ONN waxabajjii 17_2017 QOPHII ADDAA _ Dhimma Oromia irraattii
Aside
Yuniversitiilee Keessatti Dararaan Barattoota Oromoo Irra Gahu Hammaataa Jira.
Aside
Waxabajjii 19,2017/ Bara kana ji’oota jaha dura, Mooraa Wallo Yuunibarsiitii keessatti sababa Oromummaa isaanii qofaaf ilmaan habashaa keessattuu TPLF barattoota Oromoo irratti lola hamaa banuu isaanii gabaasaalee keenya ji’oota muraasaan ibsaa turre.
Akka gabaasi Qeerroo Bilisummaa Oromoo dhaqqabe ibsutti tibba sana barattoota Oromoo shantamaa ol mana hidhaa tursuun dararaa hamaan irra dhaqaabe. Kana cinatti gaafuma sana barataa, Nagarii Gaaromaa dhalootaan Horro Guduruu Wallaggaa kan ta’e barattoota cinaa butamee reebicha hamaa bakka namni hinarginetti erga irra geessisanii booda du’e jedhanii mooraa keessatti halkan konkolaataa waraanaan deebisanii gatanii sana irratti deebisaniis sobee ciisa jechuun akka fayye hubatuun lola biraa irratti banuuf gaafa yaalaan manni yaalaa magaalichaa harkatti busheessee jedhu.
Haalli fayyaa Nagarii Gaaromaa gaafa akka malee ulfaataa deemu, gara manasaatti galee akka yaalamu ta’ee jedhu barattoonni bilbilaan nuuf himan. Akkuma kana guyyuma sana waldhabdee uumamte sababeeffachuun barattuu Raahel Daggafuu barattuu Biology irraa barana eebbifamuuf Continue reading
Godina Arsii Aanaa Jaajjuu Keessatti Qeerroon Bilisummaa Aanichaa Kijiba Wayyaanee Dura Dhaabbatan.
Aside
Waxabajjii 18,2017/ Godina Arsii Aanaa Jajuutti Qeerron Bilisummaa Oromoo Aanaa Jajuu Kijiba Wayyaanetiif gurra hin kenninu qabsoo finiinsuuf malee qabsoo qancarsuuf hin gurmoofne hanga wayyaanen biyya teenna gadhiiftee yaatuu qabsoo eegallee kumaatamni itti dhumee itti hidhamaa jirurraa duubatti hin deebinu jechaa jiru. Continue reading
ONN-Oduu
Aside
Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa kojowaa ganda Arusee Daarsaa Keessaa Ummanni hanqina bishaanii dararamaa jira.
Aside
Waxabajjii 18,2017/Godina Gujii Lixaa Aanaa Birbirsa kojowaa ganda Arusee Daarsaa keessatti ummanni.bishaan dhugaatii dhabee dararamaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan.akka gabaasni achii arganne addeessutti Aanichatti Ummanni gandoota heddu keessaa bishaan qulqulluu dhabee dhibee adda addaatif saaxilamaa jira.haata’uu ergamtoonni wayyaanee OPDOn Kaabinoota ufii ummatatti gadi yaaftee ummatarraa maqaa bishaan isinii baafna jedhuun maallaqa saamaa fi saamsisaa jiraachuus maddeen keenya itti dabaluun addeessanii jiru. Continue reading
TPLF Harargee Bahaa Magaalaa Haromaayaa Keessatti Jala Deemtota Leenjifatte.
Aside
Waxabajjii 18,2017/Harargee Bahaa Magaalaa Haromaayaa keessatti Milishoonni Wayyaanen leenjifte eebbifamuun hojirratti bobba’uun guyyaa kaleeysaa uffanni seeraa waajjira nageenyaa aanichaatiin bitamee hiramuu fi waraqaan ragaa adda addaatiis kennameefii jiraachuun dhagayamee jira Continue reading
Barsiisota Godina Harargee Lixaa Aanaa Masalaa Magaalaa Masalaa Lafa Isinii Kennina Jechuun Ummata Naannichaa Garii Buqisaa Jiru.
Aside
Waxabajjii 18,2017/Dilbata Godina Harargee Lixaa Aanaa Masalaa Magaalaa Masalaa keeysatti Wayyaaneen Barsiiftotaf lafa kennineerra ummanni hunduu waldaan wal ijaaree faaydaa mootummaarraa arkachuu qabu hundaawuu arkachuu dandaha kanaaf jiraattonni aanichaa hundinuu ijaaramuudha qabdu jechaa jiru. Continue reading
SBO: Waxabajjii 18 bara 2017. Oduu fi Gaaffii fi Deebii Artiist Abbabaa Dhugaasaa Waliin taasifame -kutaa 1ffaa.
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 16, 2017
Aside