Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ)Amajjii 22, 2016

Aside

Hararge Baha,Aanaa Jaarsoo Magaalaa Annannoo Mixxee Keessatti FXG Haala Jabaa Ta’een Deemsifamaa Jira.

Aside

FXG Magaalaa Naqamtee Keessatti Walitti Fufiinsaan Itti Fufe

Aside

Amajji 22,2016
Barattotni magaalaa Naqaamteef jiraattonni magaalatti gabrummaa of irraa fonqolchuuf wayiita carraqanitti dhamsuuf humna waraanaa
dabalataa ramadatanis qabanneessu hin dandeenye itti akka jabaatu gochaa jiraachuu warraaqsa finiina jirutu ifomsa Har’as baratootni Calalaqii,Ask,Jiituu,Qasso,Q/Naqamtee FXG haalaangaggeessaa turan.

Humni diina Uummata Oromoo hidhuuf ajjeesuun araada itti ta’e nu hidhuuf giddirsu itti fufe ta’us nuti dhaloonni qubee haaraan kan garbummaa abbota keenyarraa dhaalle gabrummaan jiraachuu hin feenu. Duunuyyuu lafee keenyaan gabrummatti nii danqarra,dhiigi keenya lola’us akka lolaa gannaa haxaa’ee tplf nii kaasaa Shibbiruu Eebbumaa dhalataa B/W/Waamaa Hagaloo Ganda Baataa jedhamtu keessatti dhalatee guddate.
Shibiruun nama eenyummaasaaf bakka guddaa kennu ture.ta’us adamoo jabaa booda qarriffaa diinaa gale.kana duras dararamaaf dorsisa cimaan irra tureera.yakka tokko malee qabanii mana hidhaa galchan

Baha Wallagga Waamaa Hagaloorraa Barattoonni Qopha’ina 22 Loltoota Wayyaneen Qabamuun idhaman

Aside

Amajji 22,2016
FXG wayita finiinaa jirutti humni gabroonfata namoota hidhuuf gidirsu akka furmaataatti fudhatee kan hojechaa jiru yoo ta’u.humna Uummata
kan (sagalee uummataa) ukkamsuun aburraa dachee itti caale jiraachu enyufuu ifaadha Haalamu kanaan B/W/Waamaa Hagaloorra duula ilmaan Oromoorratti fudhachaa jiruun kaan qee’e gaddhiisise kaansaani hidhaa jiraachuu oduun achii ifomsa Namotni(barattoonni) hanga ammatti bakki buuteensaani dhabame kan dhibbaan lakka’aman yoo ta’u barattonni Qophaa’ina Moxe ta’ani mana hidhaa Jaatoo Naqamtee keessa jiran qofti 22 akka ta’an kanneen argan nii dubbatu.Ta’us hanga ammatti gaaffiin uummatarraa ka’a jiru “barattoota keenya nu fidaa”jechuun Tarsiimoosaanii kanneen akka Leenjii,Walga’i,Hojii,Misoomaa,Suluula soquu,Kiffilti Gibiraa,Buusii Hidha Abbay fi kanne kkf hunda guutummaatti lagate.bbb nis haalaan hojirra ooluun warraqsi finiinfame

” Hin Hafu Nin Dhufa” Wallee Warraaqsaa Sabboonaa Artist Joorj Abbuush

Aside

Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Amajjii 21,2016

Lafa, qabeenyaa lafa jalaa jiru fi qilleensa Oromiyaa guutummaatti to’annoo ummata Oromoo jala galchuu qofatu gaaffii ummata Oromoo deebisa.

Habashooti,afaan qawweetiiin itti duulanii, Oromoo lafa isaa irraa buqqisuun walii fi firoottanii isaaniitii eerga qoodanii booda ummata Oromoo hiyyummaa fi wal’aalummaa keessatti  darbanii hojiisifachuun lafa fi  dafqa isaatiin duuroomuu  kan eegalan jaarraa 14ffaa irraa yoo ta’e illee, kan ummata Oromoo miliyoonatti herregamu dachii/lafa isaa irraa buqqisee roobaa fi qabbana keessatti facaasuun kadhattuu fi waaridiyaa qeyee habashootaa taasisee jiruu, akkasumas ammo, jireenya maatiilee Oromoo fi ilmaan isaa  dhabamsiise mootummaa  Ixoophiyaa/wayyaanee ammaan tana Oromiyaa gabroomfatee jiruu dha.

