Godina Horroo Guduruu Shaambu Keessatti Dargaggoon Raayyaa Ittisa Biyyaan Hidhamaa Jiru.

Aside

By Dachaasaa Wiirtuu

Image may contain: 1 person Bilisummaa Amantee jedhama guyyaa har’aa Hagayya 23/2019 G/H/Guduruu magaalaa Shaambuu keessaa humna waraanaa mootummaan qabamee hidhamuu maatiin dubbatu.

Dargaggoo kun barataa yoo tahu yeroo boqonnaa isaattis ummata waliin waan gaarii ummata tajaajiluun kan dabarsu ture.
Hojii isaa kanaanis kabajaa fi jaalala ummata magaalaa shaambuu biratti argateera.

Namootni ummata biratti jaallatamu Humni tikaa qabanii dararuun jibbisiisuuf tahe jedhamee kan hojjetame tahuu jiraattotni magaalaa shaambuu dubbatu.

 

 

 

Wallagga Naqamte Keessaa Oromoonni 2000 Ol Waraana EPRDFn Badii Tokkoon Malee Hidhamanii Jiru.

Aside

By Kumsaa Buraayyu

Image may contain: one or more people, hat and closeup Dhugaasaa Mangashaa Baloo jedhama. Abbaa-qabeenyaa fi jiraataa magaalaa Naqamteeti. Obbo Dhugaasaan humnoota Komaandi Postiitii magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee goolaa jiraniin erga qabamee hidhamee baatii sadii ta’uuf deema. Obbo Dhugaasaa qofa osoo hintaane yeroo ammaa kana Oromotni hedduun magalaa Naqamtee fi naannoo ishee jiraatan hidhaa keessatti gidirfamaa jiraachuun isaanii ifaadha.

Odeeffannoon naannoo sanaa maddu akka ibsutti, obbo Dhugaasaa fi namootni 200 ol tahan yeroo ammaa kana Masaraa Kumsaa Morodaa keessatti hidhamanii jiru. Lakkoobsi hidhamtoota magaalaa sana waliigalaa ammo 2000 ol akka ta’e odeeffannoon kun dabalee ibsa. Bakki namootni itti hidhamaan hundi adda ba’e waan hinbeekamneef lakkoobsa namoota hidhaa jiranii sirritti adda baafachuun nama dhiba.

Obbo Dhugaasaa fi namootni 200 tahan lafa-jala (basement) Masaraa Kumsaa Morodaa, bakka duraan buufata mi’aa (store) turee fi as dhiheenya kana ammoo horiin itti galaa turan keessatti wal irratti waan hidhamaniif dhukkuba adda – addaaf saaxilamaa jiraachuun isaanii bal’inaan dubbatama. Continue reading

Aside

 SAGALEE QEERROO HAGAYYA 14 2019 Dhimma qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fi dhimma buqqaatota ilmaan Oromoo bakka addaa qubsiifamanii jiran irratti

Aside

Amni (Karaan) Qabsoo Bilisummaa Oromoo tolatti kan irra gulufan miti,wareega hedduu gaafata,Qabsaawoti gidiraa hedduun qabsoo jiraachisanii asiin gahan. Kanneen keessaa tokko Artist Humneessaa Badhaasaa dha!!

Seenaa Artist qabsaawaa Humneessaa Badhaasaa!

Aside

qeerroo-editAarsaa Gurguddaa Oromoon Har’a Kaffalaa Jirruuf Gaafatamni Jiraachuu Qaba!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Hagayya 12,2019
Finfinnee Oromiyaa

Yakkaawwan ajjeechaa suukanneessaa fi dararamni uummata keenya Oromoo irra akkuma bara Chaarteraa bara 1991 raawwataa jira. Yeroo uummatni keenya sagaleen isaa ukkaamamee rakkoo gurguddaa keessummeessaa jiru kanatti haalli dinagdee saba keenyaa illee sadarkaa nu yaaddessu irra gahee jira. Uummatni keenya dinagdeen, siyyaasaan, rakkoo fayyaan akkasuma ka dhibiin illee miidhama ulfaataaf saaxilamee jira.

