SBO: Oduu fi Qophii Addaa Guyyaa Hundeeffama Sagalee Bilisummaa Oromoo(SBO) Waggaa 29ffaa ilaallatu Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

SQ- Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 13, 2017

Aside

Qubneen hin jijjiramne jechuun dabballoonni Wayyaanee Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadarii fi bakkoota adda addaa keessa deemuun ummata afaan fajjessaa jiru.

Aside

Waxabajjii 123,2017/Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadadar keeysattis Mootummaan Wayyaanedhaa Maatii Barattootaa manneen barnootaa aanichaa hunda keeysatti walitti qabdee qubeen wahiituu hin jijjiiramne sobanii umnata fincilsiisuuf odeessuutti jiranii ujoolleen teeysan oduu tana jala deemanii ergaa humnoota badii akka galmaan hin geenye jechuun ummata keenya kijibaa jiraachuun dhagayamee jira. Continue reading

HAMMEENYAA FI SHIRA DIINAA , DANTAA OFIITTI GEEDDARUUN ABSHAALUMMAADHAA!!

Aside

SAlaabaa ABOEENAA    Y.G   (2005)

Har’aa bakka kaleessaa hin jirru . amana dheeraa deemneerra. Wareegama ulfaataa itti kafalaa jirra. Addatti dhalooti har’aa gootummaa addaan ummata isaa kabachiisaa jiraa. Qabsaa’oon gama hundaan waan irraa eegamu bakkaan ga’uuf halkanii guyyaa hojjachaa jiru. qabsoon Oromoo gonkumaa duubatti kan hin deebinee ta’uu, warra abbaa dhimmaa osoo hin taanee addunyaatu jala muree jira. Gootummaan gama hundaan Biyya keessatti rawwatamaa jiru, hegaree seenaa kijibaa Biyya Itooophiyaaf kan xumuraati. Warri kaleessa , “warra Biyya diigan” jedhanii quba nutti qabaa fi qabsoo keenyallee fira dhabsiisuuf joonja’aa turan, har’aa Biyyatti maqaa hedduun waaman san, qarqara boollaan ga’anii jiru. miidhaan yoomillee qabsoo dhalchaa. Hacuuccaan diddaa uuma. Wayyaanoonnis ta’an waa’eellan isaanii, kan raawwataa jiran kanuma. Continue reading

“Jal-Bultii Bilisaa” Walaloo

Aside

Waggaa 28 Guutuu Sagalee Ummata Cunqurfamaa Ta’anii Tajaajiluun Ciminaa fi Cichoominarraa madda!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Isa dhaabbataniif ammanummaa fi jabWaggaa 28 Guutuu Sagalee Ummata Cunqurfamaa Ta’anii Tajaajiluun Ciminaa fi Cichoominarraa madda!inaan falmuun kabajaa namaa laata, Injifachuunis hin oolu. Kaayyoof wareegamuun oolee haa bulu malee gatii guddaa qaba.  Namni ykn jaarmiyaan  kamuu, eeyniyuu dhugaaf cichinaan milkiin kan isaati. Injifataanis isa.

Isa dhugaa dubbatu, isa haqaaf dhaabbate, isa walqixxumaa fi bilisummaaf falmu inni haqa dabsu, inni nama ajjeesee saamu, inni kijbu hin jaalatu.  Haqa dabsaa fi kijibaan karaa isaa danda’ame hundaan sagalee nama  dhugaa  dubbatuu ukkaamsuuf yoo tattaafatu argaa fi dhagahaa jirra. Kijibdoonni sobaa fi holola fakkeessii afarsaniin sagalee dhugaa ukkaamsuuf yaalaa turan, yaalaas jiru.  Horii dhanglaasanii dhugaarra aanuuf  tattaafatu. Wayyaaneen impaayeera itiyoophiyaa bulchaan jira jettus  wanti ishiin waggoota 26n darban raawwachaa turtee fi jirtu kanuma. Haqa dabsuuf, sagalee ummataa ukkaamsuuf wanti murni tun hin raawwatin hin jiru. Keessumaa SBO fi Sagantaa TV Gaaddiisa dhugaa jedhamu irra deddebiin ukkaamsuuf yaaltee jirti. Continue reading

ONN: Diinqa Oromoo – Jaalala Summii

Aside

Continue reading

Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaa Keeysatti Ergamtoonni OPDOdhaa Manneen Barnootaa Irra Deemuun Ummata Afaan Fajjeessaa Jiru.

