qeerroo-editAarsaa Gurguddaa Oromoon Har’a Kaffalaa Jirruuf Gaafatamni Jiraachuu Qaba!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Hagayya 12,2019
Finfinnee Oromiyaa

Yakkaawwan ajjeechaa suukanneessaa fi dararamni uummata keenya Oromoo irra akkuma bara Chaarteraa bara 1991 raawwataa jira. Yeroo uummatni keenya sagaleen isaa ukkaamamee rakkoo gurguddaa keessummeessaa jiru kanatti haalli dinagdee saba keenyaa illee sadarkaa nu yaaddessu irra gahee jira. Uummatni keenya dinagdeen, siyyaasaan, rakkoo fayyaan akkasuma ka dhibiin illee miidhama ulfaataaf saaxilamee jira.

Oromiyaa Lixaaf Oromiyaa Kibbaa qaamni Mootummaa afaan Qawween bulchaa abbaa barbaadu manaa gadi waamee ajjeesuu irratti argama. Akkuma kana Kibba Baha Oromiyaa Baalee keessatti ammoo rakkoo dinagdee Mootummaan dhalcheen uummatni keenya miliyoonaan lakka’amu Beelaaf saaxilameera. Wayiita uummatni keenya beelaaf kaadhimamee jirutti maqaa uummata keenyaatiin qaamni mootumma deggarsa biyyoota garaagaraa irraa argataa jira. Deggarsa maqaa uummata Beelaa’aa jiruun argatuun garuu uummatni keenya akka gargaaramu gochuu irra Rasaasaa fi Qawwee of hidhachiisee uummata nagaatti waraana banee jira.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo deemsa olii kanaan jechuun adeemsa Beelaan wal qabatee qaamni mootummaa yakka lama Oromoo irratti raawwataa jira jennee amanna. Yakki jalqabaa uummata Oromoo maqaa saboota ollaan daheeffatee qee’ee isaarraa waraana isaan kan buqqaase mootummaa EPRDF ta’uu fi yakki lammataa maqaa uummata qe’ee irraa buqqaa’ee beelaan dhumaa jiruun gargaarsa argatuun Qawwee fi rasaasa bituudhaan yakka waraanaa Oromiyaa irratti banee jiraachuu hubatna. Kanaaf yakkoota kanaaf qaamni bu’uura ta’eef hirmaataan rakkinicha uumuu keessatti gahee qabu mootummaan EPRDF gaafatama jalaa bahuu hinqabu. Kana malee: hidhaan ilmaan Oromoo irratti ka duraan ol adeemaa jira, dargaggeessi hojii misoomaa danqamee, qore bulaan hojii misoomaa danqamee jira.

Yakkootni Oromoo irratti bara kana keessa raawwataa jiran daangaa godhachuu dhabuun, ajjeechaan Kaaba Oromiyaa Walloo qabatee nu Oromoo irratti adeemaa bahe qaama walabaan qoratamuu qaba. Bara kana keessa lubbuu kumootaan lakkaa’amu dhabdee kan jirtu Oromiyaan, yakkoota daguuggaa sanyiif saaxilamnee jiraachuu keenya nii hubanna. Kana malees hanga ammaa waraanni mootummaa fandalalaa ta’uudhaan mana Oromoo akka barbaade gubee barbadeessaa jira. Kun ammoo olaantummaa seeraa cabsuu keessaa isa hangaafati.

Qaamni olaantummaa seeraa fi heera biyyatti cabse gaafatama godhachuu qaba ejjennoo jedhun jabeessinee gaafanna. Manneen Oromoo Lixa Oromiyaa, Iluu Abbaa Booraa fi Kibba Oromiyaatti waraana EPRDF’n gubatan bara kana gara Kumaatti lakkaa’amu. Kun yakka ciigasiisa addunyaa kana irratti raawwatee hinbeeknee fi Oromoo sirna kam keessattu akkas gidiramee hinbeeku jennee fudhanna.

Walumaa gala gochaawwan badaan waraanni mootummaa uummata keenya Oromoo irratti raawwataniif gaafatamni jiraachuu akka qabu gaaffii keenya ka duraan olitti bara itti aanuttillee gaafachuuf nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo qophii ta’uu keenya hubachiifna!

Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Hagayya 12,2019
Finfinnee Oromiyaa

 

2 thoughts on “

  1. Pingback: Aarsaa Gurguddaa Oromoon Har'a Kaffalaa Jirruuf Gaafatamni Jiraachuu Qaba -

  2. Pingback: Aarsaa Gurguddaa Oromoon Har'a Kaffalaa Jirruuf Gaafatamni Jiraachuu Qaba Kichuu

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s