Mudde 7,2015 Gabaasa Qeerroo
Barattooti Oromoo Yunivarsitii Dillaa guyyaa har’aa FDG itti fufanii jiru.Barnooti guutummaatti dhaabbatee jira. Kana malees Yuunibarsiitii Walqixxees sagalee isaanii dhageessisuun mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo daguugaa jiru balaaleffatan. Qeerroon Yuunibarsiitichaa har’a ganama obboroo walga’uun gaaffii aabbaa biyyummaa erga bulchiinsa mooraa Yuunibarsiitii Walqixxeef dhiyeessaniin booda,humni tikaa itti bobbaafamuun barattoota Oromoo gaasii summii,uleedhaanis kan caccabsan ta’us,biyya abbaa keenyaa kabachiisuuf wanti dugduuba nu deebisu hinjiru jedhaniiru Humni tika qabeenya barattootaa saamaa kaan mana hidhaatti guuraa kan jiru yeroo ta’u, Barattoonni barnoota dhaabanii jru.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist