Abbaan Gadaa Tulamaa duraanii: “Nuyi Irreechas hin dhaqnu, hin barbaadnu”

Abbaan Gadaa Tulamaa duraanii: “Nuyi Irreechas hin dhaqnu, hin barbaadnu”
Madda BBC Afaan Oromoo
24 Hagayya 2019
Abbaa Gadaa Bayanaa

Walgahii haala nageenyaa irreechaa irratti waaman akka hin teenye dhorkamu isaanii Abbaa Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sanbatu BBC’tti himaniiru.

Xalayaan chaappaa waajjira tokkummaa abbootii gadaa Oromoo jedhuun, guyyaa 14/12/2011 barreeffame fi Abbaa Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sanbattun mallattaa’e dhimma Irreechawwan Hora Finfinnee fi Hora Harsadii irratti magaala Bishooftuutti mariin waan adeemsifamuf miidiyaaleen akka gabaasaniif affeera.

Haa ta’u malee mariin Sanbata xiqqaa ganama sa’aa 2:30tti eegala jedhame osoo hin taa’amin haqameera.

“Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa, waajjira kantiibaa bulchiinsa magaala Bishooftuu akkasumas poolisii fi waajjira bulchiinsaafi nageenya magaala Bishooftuus affeerree turre” kan jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sanbatu, gara galma walgahii akka hin deemne dhorkamuu isaanii BBC’tti himan.

“Ajajaan poolisii magaala Bishooftuu natti bilbilanii ‘irranaa qajeelfamni waan nuf kennamef gara walgahii akka hin deemne, poolisii waliinis akka walitti hin buune of eegaa’ naan jedhan jechuun BBC’tti dubbatan.

Namootni kuma tokkoo ol walgahiif waammamuu isaanii kan himan Abbaan Gadaa duraanii kun, “reefu yoon manaa bahu natti bilbilanii ‘manaa hin bahinaa. Namni tokko achi geenyaan tarkaanfii fudhanna’ naan jedhan” jechuunis himan.

“Amma irreechatti dhiyaachaa jirra waan ta’eef nuyi waa’edhuma nageenyaa mari’achuuf akka hayyuu fi Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaatti waamne. Haa ta’u malee erga gumiis jigsanii deemi jedhan dhiisuu malee maal goona? Nuyi irreechas hin dhaqnu fuldurumaafu hin barbaadnu” jechuunis dubbatan.

Walgahiin kun akka adeemsifamuf Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa walin waliigallee ture kan jedhan Abbaan Gadaa duraanii Bayyanaan, Abbootii Gadaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo hogganaa jiran kan akka Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo fi Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaas affeeramanii akka turan himan.

Gumiin Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoon bakka bu’uusaa kan gaafataman Abbaan Gadaa Bayyanaa Sanbatu, “Gamtaa fi gumiin adda. Jigsuufis mirga hin qaban. Nuyi ittin bulmaata qabna. Nuyi gaafatamuu qabna malee gamtaas boru abbaan fedhe yoo jigse keessaa ari’amu jechuudha” jedhan.

Walgahii har’aa irratti namoota gumicha dhaaban qofa osoo hin taanee, dargaggootni waamamuu isaanii, waa’ee nageenyaa irratti erga mari’atamee boodas wiixataafi kibxata Soodareetti kan wal lole araaramee gara irreechaa akka deemamuuf yaadamuu isaa malee karoora biraa gonkumaa akka hin qabne himan.

Gumiin tokkummaa abbootii gadaa akka hin diigamne kan dubbatan abbaan gadaa Bayyanaa, “lammata waan kana keessa hin seennu. Namas hin waamnu. Hojii dhuunfaa keenyaan hojjenna. Qaamni ilaallatu itti yaa deemu malee nuyi keessaa galleerra” jedhan.

Walgahichi maaliif akka dhorkame ilaalchisuun kan gaafanne ajajaan poolisii Magaala Bishooftuu Komaandar Tolasaa Haayilu, waa’ee walgahichaa gonkumaa quba akka hin qabne BBCtti himaniiru. Akkasumas dhimma kanan qulqulleeffachuuf Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa irraa argachuuf yaaliin bilbilaa irra deddeebin taasiifne osoo nuuf hin milkaa’iin hafeera. Qaamni motummaa dhimma kanarratti ibsa nuuf kennu yoo jiraate ni keessumeessina.

 

Mata dureewwan walitti dhiyaatan

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s