Sochiin Warraaqsaa Itti fufuu irraan wal qabatee Dargaggoonni Oromoo Hedduun Hidhaman.

Aside

Gurraandhala 19,2012

Biyya Ethihopia keessatti mirgi ummataa kabajamuun hafee,ummanni walii gala gaaffii karaa nagaa mirga isaa argachuu yoo kaase hidhamuu fi ajjeefamuu akkasumas biyyaa arihamuun waan aadeffame dha. Haaluma kanaan warraaqsa Oromiyaa keessatti qabatee ummanni Oromoo naannoo jiru maratti mirga abbaa biyyummaa falmataa jiruuf amma illee hiikkaa fi deebii ummattoota hojii fi barnoota irraa arihuu fi hidhuu tahee itti fufee jira. Erga barattooti Oromoo Jimmaa diddaa kaasanii as Gurraandhala 18,2012 Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa hojii warraaqsaa deemsisaa jirtu jechuun sabboontota armaa gadii barnootaa fi hojii isaanii irraa qabuun mana hidhaa hin beekamnetti geeffamanii jiru.

1.       Lammaa Tasfaayee, jiraataa Finfinnee

2.       Milkeessaa Miidhagaa, Barsiisaa Yunivaristii Dirredaawaa

3.       Girmaa Nagaasaa , Barataa Yunivaristii Jimmaa, Waggaa 1ffaa

4.       Magarsaa Waaqjiraa , Yunivaristii Hawaasaa, waggaa 3ffaa

5.       Daraaraa Abdiisaa, Dhalataa Aanaa Jalduu

6.       Birruu Galataa, dhalataa Aanaa Ada’aa Bargaa

7.       Abdallaa Alamuu , Wallagga, Giddaa Ayyaanaa

8.       Phaawuloos Tasfaayee, jiraataa Magaala Sabbataa

9.       Leellisaa Oliiqaa, jiraataa magaala Naqamtee

Kan amalees godina Shawaa dhihaa magaalota adda addaa keessatti alaabaan ABO ifatti fannifamuu fi maxxanfamuu ummanni argan abdiin Bilisummaa akka dhihaatee jiru ibsachuun gammachuu fi hamleen warraaqsa cinaa dhaabbatanii akka jiran Qeerroon lixa Shawaa irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Godina Addaa Oromiyaa naannoo Kamisee Aanaa Gawwee Diddaan Itti Fufe.

Aside

Gurraandhala 19,2012

Diddaa biyyattii keessatti jalqabameef dirqamni  Oromummaa hunda keenya irra jirti jechuun barsiisotni Godina addaa Oromiyaa naannoo  Kamisee aanaa Gawwee qaala’insi jiraatan, Oromiyaa keessatti hojjetaniis tahe baratanii jiraachuun walumaa gala ummata Oromoo rakkoo keessa buusaa waan jiruuf, naannoo jirruttis  jireenyi hojjetanii jiraachuu waan nu rakkiseef miindaan nuuf haa dabalamu kanaan ala hojii baruu fi barsiisuu ni dhaabna jechuun murteeffachuun gabaasan.

Mootummaan Wayyaanee hojjettoota ishii miindaa gad aanaan ramaddee warreen kaan ammoo hojii dhabdummaan rakkisaa kan jirtu yoommuu ta’u uummatni gama kanaan jabaatee gaafachuu akka qabus dhaamanii jiru.Gartuun siyaasaa biyyattii keessaa miindaa olaanaan kan ramadamanii fi bakkeewwan ijoo qabatanii kan argaman yoommuu ta’u har’a garuu hojjettootni mootummaa kamuu kana ifaan gaafachuu fi akka dandeettii isaatti bakka barbaachisaa galuu danda’uu waan qabuuf duubatti deebuu nu feesisu kan jedhan barsiisotni kun gaaffii biiroo barnootaaf dhiyeessaniif hojii barsiisummaa dhaabanii mootummaa Wayyaanee cinqaa jiraachuun beekama.

HANTUUTI HAADHA JALATTI, GUUBOO URUU BARATTII !!!

