
Muddee 08,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedootti Har’a Warraaqsii FDG Ummata Oromoo Magaalaa Geedoo, Qonnaan Bultoota Calliyaa, fi Gootota Qeerroon Barattoota M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi Manneen Barnootaa sadarka 1ffaa dabalatee Warraaqsii Cimaa Magaalaa Geedoo irratti gaggeeffama jira. Ummatni Oromoo Qonnaan Bultootni Oromoo Aanaa Calliyaa GeedooGandoota Baadiyaa garaagaraa dabalatee ,Gootota Barattoota Oromoo M/B Geedoo, Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina fi mannee Barnoota Baadiyyaa utuu hin Hafiin hiriirri mormii guddaan Magaalaa Geedoo keessatti gaggeeffama jira. Daandiin Konkolaataa Gara Godina hOrroo guduruutti Geessuu fi Daandiin Konkolaataa Gara Wallagga Lixaatti dabarsuu Cufamee jira. Warraaqsii kun Kan Uummatni kumoota hedduun Lakka’aman irratti argaman fi Humni Waraana Wayyaanee Magaalaa Geedoo irra jiru to’achuu kan hin dandeenye ta’uun hubatamera. Uummatni Mootummaa nu ajjeesaa jiru jalatti hin bullu jechuun Warraaqsaa mormii guddaa gaggeessa jiru. Uummatni fi Qeerroon dargaggootni Barattootni Oromoo FDG fininsuun Gaaffii mirga Biyyummaa fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun Warraaqsaa Finiinsuun Magaalaa Geedoo keessatti uummata Magaalaa fi Naannoo baadiyaa cufa dabalachuun Hiriira Mormii guddaa gaggeessa jiru. Dhaadannoowwan armaan gadii itti fufinsaan dhageesisan.
-Master Pilaaniin irratti wareegamaa jirru haqamuu qaba.
-Wayyaanee OPDO’n Nu hin bulchitu, ABO’n abdii uummata Oromooti,
-ABO’n Mirga dimookiraasii fi namummaa ni kabachiisa, ABO’n biyya hin gurguru
-Mootummaa Dhukaasee nu ajjeesaa jiru jalatti hin bullu, mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n bakka nu hin buutu, mootummaan uummata isaa ajjeesuu addunyaa irra hin jiru.
-Nuti bilisummaa barbaadna, Mirgii Dimookiraasii fi Namommaa Nuuf Haa Kaabajamu,
-Ilmaan Oromoo Oromummaan Yakkamuun Hidhaman hatattamaan Haa hiikaman.
-Mootummaan Yakka Duguginsa sanyii ummata Oromoo irratti rawwacha jiru seeratti haa dhiyaatu
-Labsiin Magaalota Oromiyaa Caffeen Murteesse haqamuu qaba.
– Lafti Keenya Lafee keenya lafee keenya murree hin Kennu.
– Gaaffiin keenya gaaffii mirgaa mirga abbaa biyyummaa, kan bilisummaa fi dimookiraasiiti,
Gaaffii uummataa Oromoo karaa nagaa fi Dimookiraasii Adeemaa jiruuf fallaa sopchii kana Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa bobbaasuun Sochii Ummata to’achuuf humna waraanaa Gara Geedootti guura jiru.
