Waxabajjii 16,2017/ Kutaa Finfiinnee Mara keessaatti mootummaan Wayyaanee maqaa baay’ina uummata jechuun uummata manarra deemuun maqaa hanga akakaayyuu galmeessaa jirti.Eenyu akka naannoo kam jiraatuu namni kam akka jiraatuu adda baafachuuf sodaan waan muddamteef rifaatuu guddaa keessa seenaa jirti.
Haala kanaan bakka hedduutti ummanni hulaa banuufii didee nurraa deema jechuun of irraa deebisaa kan ammoo maal lakkooftu kan mana hidhaatti ajjeeftanii,kan biyya baaftanii fixxaniittu isuma waggaa duraa lakkooftan lamatti hiraa1/2 jedha gabaasaa fixxaniin jirtu hoo jechuun ergamtoota diinaa saree roobaa gochaa jiraachuu Qeerroon beeksise. Continue reading

SBO/VOL – Waxabajjii 14,2017) Ummatni Oromoo miidiyaa dhimma isaa irratti xiyyeeffatu akka hin qabaatne taasifamuu irraa baroota dheeraaf dhimma isaa irratti alagaa taasifamee turfame. Miidiyaa ofii dhabuun Oromoon eenyummaa isaa fi walii isaas akka hin beekne taasisuuf gargaare. Haala keessa jiru, haala naannoo fi addunyaa irratti odeessa haqaa fi qabatamaa akka hin arganne taasisuun odeessa irraa fageesse.