Aside

YAA.GAMMADAA

Addunyaan akka Namaatti keessa jiraachaa jirru kun , isa tokkof haadha taate isa kaaniif haadha biddeenaa ta’uu ishee ifatti argaa jirra. Umamni addunyaa Humnaa fi dantaa namaan osoo hin jal’atiin dura , hundaafu wal qixa umamuu ishee kan shakku jira jedhee hin yaadu. Maaliif yoo jedhame Uumaan samii fi dachii kun umama namaa kana wal qixa waan umeef .

Gama biroon , Addunyaa kana irratti yeroo lammaffaaf haqi jal’atee, dhugaan sobaan dhaalamee jiraachuus, keessummeessaa jiraachu argina. Kunis fedhii umaan Odoo hin taane, fedhii namaa irratti akka hundaa’u , shakkiin hin jiru. Addunyaa keenya har’a guyyaa irraa gara guyyaatti, gara hammeenyaatti arreedaa jirtu kana keessa, haqa ofii barbaachuun hedduu ulfaataadha. Maaliif yoo jedhame, har’a addunyaa kana akka barbaade hammacaa fi irratti hajajaa kan jiru, abbaa humnaa fi warra dharaan waan hundaa tu’ataniin qabamtee waan jirtuuf.HANTUUTI HAADHA JALATTI, GUUBOO URUU BARATTII !!!

Barattootii fi Hojjettoonni University Jimmaa Irraa Gurraandhala 17,2012 Aryaman

Aside

Gurraandhala 17,2012 Gabaasa Qeerroo Jimmaa

Biyya Oromoo keessatti,ummanni Oromoo bifa addaan warraaqsa eegalee mootummaa Wayyaanee waliin wal qabaa jiraachuun ni beekama. Akka ummattoota Suriya fi Libya akksumas Egypt fi Yemen kkf gargaarsaa fi deggersa alaa akkasumsa diinagdee hin qabaatiin malee,ummanni Oromoo bilisummaa isaaf yoomuu ciisee hin bulle.Baroota 20 Wayyaanen aangoo irra turte osoo qabsoo godhuu ajjeefamaa,hidhamaa,abeenyaa sabamaa fi biyyaa arihamaa yoona gahe.Kun kana tahee osoo jiruu yeroo ammaatti warraaqsa Oromiyaa keessatti gootonni dargaggooni Oromoo fi hojjettoonni Oromoo qabsiisaniin baatii kana keessa University Jimmaatti fincilli diddaa gabrummaan barattootaan eegale itti fufuun mootummaa Wayyaaneetti cinqaa tahee jira. Haala kanaan hojjettootaa fi barattoota mooraa University Jimmaa jiran hedduminaan hojii fi barnoota irraa Gurraandhala 17,2012 arhanii jiru. Kanneen keessaas :- Barattoota fi hojjattoota Yunivaristii Jimmaa irraa Gurraandhala 17,2011 arhaman

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Barattooti Oromoo Lama mana bartumsaa sadarkaa lammffaa Gindebert irraa Oromummaan yakkamuun arihaman.

Aside

Gurraandhala 17,2012 Finfinnee

Diddaa barattootaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Gindabirat mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa fi tokkoffaa keessatti jalqabe dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee barattoota lama guutummaan barnoota irraa arii’us diddaan jabaatee hojiin baruu fi barsiisuu dhaabbatee jira.Barattootni sababa Oromummaa qofaan isin deeggartoota ABO ti sochii ummata kakaasu gootaniittu,mootummaa irratti barattoota kakaaftan sababoota jedhamuun barnoota irraa Gurraandhala 16,2012 arihaman. Kanneen kunis:-

  1. Raggaasaa Taaddasaa barataa Kutaa 8ffaa
  2. Barataa Guutuu Soorii  Kutaa 8ffaa dha.

Karaa biraa gootonni barattootni  Oromoo walgahii bulchitoonni Wayyaanee dirqanii yaaman irratti argamuun gaaffiin ilmaan Oromoo gaaffii walfakkaataa bilisummaa jedhudha jechuun walgahii Wayyaaneen waamte irratti yoommuu gaafatan isin ABOtu duuba keessan jira jechuun doorsisaan adda yaa’anii jiru.

