Wayyaaneen TPLF Yuunibarsiitii Jimmaa Keessatti Leenjii “Haaromsa gadi fagoo” Barsiisotaa fi Barattootaa Dirqamaan Kennamuuf Jedha.

Aside

Bitootessa 2,2017

Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti Leenjiin “Haaromsa gadi fagoo” jedhu jalqabuuf kan jiru yoo ta’u,barsiisotaaf bor irraa jalqabee kan
itti fufu akkasuma barattootaaf illee kennamuu akka qabu  Wayyaanee TPLF n kan durfamu dhaaba ergamaa OPDOn dhaadachaa jiraachuun himame.
Haala ulfaata Uummanno keenya keessa jiru kanarti saatii diinaan wajjin yaada wal jijjiirru kan hin qabne ta’uu Qeerroo Moorichaa ifa godha.Walga’ii qaama mootummaan waamamu kam irraayyu hafuun akkasuma walgaayii diinaa irrati akka hin hirmaanne wal hubannoon barbaachisaa ta’uu dirqama Qeerroo moorichaati. Continue reading

Godina Arsii Keessaa Manneen Daldalaa Ummataa Cufamaa Jiru.

Aside

img_20170302_025638 img_20170302_044008 img_20170302_063408Godina Arsii Magaalota hedduu keessatti mootummaan wayyaanee suuqota daldalaa bakkoota adda addaatitti namootarratti cufaa jira,gibira humnaa olii kaffaluu qabdu jechuun ummata rakkisaa jira,addaatti namoonni gocha diinaa kanaaf saaxilaman oromoota ta’uun dhagayamaa jira,magaalonni wanti kun keessatti ta’aa jiru Dheeraa, Asallaa, Kofalee fi Muneessa ta’uun barameera.

Kanamalees Godina Arsii Aanaa Roobee 16996463_476319739424767_2829710792785344410_n 16999169_1878532229102929_468994923519531720_nMagaalaa Saddiiqaa keessaatti ummata nagayaa hidhuuf doorsisuun dhagayamee jira,Akkuma beekkamu guutuu Oromiyaa keessaa FXX tiin wal qabatee ummata hedduu mana hidhaa xoollay Awaash fi Sanqalleetti dararaa turuun isaa ni yaadatama,magaalaa Saddiiqaa keessaayis namoota hedduu achitti hidhee bilisaan gadhiise keessaa guuree ammallee mana hidhaatitti dachaasaa jira,namoonni ammaaf hidhamanii jiran Gazaalii Jamaal,Hajjii Jamaal,Amaan H/ Tunaa kanneen jedhaman keessatti argamu

Waldaa Liqiif Qusannaa Oromiyaa Erga Nu Keessa Dhaabbatee Nageenyi Keenyas Qabeenyi Keenya Hunkuramaa Ta’e

Aside

Gurraandhala 30,2017/ Oromiyaa keessatti maqaa WLQO jedhuun Humni bitamtuu Wayyaanee OPDO uummata Oromoo irratti erga Waajjira dhaabbattee asitti,Oromonno keessattuu qote bulaan Oromoo haala ulfaataa keessa jiraachuu dubbatan.Maallaqi akka Liqiitti kennamu kan of dhalee galu waan ta’eef Oromoon maallaqa isaa kuufachun akka itti ulfaatee jiru himame.Qotee bulaan dubbifne akka nuuf ibstti “WLQOn eega nu keessa dhaabbate nageenyi keenyas qabeenyi keenyas hunkuramaa ta’e,rafnu nagaa dhabnaa yaaddoon mataa gadi qabnee bulla.Maallaqa sana kaffaluuf midhaan nyaataa gurguruun dirqama,kunimmoo hirii qabeenyaa keenyaa halayyaa buusee jira”jechuun dubbatan.

Gama biraan Yunibarsiitii Asoosaa Keessatti Nyaata Dhorkatamuun Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa (SQ) Gurraandhala 28, 2017

Aside

Godina Arsii Aanaa Lemmuuf Bilbiloo fi Aanaa Muneessaa keessatti Daldaltootatti Gibira Humnaa Ol Dabaluun Ergamtooti Wayyaanee Ummata Miidhaa Jiru.