Aside

Waxabajjii 11,2017 /Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaa Keeysatti Ergamtoonni OPDOdhaa Dilbataa har’aan tana Manneen barnootaa araddaa hunda keeysa jiranitti barattoota walitti qabdee Qubeen jijjirame jedhanii miidiyaalee hawaasaatiin dubbatan waan hin jirre barnoota keeysan malee oduu biyya keeysaa fi alaa hafarfamtutti gurra keeysan hin kenninaa kana kan gochuutti jiru qaamolee nageenya biyyattii hin barbaannedhaa jechuun kijibaatti oolanii jiru. Continue reading

Ajaja TPLFn Gareen OPDO Godina Baalee Aanaa Gaasaraa fi Aanaa Dalloo Keessaa Abbootii Qabeenyaa Irraa Lafa Saamaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Waxabajjii 11,2017/ Godina Baalee Aanaa Gaasaraa fi Aanaa Dalloo mannaatti OPDOn Abbootii Qabeenyaa Dhalootan Oromoo ta’an Lafa investmentii jettee duraan kadhattee kenniteef Irraa Lafa isaanii saamaa jiraachuun dhagayamee jira.akka gabaasni achii arganne addeessutti Abbootiin qabeenyaa kunniin miseensita Adda Bilisummaa Oromoo ABOti jechuun qabeenya isaanii irraa saamaa jiraachuu fi qabeenya isaanii qisaasessuuf akka ta’es dhagayamee jira

Marii maqaa Egzibiishinii fi maqaa badhaasa gootota misoomaa badhaasna jedhuun magaalaa Naqamtee keessatti taasifamaa ture irratti hookarsii fi diddaan gootowwan Qeerroo magaalaa Naqamteen dhalachuun himame.

Aside

Waxabajjii 11,2017/ Marii maqaa Egzibiishinii fi maqaa badhaasa gootota misoomaa badhaasna jedhuun magaalaa Naqamtee keessatti taasifamaa ture irratti hookarsii fi diddaan gootowwan Qeerroo magaalaa Naqamteen dhalachuun himame.
Mootummaan goolessituu Wayyaanee godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee keessatti maqaa badhaasa goototota misoomaa badhaasna jedhuun erga guyyaa gaafa jimaataa irraa kaasuun uummata magaalattii walitti qabuun uummata nagaa dhorkuu ittuma fuftee jirti. Sirni wayyaanee kan hundeen isaa holola kijibaa fi hannaan kan gad dhaabbate guyyaa har’aas godina wallagga bahaa magaalaa Naqamtee staadeemii magaalaa Naqamtee keessatti uummata nagaa walitti qabuun holola misoomaatiin uummata leeqaa afanffajjeessaa oole jira.Sobni yoomiyyuu sobuma.

Murni atakkaaroon kijibaan biyya bulchaa jiru Haayile Maariyaam Dassaaleeny fi Gootowwan Qeerroon magaalaa Naqamtees diddaa sirna Wayyaaneef qaban irraa kan ka’an guutummaa uummata walitti qabamanii jiran gidduutti wallee warraaksaa jalqabuun addaan fashaleessanii jiru.Kanumaan wal qabatees dargaggoonni 4 reebicha waraanni sirna wayyaanee irratti raawwataniin miidhamanii jiru.Dargaggoota kanneen ammaaf maqaaf suuraan nun geenye.Akkuma arganneen isin beeksisna.