Sochii Diddaa Gabrummaa Saba Oromoo (Sadaasa 2015 – Hagayya 2016)

Gaaromaa B. Waaqasaa Hagayya 30, 2016

 Seensa

Barreffamni kun kan xiyyeefate sochii saba Oromoo sababa moottummaan abbaa irree Itoophiyaa “Finfinnee Karoora Guddicha Oromiyaa waliin walitti dabaluu “Addis Ababa – Oromia region integrated master plan” jechuun base mormii bara 2014 baatii Eeblaa keessa eegale irraa kaasee hanga ammaatti sochiiwan bifa adda-addaatiin adeemsifamaa ture fi ammas kan itti jiru irrati dha.

Karoorri magaalaa Finfinnee diriirsuuf moottummaan Itoopiyaatiin bara 2014 keessa labse, magaala Finfinnee fi magaalaalee 36 naannoo Finfinnee jiran walitti dabaluuf kan aggaamame ture. Sababa kanaanis yoo xiqqaate qotate bulaa Oroomoo miliyoona lamaa ol ta’an qee abbaa isaanii irraa buqisuuf kan karoorfame yoo ta’u lammii isaanii gaaga’umsa irraa baraaruuf barattootni Oromoo yuunivarsitii karoora kana gufachiisuuf sochiii mormii eegalani. Sochiin barattoota yuuniversitii Ambootiin eegalame guyyoota yartuu keessatti gara man barnootaa sadarkaa ol’aanaa fi gidduu galeessa akkasumas gara gandoota Oromoo maraatti babal’ate. Kunis ibidda hoongee ta’ee magaalotaa fi baadiyaalee Oromoo waliin gahuun karoorri moottummaan abbaa irree baafate ibdatti shidame . Loltootni moottummaa Itoophiyaa sochii diddaa saba Oromoo kana gara jabinaan tarkaanfiilee irratti fudhate, Oroomota 80 ol ajjeesani, dhiboota madeessani, kumaatama gara mana hidhaatti guurani. Humna waraanaatti dhimma bahuun yeroof dhaamsuu danda’ani. Yeroof human waraanaatiin ukkamsamee ganna tokkoof eega turee booda qophii fi qindoomina guddaadhaan Sadaasa 2015 keessa magaala Gincii keesatti sochiin bifa haarawaan eegalame. Fincilli diddaa saba Oromoo marsaa lammaffaaf magaalaa Gincii keessatti buruqe magaalaalee fi baadiyyaa Oromiyaa guyyoota yartuu keessatti waliin gahee hanga har’aatti itti baatiiwan sagal oliif osoo wal-irraa hin citiin gageeffamaa jira. Bareefamni kunis sochii diddaa saba Oromoo baatilee saglan dabran keessa ademsifamaa ture irratti kan xiyyefate dha.

Baatilee sagalan dabraniif haawaasni Oromoo sochii diddaa gabrummaa gageessaa ture fi itti jiru:

 Sochii mormiii haawaasota biyyota biroo wal-fakkaatan waliin wal cinaa qabuun ilaaluu yaalla

 Fincilli diddaa gabrumaa saba Oromoo keessatti leelisitootni, gaggeesitootnii fi hirmaatotni eenyu dha?

 Sochii diddaa gabrummaa saba Oromoo keessatti hawaasni Oromoo biyyaa ambaa keessa jiraatan irra maal tu eegama? maaltu raawatame? maaltu hanqata?

 Scochiin diddaa gabrummaa saba oromo yeroo barreefamni kun qophaa’e maal irra gahee jira? bu’aa maal galmeesise? maaltu hafe?

 Bifoota, gosootaa fi sadarkaalee sochii hawwaasotaa

 Hooggantoota, Leellistoota sochii hawaasaa Kan jedhaanii fi kan kana fakaatan bareefama kana keessati ka’anii jiru. oromo-social-movement-2

2 thoughts on “Sochii Diddaa Gabrummaa Saba Oromoo (Sadaasa 2015 – Hagayya 2016)

  1. Pingback: Sochii Diddaa Gabrummaa Saba Oromoo (Sadaasa 2015 – Hagayya 2016) – OROMSIIS

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s