Aside

Gurraandhala 29,2017

naqamteGodina Arsii Aanaa Lemmuuf Bilbiloo fi Aanaa Muneessaa keessatti mootummaan Wayyaanee OPDOn karaa waajjira galiiwwanii aanota kanniinitiin daldaltootatti gibira humnaa olii fe’een kaffalsiisuuf murteeffachuun dhagayameera,kanumarraa ka’uun daldaltoonnis gibirri kuni humna keennaa Ol waan ta’eef akka nuuf sirreessitan jechuun gaaffii kan dhiyeessan yoo ta’uu gaaffii gaafatan kanaaf deebin kennameef mana hidhaatti guuramuu akka ta’e dhagayamaa jira. Continue reading

Maqaa daballii miindaa barsiisotaan wal qabatee barsiisonni godinaalee Oromiyaa keessaa hojii dhaabaa akka jiran ibsame.

Aside

Gurraandhala 29,2017
DIDDAA 2Mootummaan abbaa irree wayyaanee baatii darbe keessa barsiisota godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessaa walitti qabuudhaan maqaa dabballii miindaa peersentii dhibbaa keessaa 95% ol- isiniif guddifna jechuun waadaa jabaa barsiisota kanneeniif galuudhaan walga,iin wayyaanee xumuramuun barsiisonni gara hojjii hojjii isaaniitti akka deebifaman godhamee turuun ni yaadatama.
Haa ta,uutii dhiimmi daballii miindaa wayyaaneen barsiisota godinaalee oromiyaa hunda keessaa barsiisaa turaniif ammas kanneen barsiisaa jiraniif dhimmi waadaa daballii wayyaanee soba ta,uu barsiisonni tokko tokko dubbachaa jiran.
Waadaan Wayyaaneen yeroo darbe barsiisotaaf seentes guutummaan guutuutti waadaa sobaa fi kijibaa ta,uurraan wal qabatee yeroo ammaa maanneen barnootaa golee oromiyaa hunda keessatti barsiisonni heedduminaan hojii dhaabanii akka jirantu gabaafamaa jira.

Continue reading

SBO: Bitootessa 1 bara 2017. Oduu fi Gaaffii fi deebii Artiist Eebbisaa Solomoon waliin taasifame -Kutaa xumuraa Akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

ETHIOPIA:  The Ethiopian Government is Plotting a War Among  the Nations and Nationalities in Ethiopia

Aside

HRLHA Press Release


HRLHAFebruary 26, 2017

The  Ethiopian Somali Liyu Police led by the Ethiopian Federal government’s killing squad have been engaged in a cruel war for the past six months against the Oromo nation in fifteen districts of Oromia.   The Oromia districts that have been invaded by the two aforementioned forces are in east and east- west Hararge Zone, Eastern Oromia,  Guji,  Borana and  Bale, South Oromia zones, Southern Oromia of Oromia Regional State. Continue reading

Godina Wallaggaa Magaalaa Mandii Keessatti Qabeenya Abootiin Qabeenyaa Wayyaanee Saaman Irratti Ummanni Tarkaanfii Fudhate.

Aside

Guraandhala 26/2017 Ummanni Oromoo magaalaa Mandii keessa jiran diddaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneef qaban irraan kan ka’an qabeenyaa sirna cunqursaa abbaa irree Wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatan. Continue reading

Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa fi Kullaa Keessatti Gootonni Dargaggoonni Oromoo Kaabinoota Wayyaanee Salphisan.

Aside

4-must-go1Gurraandhala 27,2017 Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa fi Kullaa keessatti guyyaa  sanbata kaleessaa ergamtoonni OPDO Daragaggoota walitti qabanii hojii isinii uumna jedhanii wallitti qabuun mariisuun fi Dargaggoonnis ergamtoota kanneen gaafilee ciccimoon gaafachuun ufirraa deebisuun dhagayameera,akka Odeessi magaalattii keessaa nu gahe addeessutti dargaggoonni gootonni Qeerroon Oromoo akkas jechuun gaafilee isaan rifaasisu gaafatanii jiru. Continue reading