Godina Baha Wallaggaa HORROO ALALTUUTTII dargaggoon 8 qabamanii hidhaan akka dararamaniif Darbarfamanii Kennaman.

Aside

because-i-am-oromoFulbaana 30,2016 ,Dargaggoota kana hidhaaf kan dabarsee kennee fi waraana Agaazii TPLFn akka qabaman kan taasise kaabinoota OPDO

1 ,Addisuu Saaqqataa kantibaa
2,Waggarii Dhabaa Durata aa gandaa
3,Badhasaa jalduu dhimmanagenyaa kanneen olii sadan kunneen lukkeewwaan Wayyaanee ta’uun dargaggootaaf maatii dargaggootaa hiraarsaa jiru

Poliisota Ijoollee kana qaban Continue reading

Qeerroon Baadiyaa Wallaggaa Keessa Jiran Diddaa Sirna TPLF Itti Fufan!

Aside

Exif_JPEG_420

Exif_JPEG_420

Continue reading

 MATAKKAL WAMBARAATTI FINCILLI ITTI FUFEE JIRA!

Aside

Fulbaana 30,2016, Odeessi Qeerroo Gaalessaa akka addeessetti ilmaan Oromoo Godina Matakkal Wambaraa gaaffii eenyummaa isaanii dhiyeessaa akka jiran hubachiisuun,Ayyaana Masqalaa irrattis Qeerroon Aanaa Gaalessaa Walleelee Aadaa fi Warraaksaa weellisuun gaaffii eenyummaa isaanii dhiyeessan!

Ergamtootni murna Xinnoo kanaa, Marsariitii Waajjira Komunikeekeeshinii Aanaa Gaalessaa irrattis, Uummati_Shinaashaa_Afaan_Oromootiin sirbuun ayyana masqalaa kabajan jechuun gaaffii eenummaa uummata Matakkal

Gaalessaa haauuf yaalanii jiru. Continue reading

Hiriira Hagayya jahaa irratti kan qabaman ilmaan Oromoo 17 mana murtii Qirqoos/Golbootti dhiyaatan‏

Aside

Fulbaana 30,2016,Wanbadeen Murna TPLF guyyaa har’aa hidhamtoota 45 keessaa 17 mana murtii magaalaa Finfinnee Cirqoostti(Golbootti) dhiyeessuun,  Onkoloolessa  09,2016tti beellamee jira.Himatamtoonni kun badii tokko mlee,hanga har’aa kan hiraarsamaa jiran yeroo ta’u Hiriira guddicha Oromiyaa Hagayya jahaa irratti qabamuun isaanii ni yaadatama! Continue reading

Hiriira mormii hawaasii Oromoo Amerikaa magalaaa Washington DC-tti Qopheesse Irratti Nama Hedduutti Bahe

Aside

Continue reading

OromoProtests at the World Bank Group, Washington DC, while Mr. Secretary listening and receiving an appeal letter.

Aside

Grand #OromoProtests Rally in Washington DC, September 29, 2016

Aside

Continue reading

FXG Guddicha Godina Wallaggaa Horroo Magaalaa Giddaa Ayyaanaa Fulbaana 29,2016

Aside

Sochii Diddaa Gabrummaa Saba Oromoo (Sadaasa 2015 – Hagayya 2016)

Aside

Gaaromaa B. Waaqasaa Hagayya 30, 2016

 Seensa

Barreffamni kun kan xiyyeefate sochii saba Oromoo sababa moottummaan abbaa irree Itoophiyaa “Finfinnee Karoora Guddicha Oromiyaa waliin walitti dabaluu “Addis Ababa – Oromia region integrated master plan” jechuun base mormii bara 2014 baatii Eeblaa keessa eegale irraa kaasee hanga ammaatti sochiiwan bifa adda-addaatiin adeemsifamaa ture fi ammas kan itti jiru irrati dha.

Karoorri magaalaa Finfinnee diriirsuuf moottummaan Itoopiyaatiin bara 2014 keessa labse, magaala Finfinnee fi magaalaalee 36 naannoo Finfinnee jiran walitti dabaluuf kan aggaamame ture. Sababa kanaanis yoo xiqqaate qotate bulaa Oroomoo miliyoona lamaa ol ta’an qee abbaa isaanii irraa buqisuuf kan karoorfame yoo ta’u lammii isaanii gaaga’umsa irraa baraaruuf barattootni Oromoo yuunivarsitii karoora kana gufachiisuuf sochiii mormii eegalani. Sochiin barattoota yuuniversitii Ambootiin eegalame guyyoota yartuu keessatti gara man barnootaa sadarkaa ol’aanaa fi gidduu galeessa akkasumas gara gandoota Oromoo maraatti babal’ate. Kunis ibidda hoongee ta’ee magaalotaa fi baadiyaalee Oromoo waliin gahuun karoorri moottummaan abbaa irree baafate ibdatti shidame . Loltootni moottummaa Itoophiyaa sochii diddaa saba Oromoo kana gara jabinaan tarkaanfiilee irratti fudhate, Oroomota 80 ol ajjeesani, dhiboota madeessani, kumaatama gara mana hidhaatti guurani. Humna waraanaatti dhimma bahuun yeroof dhaamsuu danda’ani. Yeroof human waraanaatiin ukkamsamee ganna tokkoof eega turee booda qophii fi qindoomina guddaadhaan Sadaasa 2015 keessa magaala Gincii keesatti sochiin bifa haarawaan eegalame. Fincilli diddaa saba Oromoo marsaa lammaffaaf magaalaa Gincii keessatti buruqe magaalaalee fi baadiyyaa Oromiyaa guyyoota yartuu keessatti waliin gahee hanga har’aatti itti baatiiwan sagal oliif osoo wal-irraa hin citiin gageeffamaa jira. Bareefamni kunis sochii diddaa saba Oromoo baatilee saglan dabran keessa ademsifamaa ture irratti kan xiyyefate dha. Continue reading

SBO Fulbaana 30,2016. Oduu, Gaaffii fi deebii Obbo Gaaromaa Waaqessa Dura ta’aa Liigii Mirgoota Namoomaa Gaanf a Afrikaa fi Gabaasa Oduu

Aside