Mootummaan Wayyaanee diddaa daran jabaate kana tooftaa ittiin dhaamsu keessaa warra barattootaa Roobii,Kamisaa fi Jimaata waamee mariisisaa jirus uummatni Gibirri funaananu eessa deemaa jira jechuun wal gahii booressaa jira. Maqaa misooma jedhuun laga abbayaa fi waldaa misooma Oromiyaan funaanamaa kan ture eessa deeme kan jedhanii fi humnaan karaa baastu yaada jedhu guutummaan guutuutti uummatni didee jira. Diddaan kun Ginc,Xiqur Incinnii fi Jladuutti babal’atee fincilli qabatee akka jiru qeerroon gabaasee jira. Haala kana  dhaamsuufis jecha mootummaan karaa irratti namni sadii ol akka wal bira hin dhaabbanne poolisoota bobbaasee dhorkaa jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

 

Ibsa Qeerroo

Aside

Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa,     National Youth Movement for
Bilisummaa fi Dimokraasiif(SDBBD)  Freedom and Democracy (NYMFD)

                     Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa(Qeerroo)

Oromiyaan biyya Ethiopia jedhamtu jalatti erga kuftee as haalleen akkaan hamoo keessa dabartee har’a geese.  Biyyi harka alagaan qabamuu, qabeenyi samamuu, Oromoon biyya isaa irratti garba tahee ergamuu, biyya isaa alatti akka bineensaatti qabamee garba tahee gurguramuu, hidhaa,  ajjeechaa fi raawwii sanyii namaa irratti hin raawatamne akkaaniitu irra gahe. Gochaaleen gita bittootni Habashootaa Oromoo irraan gahan kana jalatti abbootiin keenya takkaatuu osoo tole jedhanii hin buliin qabsoo diddaa gabrummaaf wareega qaqqaalii kafalanii jiru. Karaa qabsoo siyaasaa, qabsoo hidhannoo fi bifoota adda addaan hanga har’aatti diddaan farra gabrummaa itti fufee warraaqsa guca bilisummaa qabatee dambali’aa deemaa jiraachuun wal nama hin mamsiisu. Dhalooti amma jiru seenaa dhufaa darbaa qabsaawotni bilisummaa Oromoo nutti dabarsan faajjii godhachuun diddaa farra dimokraasii fi bilisummaa gaggeessaa jira.

Warraaqsi dargaggoonni Oromoo (Qeerroon) Ebla bara 2011 keessa bifa qindaayaa,tooftaa fi murannoon guutameen sochii farra mootummaa Wayyaanee gochaa jiru keessatti qaanqee warraaqsaa Oromiyaa guutuutti qabsiisuun osoo halkan tokkoof hin ciisiin golee biyya Oromoo mara keessatti diddaa bifa muldhataa fi hin muldhatiiniin deemsisaa jira. Warraaqsi barattootaa fi dargaggoota keessatti qabate gadi bu’ee qotee bulaa Oromoo fi hojjettoota bira gahuun diddaan babal‘atee jira. Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa(Qeerroo) Gur-dhala 16,2012

Omishi Shukkaaraa Godina Ilu Abbaa Booraatti Argamu Yeroo Lammaffaaf Barbadaaye.

Aside

Gurraandhala 16,2012 Beddallee

Omishi Shankoraa qabiyyeen isaa kan dureessa Pakisatanii tahee maqaa AL-ABESH jedhamuun yaamamu yeroo lammaffaaf barbadaaye.

Tarkaanfii human hin beekamneen fudhatameen marraa kana lafa hektaara 40 ol tahu irraa gaafa Gurraandhala 14,2012 galgala guutummaatti barbadayee buluu qeerroon gabbaasa. Akka ummanni naannoo sanii fi kanneen qabeenya irraa buqa’an jedhanitti yoo tahe,gama fuula duraatti hammeenyi ummata Oromoo irratti tahuu hanga dhaabbatuu fi qabeenyi Oromiyaa gurguramuu irraa hamma dhaabbatutti Oromiyaa golee hunda keessatti qabeenya samame irratti tarkaanfiin fakkaataa akka itti fufuuf deemu dubbatu.

Gama biraan haala kana irraa kan ka’e Poolisiin naannoo Oromiyaa ofiin jedhan tarkaanfii hidhaa fi reebichaa ummata naannoo omishichaa jiran irratti deemsisaa jiraachuu Qeerroon magaala Baddallee irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Gaaffiin Oromoo Deebii Haa’argatu Jechuun Barattootii Xiqur Incinnii Diddaa Itti Fufan.

Aside

Gurraandhala 16,2012

Gootonni barattooti Oromoo Xiqur-Incinnii sochii fincila diddaa gabrummaa eegalaniin Gurraandhala 14 fi 15,2012 guutummaatti itti oolanii jiru.Barattooti kunnin gaaffii mootummaa Wayyaanee irratti kaasan ummata keessatti baba’atee hamma waajjiraalee bulchiinsaa fi Poolisaa deemuun gaaffiilee armaa gadii dhiheessanii jiru.

  • Gaaffiin mirgaa kan barattootii fi qotee bulaan kaase hatattamaan deebii haa argatu.
  • Tarkaanfiin Barattoota Oromoo irratti fudhatamaa jiru ammaa irraa qabee haadhabbatu.
  • Addatti ummata Oromoo fi dargaggoota Oromoo mootummaan Wayyaanee targeetii godhachuun hafee gara gaaffii haqaa furuutti of haadeebisu. Kan jedhuu fi kkf ture.

Haalleen kun jajjabaachaa deemuun manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi ummata qotee bulaa keessatti heddumminaan gaaffiin deemaa jiraachuu qeerroon gabaasa.

Sabboontonni Oromoo 6 University Jimmaa Irraa Guutummaatti Arhiman.

Aside

Gurraandhala 15,2012

Oromoo maaf teessa?? sabni keenyaa maa ustuu? biyya abbaa keenyaa irratti jiraachuu,barachuu,iyyachuu,qotachuu fi waan hundaanuu miidhamaa jiraachuu dadhabne” jedhu barattooti Oromoo Jimmaa.

Fincila diddaa gabrummaa barattooti Oromoo Jimmaa jidduu kana itti jiramuun wal qabatee sababaa Oromummaan nama kakaaftan,ergaa ABO dabarsitan,dhadannoo warraaqsaa jechisiiftan kan jedhuun mootummaan Wayyaanee barattoota hedduminaan hidhee kaan nama 6 ammoo guutummaatti barnoota irraa arihee jira. Kanneen kunis:-

1.Mo’eeraa Lammaa, guutummaatti arii’ame

2.Nuraadiin Hundaa, guutummaatti arii’ame

3.Tasfaayee Biraanuu, guutummatti arii’ame

4.Hubishet Zalaaleem, guutummattiarii’ame,

5.Takkaalenyi Kindee waggaa lamaaf adabame

6.Mokonnoon Dabalee Tolaa waagga Lamaaf adabaman

Yeroo ta’an, baratoonni kun hundii isaanii iyyuu dipartimentii Psychology waggaa lammaffaa kan baratanidha. Kana malee barattooti lammiin isaanii Tigree tahanii mooraa Universitu Jimmaa keessatti Oromummaa arrabsaa jiranii fi arrabsan amma illee mooricha keessatti boonanii akka jiranii fi adabbiin tokko illee kan irra hin geenye tahuu qeerroon ibsa.
Barataan Tigiree inni Qomoodhaan Qeerroo Oromoo Arabsee, Mallasaa Axilaabachoo kan jedhamuu amma illee mooraa keessa nagaan jiraachaa jiraachuun beekama.

Karaa biraa moraa university Jimmaa kana keessatti barattoota irraa nyaati citee hamma gaaffii kaaftan dhaabdanitti nyaataa fi korreentii hin argattan jechuun irraa kutanii jiru. Heddumminni barattootaa eelaa beelaan qabamaa jiraachuu gabaasi mooricha irraa nu gahe addeesa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Gabrummaan Hammaannaan, Roorroon Fala Fidnaan WBOn Dirree Seene

Aside