Mudde 7,2015 Hararge Magaalaa Ciroo Keessatti Gootonni Barattoota Oromoo Roorroo Falmaa Oolan.

Aside

Yuniversitii Jimmaa Keessatti Barataa Milkeessaa Asfawu Barataa Mechanical Engineering Waggaa 2ffaa Rasaasa Loltoota Wayyaaneen Rukutamuun Haala Hamaa Keessa Jira

Aside

Muddee 7/2015 Warraaqsaa FDG Mooraa Yuunibarsitii Jimmaatti qabsiifameen Wal qabatee Barataan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Tarkaanfii Diinummaa Loltoota fi Poolisoota Federaalaan Reebamee midhaa guddaan irra gaee Hospitalaa galee jiru Barataa Milkeessaa Asfawu Barataa Mechanical Engineering Waggaa 2ffaa tauun ibsame Yuunibarsiitii Jimmaatti Warraaqsii itti fufe, Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa waraanaa fi poolisii Federaalaan Ugguramaa kan jiruu fi sirni Baruu fi Barsiisuu Dhaabbate jira, Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Mootummaan Abbaa irree qawween nu reeba jiru nu hin bulchuu, Hanga Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jirru deebii argatutti, fi master Pilaaniin Finfinnee haqamutti Barnootaa kan itti fufu kan hin jirre tauu hubachiisan.

 

Wallagga Shaambuu Keessatti “Say No! Stop Killing Oromo Students’ Jedhchuun Magalaa Shambuu Keessatti Hiriira Bahuun Sagalee Dhadatnoo fi Wallee Warraaqsaa Dhageessisaa Jiru

Aside

Mudde 07,2015 Shaambuu

Guyyaa har’aa ganama barattootni Kutaa 12 ffaa mormii m.plaanii dhageessisan. Barattootni kunneen waraqaa facaatuu ‘say no m.plan’stop killing Oromo students’ jettu qabatanii mana barumsaa tii magaalaatti bahuuf yaalanii poolisootaa fi humna ittisaan gargar facaafaman. Haalli ulfaatus dhaamsa isaanii dabarfatiiru. Hoo korma guduruu ABOn leencuma duruu jechuun ABO haalaan faarsan. Barattoota isaanirra darbanii magaalaa seenan reeban ,hidhaniis. Warri mooraa keessatti hafan barachaa oolan. Garuu,sa’aa barumsaa gaggabaabsuun utuu barattootni kutaa 11ffaa dabaree galgalaa achi hingahiin barattoota 12 ffaa gaddiisan utuu sa.atiin hingahiin. Barattootni kutaa 11ffas waraqaa facaatuu waliif daddabarsaniiru. Kan armaan olii mana barumsaa qophaa’inaa dha. Elementary dhaa ammoo barattootni kutaa 9 yaalanii hinmilkoofne. Ammaaf kana fakkaata.

Warraaqsa Bilisummaa Yunverstii Adaamaa fi Naannoo Sulultaa

Aside

Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalota Adda Addaa Keessatti FDG Deemaa Jira, Barsiisoti Oromoo Qaama FDG ti Jedhchuun Wayyaanoti Hidhaa Jiru.

Aside

Mudde 7,2015 Gabaasa Qeeerroo

ahGodina Kibba lixa shagar magaalota hedduu keessatti diddaan uummata kan itti fufee fi wal gaarreeffannaan humna police mootumman akkuma itti fufeeti jira. Jalaa deemtoonni sochii uummata doo’aa jiru kana ukkaamsuuf humnaa police federaalaa hedduu meessuudhaan sochii uummata humnaan gooluu irratti argamu. Akkuma beekkamu Torban darbee Aanaa Tolee magaala Baantuu keessaa hiriira mormii ta’een Barataa Dajanee Sarbeessaa rasaasa police wayyaaneen akka darbee fi kanneen hafan miidhaa guddaan irraa ga’ee hospitala akka jiran ni beekkama, Aanaa Walisoo magaala Dillalla’aa keessatti hiriira mormii ka’een barattoonni Rasaasan rukutamanii hospitaal walisoo ti akka argamanii, Aanaa Bachoo magaala Tulubolloo keessatti hiriira mormii ka’een reebicha fi hidhaan barattoota fi barattoota akka dararaa turan fkn Barsiisota ja’a hidhaman keessaa barsiisaa Girmaa Caalaa keessatti akka argamuu oduu nu gahee ni ibsaa.

Kaleessa guyyaa 6/12/2015 Aanaa Daawoo magaala Buusaa guyyaa gabaa waan taheef police federaalaa hedduuminan magaala keessaa facaasuun uummata sodaachisaa akka turan fi uummannis dallaansuu guddaa keessaa akka galchaan odeessaa argannee, har’aa 7/12/2015 sa’aa amma kana walgahii jedhanii hojjattoota mootumma magaala Tulubolloo hundaa walitti qabuun tasgabeessuuf yaala jiran illee keessattuu hojjattootni fayyaa dallansuun nurraa bahaa ijoollee teenya ajjeessaa, barsiisota hidhaa maal isin waliin dubbannaa jechuun dallansuu ibsataa akka jiran dhagahame.

IMG01257-20141106-2050

Mudde 7,2015 Sabboontoti Oromoo Dhiheenya Bulee Horaa Irra Kan Jirtu Magaalli Dugda Dawaa Mormii Sirna Wayyaanee Irra Jiru.