Oromiyaa Lixaaf Oromiyaa Kibbaa qaamni Mootummaa afaan Qawween bulchaa abbaa barbaadu manaa gadi waamee ajjeesuu irratti argama. Akkuma kana Kibba Baha Oromiyaa Baalee keessatti ammoo rakkoo dinagdee Mootummaan dhalcheen uummatni keenya miliyoonaan lakka’amu Beelaaf saaxilameera. Wayiita uummatni keenya beelaaf kaadhimamee jirutti maqaa uummata keenyaatiin qaamni mootumma deggarsa biyyoota garaagaraa irraa argataa jira. Deggarsa maqaa uummata Beelaa’aa jiruun argatuun garuu uummatni keenya akka gargaaramu gochuu irra Rasaasaa fi Qawwee of hidhachiisee uummata nagaatti waraana banee jira. Continue reading

Aside

Perofeser Isqeel Gabbisaa naannoo Maqalee deemee Geetaachoo Asaffaa argee ture jedhanii? 
Pro Isqeel maal jedha??

Aside

Qophii Bashannannaa Cufinsa Kora ABO Amerikaa Kaabaa kan bara 2019.
August 09/2019 Minneapolis Minnesota

Aside

Qeerroon OPDO tti Qabsoos ta’e imaanaa laadhate hinqabu!

Qalbeessaa Dhangi’aa
Bitootessa 7,2019

OPDO.jpg saamtuuFuula miidiyaa irraan kan dhagaa’amuuf kan lallabaamaa jiru “OPDO’n imaanaa Qeerroo gante!” Yaadota jedhanidha. Yaadni kun soba, dogoggorallee. OPDO’n qaama Oromoo utuu hintaane gantuudha. Gantuutti imaanaan qabsoo hinlaatamu hinlaatamnes. Qeerroon Bilisummaa Oromoo imaanaa qabsoo WBO fi isa mataasaa harka jira malee galtuu, gantuu, Xawalwaalleetti guyyaa tokkoof qabsoon Oromoo hinlaatamne, laatamuus hinqabu. Qaamotni “qabsoo Oromoo, imaanaa Oromoo gante OPDO’n” jedhan dogoggoraniiru. Nuti kaleessayyuu, har’ayyuu boriyyuu galtuu akka OPDO tti imaanaa jennee qabsoo hinlaannu, akeekaaf naamusi qabsoo keenya, qabsoo jaallan hedduun itti wareegaman qabsoo ABO’s kana hinayyamu. Continue reading

Aside

“GODINA_WALLAGGAA_LIXAA_ONA_SAYYOO_NOOLEE MAGAALAA DABBASOO
TARREE MAQAA HIDHAMTOOTAA FI DARARAA ISAAN IRRA GA’AA JIRU.
#HAGAYYA_09_2019

because-i-am-oromo#Komaand_Poostiin Aanaa Saayyoo Noolee Namoota Nagaa #Mana_Hidhaa Aanaa Saayyoo Noolee Magaalaa Dabbasootti maqaa “ABO
deggartan” jedhuun dararaa guddaa irraan ga’aa jiru. warreen kana keessaa Mana hidha xollaay keessaa ji’oota sadiif oliif kan turaanii bilisan galan ammas mana hidhaatti deebifamanii dararama jiru.
Namootni kun kutaa xiqqoo tokko kessatti nama #20( #Digdama)ta’anii hidhamanii waan jiraniif guyyaa har’aa 02/12/2011 ALHtti ykn #Hagayya_09_2019 irraa eegalanii sababa dhibee guddaan irra jiruuf nyaata lagatanii miidhamaa jiru.
Namootni kunis:-
1. Doktooree_Moosisaa
2. Masarat_Jaallataa
3. #Uummataa_ Waldee

Aside

Walgayii Hawaasaa kora Gamtaa ABO Amerikaa kaabaa kan bara 2019 Minneapolis Minnesota.
August 09/2019

Continue reading