Aside

Bitootessa 3/2017 Gidduugaleessa Oromiyaa Godina Lixa Shaggaar Aanaa Aadaa’aa Bargaa Mogoriitti Mootummaan Wayyaanee Maqaa Humna Aaddaa hidhatee Socho’uu dhoksitan jedhuun Waraana koomandii Poostii bobbaasuun Uummata Oromoo jiraattoota naannoo hidhaafi reebichaan hiraarsaa jiraachuu maddeen Qeerroo Moogor gabaasan.
Haalaa kanaan Uummatni Oromoo Aanaa Aada’aa Bargaa naannawaa Moogor Araddaalee  Darroo Bmbii, Darroo xaaxeessaa, Dirree, Libaan jedhaaman  keessaatti addatti humna waraana Koomandii Poostii humnaa ol irra qubsiisuun uummata shororkeessa jiraachuun ibsameera.  Qeerroon Bilisummaa Oromoo Moogoor  yakka shororkeessaan Waraanni koomandii Poostii Wayyaanee uummata Oromoo irratti rawwataa jiruuf hin jilbeeffannuu darannuu qabsoof hiriirra jechuun  dhaamsa dabarsa

ONN : Diddaa Gabrummaa : Hawaasni maal jedha? — yaada Obbo Tashoo Tufaa

Aside

eNCAnews- “Ani jireenya mataa kiyyaa hin jiraadhu jireenya ummata kiyya Oromofan jiraadha” jedha Artist qabsaawaa Jaafar Yesuuf.

Aside

Continue reading

SEENAA J/DIRRIBAA KUMAA (1958-1997)

Aside

Barreessaan Muusaa Daawud

Godinni Horroo Guduruu akkuuma godinaale Oromoo biro madda gotowwani ta’u seenaatu ragaa baha. Godina kana keessatti Oromoota achitti dhalatan qoofa osoo hin taane ilmaan Oromoo carraan qabsoo naannoo sana isaan geessite heeddutu akka bahaniin hafan. Kanaaf gotoota Oromoo J/Milkeessaa Gadaa fi J/Faariis Hirphaa akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.

Abishee Garbaa fi Dhugumaa Jaldeessoos falmii haadhooftuu weerartuu waraana Minilik dukaa taasisaniin warra sabaaf jeecha wareegame. Sana boodas jaallan akka Dirribaa Kumaa, Araarsaa Assabaa, Abbaa biyyaa (Bayyanaa Obsi), Shorshoraa fi kanneen biro dhibbootaan lakkaahaman xurree abbootiin isaani saaqan irratti loltoota wayyaane kuffisee warra kufe. Seenaa gabaabduu hardhaa keessattiis seenaa J/Dirriibaa Kumaa walumaan haa ilaallu.

Dhaloota Dirribaa Kumaa

Dirribaa K

Seenaa J/Dirribaa Kumaa (1958-1997)

Diribaa Kumaa ilma qotee bulaa ture. Bara 1958 (ALH) tti abbaa isaa Obbo Kumaa Waaqoo fi haadha isaa aaddee Marartuu Tochee irraa godina Horroo Guduuruu ganda haroo shooxee kesstti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka gahetti barnoota isaa 1-8 tii mana barumsaa sad 1ffaa shamboo keessatti, 8-12 ammoo magaalaa naqamteeti baraatee xumure. Sana booda leenjii barsiiauma fudhatee hojiitti boba ‘e. Continue reading

SQ: Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 2, 2017

Aside

Continue reading

Asoosaa Keessatti FXG Barattootaan Galgala Kana Dhohee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Qeerroo diddaaBitootessa 2,2017/ Darara humnaan olii Yuunibarsiitii keessatti irra gahaa jiru barattoonni Yuunibarsiitii Asoosaa Balaaleffachuuf humni Waraanaa nu hin daangessu jedhan haaluma kaleessaan walqabatee amma galgala kana ijollee mana amantaatii osoo galaa jiranii karaa nagaan, mirgi keenya nuuf haakabajamu, gaaffiinkeenya nuuf haa deebi’u jedhanii sagalee dhageessifachaa jiran irratti dhukaasa banuudhaan, barattoota kumaatamatti lakkaawwaman walitti qabdee jirti, barataama mooraa keessa soso’us qabdee itti dabalaa jirti, yeroo ammaa kanatti waraanni Wayyaanee fardasaanii yaabanii waliif gadi utaalaa jiru, barattoota kana maal gochuuf akka jedhan hinbeekamin jira. Continue reading

SBO Bitootessa 03,2017. Oduu, Gabaasa ittisa weerara liyyuu poolis, gaaffii fi deebii qindeessaa muuziqaa Birhaa n Zarihunii fi wallisaa Sa’aad Awwal waliin godhame

Aside

Mooraan Waraanaa Guddaan Wayyaaneen Qabdu Asoosaa Mooraa Yuunibarsiitii Cina Jiraachuun Barataan Haala Ulfaataan Akka Dararamuuf Dandii Ta’e Jedhu Barattoonni

Aside

Bitootessa 2,2017
Mooraan Waraanaa Guddaan Wayyaaneen Qabdu Asoosaa Mooraa Yuunibarsiitii Cina Jiraachuun Barataan Haala Ulfaataan Akka Dararamuuf Dandii Ta’e Jedhu Barattoonni mooraan waraanaa guddaan Yuniibarsiitii Asoosaa bira  kan inni jiru, akkasumas manni kennameefi kankeessa jiraatinis jiru, waraanni alattis keessatti argaman kun ijoollee shamarranii sodaachisuudhaan gocha akka saalqunnamtii seeraan alaa yeroo raawwatantu jira. Gama biraatiin ijoolleen oromoo achitti argaman dhiphina keessa jiraatu, galgala sa’atii sadiitti waraanni mooraa seena, barataan 3:00 tti olseenuu hindanda’u, 5 booda immoo sababa malee mooraa keessa deemuun dhorkaadha.
Manni fincaanii dormi barataa irraa siqee ijaaramee jira, fknf yoo sa’atii amma jedhametti dhaqxe waaraana sana irraa gaaffii akka eessaa deemta?, maalhojjechuu deemta? sa’atii kana maa deemta? fi ulee sanaan dhahamuufi dhiitamuunillee nijira, kun anaanis namudatee argeera.Haalli kunimmoo jireenya egeree keenyaaf sodaachisaadha.Walii gala jireenyi barataa Oromoo moorichaa kana fakkaata

Continue reading

Must listen– “Tokkummaa Lafatu Si Dheebote” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa, Bitootessa 2,2017

Aside

Bosonni Oromiyaa Godina Wallaggaa Qeellam Aanaa Anfilloo Abbootii Qabeenyaa Tigraayiin Manca’aa Jira.

Aside

Bitootessa 2,2017

17038487_764306653721252_8276835334367130848_o 17038570_764306650387919_4918306963110423302_oGodina Wallaggaa Qeelam  Anaa Anfilloo keessaa lafti ummataa fudhatamee amma abbootii qabeenyaa dhalootaan Tigiroota ta’aniif kennamaa jira, aanaa Anifiiloo keessatti yeroo ammaa bosona baldhaa fi lafa ummata irraa fudhatame bosonatti ibiddaa qabsiisuun bosona umuriin dheeraa ta’e guggubaa fi manxaasaa jiru. Continue reading