Mootummaan Ixoophiyaa/Wayyaanee, ammaan tana Oromiyaa gabroomfatee jiru kun, “Tigraay akka mishoomtuuf, Oromoo fi Oromiyaan hiyyoomuu qabdi” imaammata jedhuun, lafa Oromoo saaamuu fi maqaa Investment’n saamsiisuu hojii duraa godhatee gannoota 25 darbaniif irratti hojjechaa jira.Qotee bulaa Oromoo kumoota hedduu irraa buqqisuun mootummaan:Miniliki, Haayilesillaasee fi Dargii magaalaa Finfinnee kan ijaaranii fi babal’isan oggaa ta’u, mootummaan Ixoophiyaa/Wayyaanee ammaan tana Oromiyaa gabroomfatee jirus, kan abbootiin isaa armana dura hojjetan daranuu itti fufuun, qotee bulaa Oromoo miliyoona hedduu dachii/lafa inni irraa: nyaatu, dhugu, daara bahu, wal’aanamu, ilmaan barsiifatu, irratti horii horsiifatuu, mana ijaarratu  fi  wal horu, akkasumas, yeroo du’u irratti awwaalamu fi madda jiruu fi jireenya isaa ta’e irraa buqqisee biyya abbaa isaa irratti : hiyyummaa, beela, daara, dhukkuba, akkasumas, jireenya salphinaa akka jiraatu taasifameera. Kana malees, mootummaan kun, dachii /lafa Oromoo kukutee qooduun fira ittiin bitatuu fi Oromoo irratti diina heddumessuuf shirri inni hojjetuuf tattaafate seenaa gabrummaa kamuu keessatti kan argamee fi dhagahamee hin beeknee dha. Walumaagalatti, akeeki mootummaa wayyaanee, tigroota dureessaa fi ummata Oromoo hiyyeessa manaa fi oobruu tigrootaa keessaa hojjetu uumuudhaan ummatni Oromoo kabajaa fi boonee jiraachuu bare irkattuu tigrootaa akka ta’u godhuu dha. Dachii fi Daangaa Oromiyaa Irraatti Labsa Qeerroo Bilisummaa Amajjii 21 2016

Amajjii 21/2016 Warraaqsii Dargaggoota Oromoo Hojii Dhuunfaa fi Dafqaan Bultootaan Magaalaa Finfinnee keessatti Waraana Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo ajjeesaa turee, Ayyaanaa Cuuphaa irratti hiriiree uummata gooluuf dhaabbatu FXG’n dura dhaabbachuu ee

Aside

Amajjii 21,2016 Warraaqsii FXGn Dargaggoota Hojii Dhuunfaa fi Dafqaan Bultootaa Oromoon Magaalaa Finfinnee keessatti Ayyaana Cuphaa irratti Waraana Wayyaanee Oromiyaa keessatti Yakka Waraanaa Rawwachaa jiruu dura dhaabbachuun eegalame daran Jabaachuun itti fufe!, Uummata Ayyaana Cuuphaa Ayyaaneffachuuf baee Poolisootni Wayyaanee Dargaggoota Oromoo irratti Kutaa magaalaa Finfinnee Yakkaa Daandii gara Laga Xaafootti geessuu bakka Karraa jedhamutti dhukaasa baneen Magaalaan Finfinnee sochii dargaggoota Oromoon raafama keessa seente Walitti buinsi guddaan Poolisoota dhalootaan Oromoo taanii fi Tigirootaa gidduutti dhalateen Ayyaanni cuuphaa gara Fincilaatti jijjiraame, Poolisootni dhalootaan Oromoo taaan ilmaan Oromoo hanga qabeenyaa fi namarraan midhaa gahaa hin jirreetti Sagalee diddaa waan Dhageesisaaniif reebuu fi irratti dhukaasuu hin qabnu jechuun waan didaniif poolisoota gidduutti walitti buinsii uumamuun bakkuma Ayyaanaa Cuuphaa kanatti Utuu uummatni ilaaluu Poolisiin Tigiree tokkoo fi Poolisiin dhalootaan Oromoo tokko wal qabachuun wal reebuun, uummatni fi Daraggaggootni gara Poolisii Oromoo goruun Poolisii Tigiree reebuun akka achii ariian madden ijaan arganitu nuuf gabaase. Goototni Dargaggootni Oromoo Wallee Warraaqsaan Haalaan ABO,Oromiyaa fi Goototota dargaggoota Oromoo barakana Warraaqsarratti wareegaman faarsuun hin hafuu gumaan barattootaa keenyaa Beenyaa yabeenyaa hin haftu gumaan barattoota keenyaa, Sifaan Lolaa ABO narra hin gortuu, dargaggoon Oromoo kaatee bosona hin galtuu fi dhaadannoo Oromiyaa, Bilisummaa, Walabummaa , abbaa biyyummaa barbaadna jedhuu sagalee guddaan dhageesisan, Sochii kana dhaabsisuuf poolisiin Federaalaa Finfinnee yaalii guddaa wayita gochaa jiruutti walitti buinsii uumamee Dargaggootni oromoo hedduun poolisootaan reebamuun namootni 15 ukkanfamuun kan qabamanii hidhaman yoo tauu, dargaggootni Oromoos boodarra tarkaanfii of irraa Ittisuu fudhachuun poolisoota hedduu dhagaan tumuun konkolaataa poolisotaa lama dhagaan hojiin ala gochuun warraaqqasii jabaachuun itti fufaa jira, gabaasaan itti fufa.

Wallagga Bahaa Magaalaan Naqamtee Keessatti FXG Daran Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Amajji 22,2016
Guyyaa Kaleessa Magaalaan Naqamte FXG daran finiinsaa turan humna Wayyaanee  Agaazii sodaa tokko malee dhagaan ari’aa turan.dhaadannowwan
*Oromoon Hoolaa Malee lafa hin gurguru
*kallachi keenyaaf gaachanni keenya WBOn haa jiraatu,galtuun tplf haa godaantu
*Finfinneen,Buraayyuun,Sabataan,Galaan keenya
*master plan didneerra ….
Jedhchuun magaalaa keessa dhageessisa turan Humnoonni tika gaazii imimmaneessa darbachuu midhaa irraan ga’uuf
yaalu gurmuu uummataa diigu hin dandeenye.

.

Har’a Amajjii 22,2015 Gootonni Barattooti Oromoo Godina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Jaarsoo Keessaatti Haala Qindaawaan FXG Itti Fufanii Jiru.

Aside

Jaarsoo

Guyyaa Har’aa  Amajjii 22, 2016  Godina Wallaggaa lixaa magaalaa Jaarsoottii FXG marsaa 3fffaan haala nama aja’ibuun dhowee jira….
Bartoonnii sadarka 2ffaa fi qopha’inaa Jaarsoo Qormataa hin fudhanuu jechuun guyyaa qormataa gara guyyaa Mormitii deebi’ee qormanis osoo hin fudhatamiin hafee jira Barnonnii Bilisummaa Booda jechun mormii jabaa irra jiru!  12597018_567566113395308_134723715_o 12625650_567564910062095_1453683320_n 12630720_567565610062025_460175274_o

Ayyaanni Cuuphaa Magaala Finfinnee Keessatti Gara FXGtti Jijjiramee Oole,Gootonni Qeerroon ABO Faarsuun Diddaa Isaanii Dhageessifataa Turan.

Video

Ayyaanni Cuuphaa Magaala Finfinnee Keessatti Gara FXGtti Jijjiramee Oole Amajii 20,2016 guyyaa ayyaana Cuuphaa jedhamee biyyattiitti kabajamee jira.  Ayyaanni oromiyaa guutuu keessatti  gara Fincilaatti jijjiiramuudhaan FXG gaggeeffamaa oolee jira. Addatti
1.    Magaala Finfinnee kutaalee garagaraa keessatti uummanni haala mijawaa argatuun dhaadannoo isaa dhageesisaa oole. Uummanni lafa jiruu
ayyana sababeessuun wal argee oole WBO fi ABO faarsaa oolee jira. waraabbiin asirratti argamu kan kutaa magaala Finfinnee keessaa Saarisitti daandii gubbaatti bahuun ija diinaa dura dhaabbachuudhaan dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru. Bakka  hedduutti uummanni Oromoo ayyaana kana irratti argame ayyaanicha guutummaan guututti gara FXGtti jijjiiree oolee jira.
2.    Naannolee godina addaa Oromiyaa keessatti ilmaan tigrootaa Oromoo irratti dhaadatan kannen mootummaa isaanii deggeran irratti uummanni
tarkaanfii garagaraa adeemsisuudhaan adabee jira.  Ayyaana kana irratti magaalota naannowaa oromiyaa keessaa baasuun ilmaan tigree bakka oolmaa dhabsiisanii jiru.  Uummanni tarkaanfii wal fakkaataas adeemsisee jira.
3.    Godinaalee oromiyaa garagaraa keessatti ayyaana kanaan wal qabsiisuun FXG asdeemsifamee jiruun dargaggoonni hedduun qabamuun
dhagayamee jira. shawaa lixaa kanneen akka Amboo irratti dargaggoonni bahanii akka ayyaana kana irratti hin hirmaanne humna waraana
Wayyaanetiin dhorkamanii jiru. Magaalotaa kanneen biroo keessatti humna waraana wayyaanee ariyuudhaan ayyaanicha gara fincilaatti
naanneessuun uummanni FXG itti fufee ooleera. Qonnaan bulaa fi dargaggoota hedduu irratti hidhaan adeemsifamee jabaatee itti fufee ooleera.