Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

cropped-qeerroo-edit.jpg

Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

Amajjii 21,2016

Lafa, qabeenyaa lafa jalaa jiru fi qilleensa Oromiyaa guutummaatti to’annoo ummata Oromoo jala galchuu qofatu gaaffii ummata Oromoo deebisa.

Habashooti,afaan qawweetiiin itti duulanii, Oromoo lafa isaa irraa buqqisuun walii fi firoottanii isaaniitii eerga qoodanii booda ummata Oromoo hiyyummaa fi wal’aalummaa keessatti  darbanii hojiisifachuun lafa fi  dafqa isaatiin duuroomuu  kan eegalan jaarraa 14ffaa irraa yoo ta’e illee, kan ummata Oromoo miliyoonatti herregamu dachii/lafa isaa irraa buqqisee roobaa fi qabbana keessatti facaasuun kadhattuu fi waaridiyaa qeyee habashootaa taasisee jiruu, akkasumas ammo, jireenya maatiilee Oromoo fi ilmaan isaa  dhabamsiise mootummaa  Ixoophiyaa/wayyaanee ammaan tana Oromiyaa gabroomfatee jiruu dha.

Mootummaan Ixoophiyaa/Wayyaanee, ammaan tana Oromiyaa gabroomfatee jiru kun, “Tigraay akka mishoomtuuf, Oromoo fi Oromiyaan hiyyoomuu qabdi” imaammata jedhuun, lafa Oromoo saaamuu fi maqaa Investment’n saamsiisuu hojii duraa godhatee gannoota 25 darbaniif irratti hojjechaa jira.Qotee bulaa Oromoo kumoota hedduu irraa buqqisuun mootummaan:Miniliki, Haayilesillaasee fi Dargii magaalaa Finfinnee kan ijaaranii fi babal’isan oggaa ta’u, mootummaan Ixoophiyaa/Wayyaanee ammaan tana Oromiyaa gabroomfatee jirus, kan abbootiin isaa armana dura hojjetan daranuu itti fufuun, qotee bulaa Oromoo miliyoona hedduu dachii/lafa inni irraa: nyaatu, dhugu, daara bahu, wal’aanamu, ilmaan barsiifatu, irratti horii horsiifatuu, mana ijaarratu  fi  wal horu, akkasumas, yeroo du’u irratti awwaalamu fi madda jiruu fi jireenya isaa ta’e irraa buqqisee biyya abbaa isaa irratti : hiyyummaa, beela, daara, dhukkuba, akkasumas, jireenya salphinaa akka jiraatu taasifameera. Kana malees, mootummaan kun, dachii /lafa Oromoo kukutee qooduun fira ittiin bitatuu fi Oromoo irratti diina heddumessuuf shirri inni hojjetuuf tattaafate seenaa gabrummaa kamuu keessatti kan argamee fi dhagahamee hin beeknee dha. Walumaagalatti, akeeki mootummaa wayyaanee, tigroota dureessaa fi ummata Oromoo hiyyeessa manaa fi oobruu tigrootaa keessaa hojjetu uumuudhaan ummatni Oromoo kabajaa fi boonee jiraachuu bare irkattuu tigrootaa akka ta’u godhuu dha. Dachii fi Daangaa Oromiyaa Irraatti Labsa Qeerroo Bilisummaa Amajjii 21 2016

1 thought on “Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

  1. Pingback: Oromia: Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname. | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s