Haaluma Walfakkaatuun Magaalaa Baabbichaa keessatti Goototni Qeerroon barattootni Oromoo m/b Baabbichaa sadarkaa 2ffaa Baabbichaas Guuyyaa har’aas itti fufani jiru.Uummatni Oromoo fi Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo gamtaa isaanii jabeessuun waraana wayyaanee dura
Blog Archives
Video Gootota Barattoota Oromoo Yuuniversitii Finfinnee Olmaa Muddee 7, 2015
Aside
Har’a Mudde 08,2015 Wallagga Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti FDG Gootota Barattoota Oromoon Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Mudde 08,2015 Waamaa Hagaloo Qassoo
Qeerroon magaalaa Qassoo akka hubachiisetti ona Waamaa Hagaloo mana barumsaa sadarkaa duraa fi sadarkaa lammaffaa Qassoo akkasumas mana barumsaa sadarkaa duraa Ifa Waamaa fi Qophaa’inaa Moxeetti walirraa fuudhuun guutummaa aanaa Waamaa Hagaloo keessatti fincilladiddaa garbummaa dhoosuun itti fufanii jiru
Sa’atii gabaasaa kana dhiyeessaa jirrutti dhaadannoowwan barattooti uummata wajjin ta’uun dhageessisaa jiran keessaa:-
Jechaa dhaadhannoo gargaaraa dhageessisaa magaalaa Qassoo fi Moxee keessatti warraksa jabaa geggeessaa akka jiran beekameera
Mootummaan garboomfattuun Tigiraay magaalaa Moxee irraa barataa Bilisummaa Guddinaa Waaqumaa qabanii achi buuteen isaa kan dhabame yeroo ta’u, hanga barataan kun dhufutti mara keenya hidhi jechuun barattoonni humna kora bittenneessaa fi loltuu biyyoolessa kan fincilan yeroo ta’u, jaarsoliin biyyaa akka tasgabbeessaniif itti bobbaasamanii jiru
Nami Oromummaan keessa jiru kamuu dhaloonni biyyasaa akka hin falmanne sossobbaa gochuun seenaadhaan waan nama gaafachiisuuf jaarsoliin biyyaa FDG kana dhaamsurra ofii isaaniitiifuu gaaffiin barattootaa kun gaaffii isaanii ta’uu beekanii cinaa barattootaa akka dhaabbatan jenna
Onuma Waamaa Hagaloo keessaa utuu hin ba’in uummati ganda baataa kusaayee gaaffii Abbaa biyyummaa fi mormii maaster pilaanii finfinneetti dabaluudhaan lafa isaanii saamamaa jiru fuuldura dhaabbachuun lafa keenya maqaa investimentiitiin hin saamamnu jechuun mormii addaa dhagewssisuun hidhannoo diinaa laga ce’ee dhufe kana fuuldura dhaabbataniiru
Isaan keessaas namooti hedduun mana hidhaatti guuramaa akka jiran beekameera
“Jaalattaanis Jibbitanis Master Palaniin Finfinnee Waan Hafu Miti” Jedhchuun Qondaalli OPDO(EPRDF) Solomon Mokonnin Namni Jedhamuu Walgahii Magaala Sabbattaatti Ta’e Irratti Dhaadate.
Aside
Mudde 08,2015 Gabaasa Qeerroo Sabbataa
Magaalaa sabbataa ganda alamganaatti guyyaa kaleessa walgahii OPDOn ummata magaalaa mariisisterratti dhimma MP ilaalchisee namichi Warquu Dabalee jedhamu kan ummata mariisise qunnamtii(communication) ummata magaala sabbataa fi itti gaafatamtuu dhimma dubartoota kan taate Asaffuu Dabalee wajjin ummatatti roorrisaa fi haasadhaan dorsiisaa kan turan ta’uu maadheen Qeerroo naannichatti argame gabaasee jira .Gara jidduu walga’ichaatti namni mataa dhaaba OPDO ta’e SOLOMOON MOKONNIN jedhamu jechuun ummatatti balaqqamaa kan ture ta’usaa hubatameera. Ummanni walga’icharratti argame haasan jarattii jala deemtuu wayyaanee kan isaan hin gammachiifne waan ta’eef dubbii isaanii afaan itti kutuun isin warra ijoollee keenya ficcisiisaa jiru waan taataniif dhimma oromoo fi oromiyaarra harka fudhachuu qabdu jedhee ijjaannoo isaa itti argarsiisera.
Itti fufuun gaafa teesson mootummaa naannnoo Oromiyaa adaamaa haa ta’u diinni jedhu gaafii tokko malee darsa keessan harattanii kan deemtanii fi deebi’aa jedhamnaanis gaafii tokko malee kan deebitanii fi haga amma dhimma isin oromoo furtan waan hin jirreef nuti isin hin feenu jechuun maayyiirratti bikka ishee teessutti dhiisun walgahichaa dhiite bahuu danda’eera.
Message From International Qeerroo Support Group
Aside
Qeerroo (youth), Oromo students and community are on March against the brutality of the Ethiopian Regime who has been killing, Torturing, kidnapping and arbitrary disappearance of the Oromo nation. The Qeerroo are on peaceful struggle to stop the injustice happening on our nation. To continue these multi-dimessional March they need support. Hence , we hambly request the Oromo community in general, diaspora in particular and others who believe in justice to stand with us and support Qeerroo in their peaceful struggle for justice and genuine democracy for the oppressed people.
No one forbidden an oppressed people from getting Liberation!
International Qeerroo Support Group
https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Goototi Barattooti Oromoo Magaalaa Sulultaa Mudde 7,2015 FDG Gaggeessan Akkasitti Oole.
Aside
Sagalee Qeerroo Biliummaa(SQ) Mudde 7, 2015/ Gabaasa FDG fi Qophii Addaa
Aside
Muddee 7,2015 Gootota Baratoota Oromoo Godina Arsii Magaalaa Dodolaa.
Aside
The Ethiopian Government Brutal Army and Paramilitary Police Use Lethal Force against Oromo Students Demonstrating Peacefully
Aside
Press Statement by ‘Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD)
The Ethiopian government brutal army and paramilitary police are shooting at Unarmed Oromo students demonstrating against the implementation of Addis Ababa land grabbing master plan.
Just over a year ago, TPLF’s regime has planned to exponentially expand Oromia’s capital, the city of Finfinne (Addis Ababa) under the scheme known as ‘Addis-Master-Plan’. This plan aims to incorporate the rural agricultural areas in Oromia state surrounding Addis Ababa. This Plan will totally displace the entire Oromo rural population in the area without their consent. The said plan has seriously angered the Oromo’s communities, who went on a peaceful demonstration of opposing the plan. The regimes security and armed forces’ unprecedented and violent response to peaceful demonstration has left over 60 Oromo University and high Scholl students and the others Oromo civilians dead, and over 200 wounded.
After remaining silent for around a year, the Prime Minister and others government officials have recently announced their decisions to re-implement ‘Addis-Master-Plan’ Again the Oromo students’ demonstration started demonstrating, beginning in West Oromia towns such as Mattuu, Ambo and others places has widened its horizons to almost entire Oromia Zones and districts.
Wallagga Horroo Guduruu M/Barumsaa Suluula Finca’aa Keessatti Warraaqsa Barattootaan Ka’een Ijoolleen 4 Rasaasa Wayyaaneen Madaawuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Muddee 07/2015 Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbaayi Cooman Suluula Fincaa’aa Magaalaa warshaan Sukkaara Finca’aa Keessatti Argamu Keessatti Warraaqsii FDG Gootota Uummata Oromoo fi Gootota Barattoota Oromoo M/B Suluula Finca’aa tti Jabaatee itti fufe, Waraanni Wayyaanee Uummata irratti waraana bane ilmaan Oromoo 4 rasaasaan rukutaman. Warraaqsii FDG uummataa Oromoo fi Gootota Barattoota Oromoon Suuluula Finca’aa Magaalaa warshaan suukkaraa Fincaa’aa keessatti argamtu keessatti Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen naannoo
Oromiyaa Murteesse atattamaan haqamuu qaba jechuun Warraaqsaa Finiinsuun Magaalaa Suluula Finca’aa keessa naanna’uun mormii guddaa dhageesisuun Waraana agaazii wayyaaneen bobbaase waliin wal dura dhaabbachaa oolan, FDG kun ganama sa’aa Lama irraa eegaaluun guyyaa guutuu gaggeeffamaa kan olee yoo ta’u, mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banuun Ilmaan Oromoo barattoota 4 rasaasaan rukutamuun yeroo amma du’aafi jireenya gidduutti argamu’
- Barataa Wakjiraa Giddisaa Mitikuu
- Barataa Masarat Xilahuun Oljirraa
- Barataa Alamuu Likkisaa Kabbabaa
- Barataa Zarihuun Raggaasaa Teessoo
Kanneen jedhaman rsaasaan rukutamanii yeroo amma gara hospitaalatti fe’amuu madden keenya gabaasan. Uummatni mootummaa ilmaan keenya fixaa jiru waliin hin jiraannu jechuun amma illee warraaqsaa itti fufee jira, galgala kanaa Waraanni wayyaanee ittuma fufuun uummata irratti dhukaasaa banaa kan jiru yoo ta’uu ilmaan Oromoo hidduun hidhaatti guuramuu maddi keenya gabaase.











