Qeerroon OPDO tti Qabsoos ta’e imaanaa laadhate hinqabu!

Qalbeessaa Dhangi’aa
Bitootessa 7,2019

OPDO.jpg saamtuuFuula miidiyaa irraan kan dhagaa’amuuf kan lallabaamaa jiru “OPDO’n imaanaa Qeerroo gante!” Yaadota jedhanidha. Yaadni kun soba, dogoggorallee. OPDO’n qaama Oromoo utuu hintaane gantuudha. Gantuutti imaanaan qabsoo hinlaatamu hinlaatamnes. Qeerroon Bilisummaa Oromoo imaanaa qabsoo WBO fi isa mataasaa harka jira malee galtuu, gantuu, Xawalwaalleetti guyyaa tokkoof qabsoon Oromoo hinlaatamne, laatamuus hinqabu. Qaamotni “qabsoo Oromoo, imaanaa Oromoo gante OPDO’n” jedhan dogoggoraniiru. Nuti kaleessayyuu, har’ayyuu boriyyuu galtuu akka OPDO tti imaanaa jennee qabsoo hinlaannu, akeekaaf naamusi qabsoo keenya, qabsoo jaallan hedduun itti wareegaman qabsoo ABO’s kana hinayyamu.

Warri imanaaa itti laadhatee marroo dabalataa ganamuusaa arge, “imaanaa koo gante OPDO’n!” jechuu danda’a. Garuu bakka keenya bakka Oromoo bu’anii “OPDO’n imaanaa Oromoo gante!” jechuun daba. Oromoon takkaa OPDO tti qabsoo isaa kennee taa’ee hinilaalle. Kanaaf sochiin baatii dabarsaa jirru kana Oromoota Lixa Oromiyaa, Jimmaa, Walloo, Gujii, Boorana biraa mul’ataa ture ragaadha.

OPDO’n gaafa qabsoon Oromoo ishee hudhee qabu, Oromoo taatee, qabsaa’aa taatee dhokattee lafa jala shira xaxaa nutti as baati, gaafa Oromoon muraasi harkaa reebuuf ammoo mul’attee Shira ishee saamicha ishee fi dararaaf hiraarsaaf ilmaan Oromoo irraa ifatti jalqabdi.

Addi Bilisummaa Oromoo, WBO’n akkasuma Qeerroo Bilisummaa Oromoo guyyaa takkaaf OPDO amanee, abdatees hinbeeku. Sababaan kaayyoo, akeekaa, ejjennoo, galma, fi mul’ata qabatee socho’u waan qabuuf sanarra adeemuuf ammoo irbuu jaallansaa waan qabuuf daddaaqama siyyaasaarraa walaba ta’ee amma waan abjoote sana bira gahutti qabsoo isaa itti fufee jira.

OPDO’n saba haaraa ijaaruuf hojjetaa jiru. Sabi kunis, kan ani Oromoo, Amaara, ani Tigiree, Ani Sumaalee jedhu utuu hintaane saba Xoophiyaa jedhamu uumuuf wixxifataa jiru. Kanaafis ganamaa galgala daangaa Oromiyaa akka feedhan qunxuranii gurgurataa oolu. Waa’een saamamuu lafa Oromoo fi Oromiyaa OPDO tti hindhaga’amu. Sababaan isaan biyya Oromiyaa jedhamu hinqabnu jedhu. Biyyi keenya Ethiopia, Anis Ethiopia dha ofiin jedhu. Hiddisaanis kaan Oromoo fi Amaara, Oromoo fi Tigiree, Argobbaa Fi Oromoo kanneen fakkaatan waan ta’eef gudeeda Oromoo keessaa bahanii ilma gudeedaa waan hintaaneef quuqqaa sabichaa hinqaban. Kanaaf OPDO libsuu ijaaf amananii qabsoo itti kennachuu dhiisii na bulchi jedhanii duuka haasaa jalqabuunuu hinfeesisu. Qeerroo Bilisummaa Oromoo guyyaa takkaaf qabsoo isaa OPDO tti laatee hinbeeku.

Maayii irratti Qeerroon OPDO tti Qabsoos ta’e imaanaa laadhate hinqabu. Qaamotni “OPDO’n imaanaa uummataa gante!” jettan ofii imaanaa itti laattan yoo ta’een ala Oromoonis ta’e Qeerroon durumaa falmaa jira takkaa imaanaa itti laadhatee hinbeeku. Nagaan Oromoo hanga OPDO’n lubbuun jirtutti boora’aadha. Kanaaf luka jalaa haranii galaana warraaqsaatti kuffisuun furmaata. Qabsoo lajalajeedhaan, har’a baanee bor galla taanaan, OPDO cabsinee yaallee fayyifna jechuudha. Lafeen cabee fayye salphaatti hincabu, OPDO cabsinee fayyifnee gaafa cabsuun nu barbaachise cabsuu dadhabuutti nu geessa. Kanaaf hanga Bilisummaatti nii qabsoofna!

Injifannoon uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aa
Bitootessa 7,2019

1 thought on “

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s