni Wayyaanee tarkaanfii hammeenyaatiin warraaqsa kana dhaamsuuf sosso’aa jira. Diddaa Qeerroon Oromoo Finiinsaa Jiru Doorsisaan Ukkaamsuun Hin danda[1] (1)

INDAANQOON HAATEE ,HAATEE ……

Aside

YAA.GAMMADAA (2005)
Wayyaanoonni, Biyya Itoophiyaa jedhamtu Bulchaa jiran ,,, guyyuu kan Ummatootaaf dhaabbatan of fakkeessanii haa dhihaatan malee,,, adeemsi isaanii,,, waa tokko qofa irratti rarra’ee akka jiru,,, ifatti mul’isaa jiran. Hiwaatoonni, Qabeenyaa saamne jiraachiisuuf filmaati qabnu tokkichi,,,, Qabsoo Ummatootaa karaa kamiin akka ukkaamsinu ykn dhabamsiisnu akkamiinii ? jedhanii yaaduu qofaadha. Kanas mirkaneessuf, shiroota nama dorsiisuu eegalee amma Shororkeessaatti jiran,,, yaalaa jiran.
Hiwaatoonni,,, Ummataaf dhaabbachuu isaanii miidiyaa of harkaa qabaniin,,, karaa Gaazexessitoota isaanii dhiigaan filamanii fi Ummatichaaf dantaa hin qabnee lallabsiisuun alatti,,,, dalagaan argisiisu ega dhiisanii,,, waggoota lakkofsiisanii jiran. Hiwaatoonni ,,,, Janaraaloota waraanaa 61 keessaa 57 Ilmaan isaanii qofa taasisuun,,,, humnoota Tikaa fi Polisa Fedaraalaaa Namoota Biyyoota ollaa irraa odoo hin hafne muudan,,,, Dinagdee Biyyaa guutummaatti tu’achuun,,, Indaanqoon Haatee Haatee…..