Mudde 7,2015 Gabaasa Qeeerroo
Godina Kibba lixa shagar magaalota hedduu keessatti diddaan uummata kan itti fufee fi wal gaarreeffannaan humna police mootumman akkuma itti fufeeti jira. Jalaa deemtoonni sochii uummata doo’aa jiru kana ukkaamsuuf humnaa police federaalaa hedduu meessuudhaan sochii uummata humnaan gooluu irratti argamu. Akkuma beekkamu Torban darbee Aanaa Tolee magaala Baantuu keessaa hiriira mormii ta’een Barataa Dajanee Sarbeessaa rasaasa police wayyaaneen akka darbee fi kanneen hafan miidhaa guddaan irraa ga’ee hospitala akka jiran ni beekkama, Aanaa Walisoo magaala Dillalla’aa keessatti hiriira mormii ka’een barattoonni Rasaasan rukutamanii hospitaal walisoo ti akka argamanii, Aanaa Bachoo magaala Tulubolloo keessatti hiriira mormii ka’een reebicha fi hidhaan barattoota fi barattoota akka dararaa turan fkn Barsiisota ja’a hidhaman keessaa barsiisaa Girmaa Caalaa keessatti akka argamuu oduu nu gahee ni ibsaa.
Kaleessa guyyaa 6/12/2015 Aanaa Daawoo magaala Buusaa guyyaa gabaa waan taheef police federaalaa hedduuminan magaala keessaa facaasuun uummata sodaachisaa akka turan fi uummannis dallaansuu guddaa keessaa akka galchaan odeessaa argannee, har’aa 7/12/2015 sa’aa amma kana walgahii jedhanii hojjattoota mootumma magaala Tulubolloo hundaa walitti qabuun tasgabeessuuf yaala jiran illee keessattuu hojjattootni fayyaa dallansuun nurraa bahaa ijoollee teenya ajjeessaa, barsiisota hidhaa maal isin waliin dubbannaa jechuun dallansuu ibsataa akka jiran dhagahame.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist