Dhibbaa Chaartera keessaa ABO dhiibee baase
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Qalbeessaa Dhangi’aatiin(Ibsa ABO, Caamsaa 30, 2021)
ABO yeroo dheeraaf humni hidhate biyya alaa kan Eritiraa dhimma Itophiyaa keessa seennuun nageenya biyyaa fi naannoo gaanfa Afrikaa walxaxaa akka taasisu ibsaa ture. Qooda fudhannaan loltoota Eritiraa ol’aantummaa biyyaa (sovereignty) cabsuu qofa utuu hin taane amallii fi gochaan loltootni kuni Ummata siviliirratti raawwachaa jiran badii daangaa hin qabnee fi dhiitta mirga namaa hamaa fidaa jira. Gochaa suukkanneessan ummata Tigirayi irratti raawwatamee fi Ummata Adunyaatiin Mirkanaawe amma biyya Oromiyaa keessatti bal’inaan mul’achaa jira.
Akkuma waliigaltee dhoksaa Gartuun Itophiyaa bulchina jedhanii fi mootummaa Eritiraa gidduutti ta’etti humni Eritiraa kan hidhate biyya Oromiyaa fi naannoo Benishangul-Gumuzitti bobba’ee gochaa suukkanneessaa kaaba Itophiyaatti raawwatame naannoo kanattis dabalaa jira. Ragaa qabatamaan jiru Baatii Ebla 2021 keessa Kutaan Waraana Eritiraa (Battalions) gara Zoonilee Oromiyaa- Horroo Guduruu, Qeellam Wallaggaa,Dhiha Wallaggaa, Gujii, Booranaa fi naannoo Matakkal (Benishangul-Gumuz) bobbaauudhan Ummata Sivilii reebuu, ajjeessuu, meeshaa saamuu, dubartii fi ijoollee gudeeduu fi juumlaan nama hidhuu isaanii ti. Continue reading
Murtii Konfransii Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa
Dubartootni Oromoo lafee fi Dugda Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Riqicha qabsoo Bilisummaati.
Konfaransiin dubartoota Oromoo idil addunyaa kan Damee Dubartootaa fi Daa’immaan (DDD) ABOn qaphawe karaa ZOOM Waxabajjii, 22/2021 bifa bareedadhan geggeefamee jira. Walgahii kanarratti dubartoonni Oromiyaa keessaa fi biyyoota addunyaa mara irraa walitti dhufun haala yaroo amma biyyaa Ityophiyaa keessatti deemaa jiru irratti marii bal’aa geggafannee jirra.
Sagantaa kanarratti Hoggannonni ABO gadaa darbee fi hoggannonni hujii adda addaa geggeessa jiran irratti argamun, ibsa gabaabaa haalaa yaoo irratti kennani jiru. Addatti qooda shamarraan Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gaafaa qabsoon hidhannoo jalqabdu irraa kaasee hangaa har’atti dubartoota kaasun qabsoo hadhawaa diina walin godha waregamaani fi jiran kaasun mirgoota cululuqaa isaan kenna turan walgahichaaf ibsaani jiru. Waluma galatti qabsoo Oromoo asiin gahu keessatti qooda dubartootni karaa siyaasaa, diinagdee, waranaa, hawasummaa, Qeerroo fi jaarmayaa keessatti if qusannoo fi gantummaa male wareega kafala turan fi jiran dinqisifachuun, gara fuula duuratti waaroo gabrummaa ummataa keenya irraa kaafne nagayaa fi tasgabbii Oromiyaa keessatti fiduuf kana caalaa dubartootni ijarmuun murteessaa tahu erani jiru. Continue reading
ageenyi waaraan Lammiilee Oromiyaaf akka jiraatu darbees Impaayera biyyittiif akka dhugoomu yoo barbaadame MCBNO kan Lammiileen Oromiyaa keessatti qooda fudhatan ijaaramuutu kara filannoo Biyyoolessaatti nu geessa malee haala ammaan tana biyya keenya keessatti tahaa jiruun filannoo gaggeeffamu akka fudhatama hin qabaanne Lammiilee Oromiyaa irra darbee biyyootni Addunyaa Amerikaa fi Gamtaa Awurooppaa dabalatee akka filannoon Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu ulaagaa filannoo hin guutne himuun beekamtii dhowwatanii jiru.
ABO, Caamsaa 3, 2021)
keessaa buufataalee poolisii 21 irratti qorannoo taasiseen haala qabinsaafi hidhamuu hidhamtootaa kan ibse Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa, sarbamni mirga dhala namaa Lammiilee Oromiyaa irratti raawwataa akka jiru ifoomseera.Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa haala Hayyu Dureen ABO itti jiran ilaaluuf

