Mudde 07,2015 Finfinnee
Mooraa Yuuniversitii Adaamaa, Amboo, Finfinnee, Hawaasaa fi Jimmaatti har’a FDG itti fufee jira. Yuuniversitiiwwan kanneen irra adda kan taasisu yuuniversitii Adaamaa keessatti FDG qabatee jiru kan dhaamuu fi humna waraana wayyaaneen boodatti deebi’u osoo hin taanee kan ijaarsa hundee gadi fageeffatee jiru hojjettoota mootummaa mooraa yuuniversitii guutummaa habashaa irraa kan hafe, barataan oromoo guutummaan yuuniversitii keessaa miseensotaa fi deggertoota OPDO dabalatee gaaffiin keenya gaaffii sabaati gaaffiin kenya lafaati saamamuu lafaa fi ciramuu lafa keenyaa jabeessine mormina kan jedhanis msieensota OPDO gaaffii abbaa biyyummaa har’a FDGn magaalaa fi mooraa yuuniversitii Adaamatti gaggeeffamaa jira.Humni waraanaa magaala Adaamaa buufatee jiru kan har’a magaala Finfinnee irraa ergame poolisii federaalaa lakkoofsa 5,6, fi 7 keessa magaala Finfinneetti argamu diddaa yuuniversitii Adaamaa dura dhaabbachuuf guuuramee jira.
Muddee 7,2015 Gootonni Barattooti Oromoo godina Harargee Aaanaa Ciroo sirna mootummaa abbaa irree Wayyaanee balaaleffachuun guyyaa har’aa hiriira mormii guddaa bahuun gaaffii mirgaa kaasan, kana malees Godina Lixa Shaggaritti warraqsii FDG Guddaan Uummata Oromoo Magaalaa Amboo , Yuunibarsiitii Amboo, Qonnaan Bultoota Amboo fi Magaalaa Gudar, Qonnaan Bultoota Aanaa Tokkee Kuttaayee fi Barattoota Oromoo Magaalaa Gudar Dabalatee Warraaqsii Seenaa qabeessi bifa adda ta’een gaggeeffama jira. Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin
Ummatni magaala Dambi Dolloo walgahii aangawoonni OPDO Wayyaanee yaaman diduun diddaa fi jibbiinsa sirna mootummaa Wayyaaneef qaban ifatti muldhisaa jiru.