Aside

Barattoonni Oromoo Yuuniverstii Finfinnee fi Maqaleen Calleensaa fi Gaddaan Gochaa Hammeenya Wayyaanee Ibsataa Jiru.

Aside

231

Yuuniversitii Finfinnee

Finfinnee

Finfinnee

Mudde,7 bara 2015 Barattooti Oromoo Yuniversitii Finfinnee gamtaan hiriiruun ayyaana Sabaa fi sab-lammii Wayyaanee kabajju irratti calleensaan gadda isaanii muldhisuun gochaa sirnichaa diduu muldhisan. Kana irratti dabalees Barattooti Oromoo Yuuniversitii Maqalee guyyaa har’aa gaddaan baratoota Oromoo rasaasa Wayyaaneen dhuman yaadataa oolan.

Yuniverstii Maqalee

Yuniverstii Maqalee

Shaggar Sulultaa fi Horroo Guduruu Aanaalee Hunda Keessatti FDG Jabinaan Itti Fufee Jira.Loltooti Wayyaanee Warraaqsa Dhaamsuu Hin Dandeenye.

Aside

Mudde 07,2015 Gabaabsa Qeerroo

Shaggar Sulultaa keessatti diddaan sirna abbaa irree Wayyaanee jabaatee itti fufuun uummanni gamtaan ka’uun sa’aa ammaa kanatti guutummaatti FDG gaggeessaa jira.Kana malees har’a Muddee 7,2015 Godina Bahaa Wallaggaa Aanaa Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa ,Kiiramuu fi Nuunnuu Qumbaa keessatti Warraaqsii FDG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo fi Uummata Qonaan Bultoota Oromoon Haalaan
Jabaachuun Warraaqsii Diddaa Garbummaa Lafa Sochoosa jira, Barataan Oromoo Tokko Giddaa Ayyaanaa irratti rasaasan rukutamee jira.
Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun diddaa isaanii haalan jabeessan. mootummaan Wayyaanee sochii FDG uummatni karaa nagaa gochaa jiru irratti dhukaasa banuun goolaa jiraachuun ibsame. Aanaa Giddaatti dhukaasa Wayyaaneen uummata irratti baneen barataa Saamu’eel Kabbadee barataa kutaa 12ffaa rasaasan rukutamee mana yaalaa galee jiraachun ibsame jira.Goototni Barattootni Oromoo dhukaasaa wayyaanee dura dhaabbachuun dhaadannoowwaan itti aanuu kana sagalee guddaan dhageesisuun FDG jabaatee itti fufe.

 

Arjoo Guduruu

Arjoo Guduruu

Sulultaa

Sulultaa

Sulultaa mudde 7

Sulultaa

Har’a Mudde 7,2015 Shaggar Kibba Bahaa Tullu Boolloo fi Horroo Guduruu Magaala Gabatee Akkasumas Anfilloo Qeellam Keessatti FDG Itti Fufe.

Aside

Anfilloo Magaalaa Muggii

Anfilloo Magaalaa Muggii

Horro magaalaa Gabatee

Horro magaalaa Gabatee

Har’a Mudde 7,2015 Shaggar Kibba Bahaa Tullu Boolloo fi Horroo Guduruu Magaala Gabatee Akkasumas Anfilloo Qeellam Keessatti FDG Itti Fufe.

Godina Shaggar kibba dhihaa garuma Yuunibarsiitii walqixxeetti kan dhiyaattu magaalaa tullu boollottis gaaffi abbaa biyyummaa Barattoonni dhiyeessaniin Magaalaan tullu boolloo humna waraanaan marfamtee jirti.

Qeellami Anfilloo fi Horroo magaala Gabatee keessatti barattooti manneen barnoota Qophaayinaa haala qindaaween diddaa isaanii deemsifaa jiru,haala kanaan waraanni Wayyaanee doorisisuu fi barattoota akka hiriira irratti hin hirmaatne guddoo rakkisaa jiraachuun beekame.

 

Barattooti Oromoo Yuniverstii Diillaa fi Walqixxee Diddaa Itti Fuun Waraanni Wayyaanee Gaazaa fi Ulee Sibiilaan Walqixxeetti Dhimma Bahaa Jira.

Aside

Mudde 7,2015 Gabaasa Qeerroo

Barattooti Oromoo Yunivarsitii Dillaa guyyaa har’aa FDG itti fufanii jiru.Barnooti guutummaatti dhaabbatee jira. Kana malees Yuunibarsiitii Walqixxees sagalee isaanii dhageessisuun mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo daguugaa jiru balaaleffatan. Qeerroon Yuunibarsiitichaa har’a ganama obboroo walga’uun gaaffii aabbaa biyyummaa erga bulchiinsa mooraa Yuunibarsiitii Walqixxeef dhiyeessaniin booda,humni tikaa itti bobbaafamuun barattoota Oromoo gaasii summii,uleedhaanis kan caccabsan ta’us,biyya abbaa keenyaa kabachiisuuf wanti dugduuba nu deebisu hinjiru jedhaniiru Humni tika qabeenya barattootaa saamaa kaan mana hidhaatti guuraa kan jiru yeroo ta’u, Barattoonni barnoota dhaabanii jru.