dhorkaman.[SQ Caamsaa 5/2021]Caamsaa 3/2021 halkan walakkaa qaamonni nageenyaa PP mooraa mana jireenyaa Hayyu Duree ABO Jaal Daawud Ibsaa seeraan ala cabsanii erga seenanii haga ammaatti mooraa marsanii kaan mooraa keessa jiru. Qabeenyi saamamee namoonni mooraa sana jiraatanis reebamaniiru. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gara mana jireenyaa Hayyu Duree deemuudhaan haala Jaal Daawud Ibsaa itti jiran hubachuu deemanii isaanis waraana PP balbalarra jiraniin dhorkamani. Mooraa mana jireenyaa Hayyu Duree haga ammaatti eenyuyyu seenuu hin dandeenye. Haalli isaan keessa jiran kan ibsu odeessi argame hin jiru.

Ibsa Gaddaa Jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa

[SQ Eebla 13/2021]Balaa konkolaataatiin boqochuu dargaggoo Taakkalee Fiqaaduu wayita dhageenye gadda guddaatu nutti dhaga’ame. Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee keessatti qooda ogummaafi kan isarraa eegamu ba’achaa turuusaatiin Taakkalee Fiqaaduu oolmaa guddaa oolee Qabsoo Bilisummaa Oromoo saffisiisuu keessattis qooda guddaa gumaacheera. Taakkaleen magaalaa Naqamtee keessatti mana hojii ogummaa isaa ‘Take Techno Centre’ jedhamu kan qabu yommuu ta’u, dandeettiifi ogummaa isaan kan wal qabatuun sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo utubaa tureera. Addatti ammoo raadi
yoon Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroosaa eeggatee akka tamsa’u taasisaa turuu keessatti qooda olaanaa gumaacheera. Bara 2017-2018 gidduutti sababa mormii uummanni mootummaa irratti taasisuuf yeroo Oromiyaa keessaa mootummaan odeeffannoon akka hin daddabarre taasisuuf tajaajila interneetii bilbilaa kutaa turetti Taakkaleen mana interneetii (WIFI) waan qabuuf odeeffannoolee sochii uummataafi Qeerroo Bilisummaa Oromoo dabarsuu keessatti deeggarsa guddaa taasisuudhaan dirqamasaa ba’ataa tureera.

Miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo diinaaf akka hin saaxilamne tumsuu, rakkooleen adda addaa yeroo mudatan sabboontonni Qabsoo Bilisummaa Oromoof hojjetan kiyyoo diinaa akka hin seenne taasisuudhaan gumaacha irraa eegamu taasiseera. Wantoota icciitii dhaabaa ta’an: faayiloota adda addaa, viidiyoolee, ragaalee sagalee, suuraalee sochii qabsoof dhimma itti ba’amu, dokimentiiwwan adda addaa isa biratti akka walitti qabamuufi icciitii sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo tiksuudhaan qooda olaanaa seenaan hin daganne raawwataa tureera. Dabalataanis, Taakkaleen magaalaa Naqamtee keessatti nama naamusa gaarii qabu, nama hojii isaatti cimaafi tattaafataa, hawaasa hunda biraa jaalala qabaachuudhaan fakkeenya kan ta’udha. Dargaggoon Oromoof oolmaa guddaa oole kun balaa konkolaataatiin lubbuunsaa darbuun uummata Oromoof gadda guddaadha. Addatti ammo Qeerroo Bilisummaa Oromoof gadda ulfaataadha. Taakkalee Fiqaaduu Eebla 12/2021 utuu magaalaa Naqamteerraa gara Finfinnee deemaa jiruu Lixa Shaggar magaalaa Baabbichiitti balaa konkolaataa mudateen lubbuunsaa darbe. Akka odeeffannoo qabnutti isa waliin lubbuun namoota 7 ta’an balaa kanaan darbeera.Uummata Oromoo bal’aa, Qeerroo Bilisummaa Oromoo, maatiifi hiriyyoota Taakkalee Fiqaaduuf jajjabina hawwaa, lubbuunsaa jannataan haa qananiitu; boollasaa daadhiin haa guutu jenna!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Eebla 13/2021Finfinnee