MATAKKAL WAMBARAATTI FINCILLI ITTI FUFEE JIRA!

Fulbaana 30,2016, Odeessi Qeerroo Gaalessaa akka addeessetti ilmaan Oromoo Godina Matakkal Wambaraa gaaffii eenyummaa isaanii dhiyeessaa akka jiran hubachiisuun,Ayyaana Masqalaa irrattis Qeerroon Aanaa Gaalessaa Walleelee Aadaa fi Warraaksaa weellisuun gaaffii eenyummaa isaanii dhiyeessan!

Ergamtootni murna Xinnoo kanaa, Marsariitii Waajjira Komunikeekeeshinii Aanaa Gaalessaa irrattis, Uummati_Shinaashaa_Afaan_Oromootiin sirbuun ayyana masqalaa kabajan jechuun gaaffii eenummaa uummata Matakkal

Gaalessaa haauuf yaalanii jiru.

Qeerroon Gaalessaa ibsa waajjirichaatti muufachuun fincila kan finiinsan yeroo ta’u,komii hawaasi Oromoo bal’aan nu gadate nutis eenyummaa keenya akka #Oromoota_Raayyaatti ibsachuuf #Irreessa irratti argamnee eenyummaa fi aadaa Oromoo Matakkal Wambaraa calaqqisiifan jechuun qeerroofi qarreen,jaarsaafi jaartiin utuu hin hafin gara ayyaana Irreechaatti imalaa jiru.

Miidiyaaleen Guguddoon,jaallattoonni Ilmaan Oromoofi Oromummaa leellisan ilmaan  Oromoo

#Quncee_Goomman_jaraa

#Gundee_Goojjam_gamaa

 Kan jedhamuufii latiinsaanis Oromoota Maccaa keessattis Macca kudha lamman keessaa

#GundeeMaccaa

#AbballanMaccaa

#LaalooMaccaa Goojjamii fi Wambaraa keessa jiraatu.Kana malees,Gaalessi warra Amuruurraa Wambarri Warra Sibuu naannoo Mandii fi Najjoorrraan babal’atan ta’uu seenaan isaanii ni ibsa.

Kanaafis imaan Oromoo kana bakka jiranitti mirga eenyummaa fi afaan aadaa isaanii kunuunfatani jiraachuu akka qabaataniif tumsa yaa taasifnu!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s