The debate on the situation in Oormia & Ethiopia in the EU parliament and the solution adpted on 21,Jan 2016

Aside

Qeerroon Amboo Akkuma Aadaa Isaaniin Gootummaan Ayyaana Cuuphaa Sababeefachuun FXG Gaggeessuun Loltoota Agaazii Gamtaan Of Irraa Dhorkaa Oolan.

Aside

FXG Gootota Dargaggoota Oromoo Shaashamannee,Amajjii 21,2016

Aside

Godina Addaa Buraayyuu Keessatti Ummanni Daandiitti Bahee Wallee Warraaqsaan ABO fi WBO Faarsaa Oole.

Aside

Amajjii 21,2016 Godina addaa Buraayyutti uummanni daanditti bahuudhaan kaleessa Amajii 20,2015 guyyaa cuuphaatt
– ABOn nu haa bulchu
– Gaachanni keenya WBO dha
– Wayyaanen kanaan booda nun bittu
– Wayaaneef hin jilbeenfannu
– Barri bilisummaa gaheera
– Mirga keenyaaf ni wareegamna
Jechuun humni waraana wayyaanee sodaatee gara dhufetti deebi’ee jira. dhaadannoo kaleessa fi har’a godinaalee addaa oromiyaa, magaala Finfinee fi godinaalee oromiyaa guutummaatti ayyaana kanaan wal qabsiisuudhaan dhageesisaa oolanii jiru. Uummanni oromoo mootummaa Wayyaanee akka hin barbaanne guutummaatti walii galeera.
Shawaa kaabatti salaaletti dandiwwan cufamanii turan. Wayyaanee daaraa irraa dhoofnee, wayyaanee nama goone, wayyaanee beela baasne har’a
ijoollee keenya fixxe yaa wayyaanee yaa kadhattu maaliif biyya keetti hin galtuu? Jechuun sirbootni fi dhaadannoon garagaraa har’a guyyaa
guutuu dhageesifamaa oole.
Naannowwan garagaraatti dargaggootni hedduunis qabamanii jiru. Sirni ayyaana cuuphaas waraana wayyaaneetiin ugguramee jira.
FXG oromiyaa keeysatti itti fufetu jira.

Sirna Ayyaanaa Cuphaatiin Walqabatee FXG Godhameen Poolisiin Federalaa Ummataa Nagaa Irrattii Tarkanfii Fudhatera,Barattooti Oromoo University Wallaggaa 11 Gara Malee Reebamanii Hosptala Naqamtee Seenan.

Aside

FXG Naqamte

Amajjii 21,2016 Sirna Ayyaanaa cuphaatiin walqabatee Mormii cimaa godhamee poolisiin federalaa Ummataa nagaa irrattii tarkanfii fudhatera. Dhukkasaa fi gaziin nama boochisu illee ummaata kara nagaan sirna amantaa isaa hordofaa jiru irrattii fudhatameera. Itti dabalees, Guyyaa Gaafa 21 /01/2016
Mormii cimaan magalaa naqamtee fi barattoota Yuunbersitii Wallaggaa  Keessaattii fininuu eegale jira. Baratoota wallaggaa university nagaan mormii dhageessisuuf bahan irratti  humnoota waranaa mootummaa  baratootni 11 irratti miidhaa hamaa geessisuun yeroo ammaa kana hospitaala naqamtee keessaatti argamu. 12571247_809338852545393_1969020113_n
1. Dhaabasaa Fufa(5th yr civil eng)
2. Miressa shifeeraa Da’oo (pre engineering)
3. Saaron Bayisaa
4. Tolasaa Lataa Desisaa
5. Tamanee Tarekegn
6. Caanaa Odaa Burkuu -5th yr civil engineer12583987_809338579212087_1024700929_n
7. Yasin Malik
8. Bontu Fikadu Tulluu
9. Waktolee Beyenaa
10. Gashuu Gebeyo
11. Habtamuu Belay

Baratootni heddunis osoo yaalii hin argatiin kallattin gara mana hidhatti fudhatamaniru.

“Siifan Lolaa Oromoo Narra Hin Gortuu” Qeerroo Naqamtee Amajjii 21,2016

Aside

“ABO Nuufa Wayyaa Nuufoo”Amajjii 21,2016 Ayyaana Ximqataa Finfinnee

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 20,2016 / Qophii Addaa:- Oromoon Xoobiyaa Jalatti Lammummaa Argatee Hin Beeku!

Aside

Qophii Addaa:- Oromoon Xoobiyaa Jalatti Lammummaa Argatee Hin Beeku!

Ammajjii 20/2016 Magaalaa Finfinnee Keessatti Ayyaana Cuuphaa Sababeeffachuun Daragaggootni Oromoo Wallee Wallee Warraaqsaa fi Dhaadannoo FXG dhageesisan, Waraanni Wayyaanee Ayyaana Cuuphaa fi Dargaggoota Oromoo Shororkeessa oole!!‏

Aside

W0AAAnjgAmajjii 20,2016 Guyyaa Hardhaa Magaalaa Finfinnee keessatti Goototni Daragaggootni Oromoo Hojii Humnaa Hojjechuun of jiraachisan Ayyaanaa Cuuphaa sababeeffachuun walitti dhufuun Dhaadannoo fi Wallee Warraaqsaa Dhageesisuun Mootummaa Wayyaanee EPRDF Balaaleeffachuun ABO Faarsaan , Ayyaanni Cuuphaa kunis Sababaa Mootummaan Wayyaanee Humna waraanaa Guddaa irratti bobbaaseen uummatni Keessattuu Hordoftootni amantaa Kiristaana Ortoodoksii , nagaan ayyaaneeffachuu akka hindandeenyee fi Uummatni Waraanaan sodaachifamee Humna waraana mootummaa Wayyaanee EPRDF’n Shoroorkeessa guddaa ummatarraan ga’uun ibsame jira.

Goototni Dargaggoonni Oromoo Magaalaa Finfinnee keessatti argaman walitti dhufuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa , mirga dimookiraasii fi kabajamuu mirgoota amantaa hundaa fi bilisummaa uummataa Oromoof jechaa karaa nagaa utuu mormanii wareegamaan gadda
guddaan ni yaadanna. Warraaqsaa FXG jabeessinee itti fufna jechuun Sagalee dhaadannoo fi wallee warraaqsaa dhageesisuun mormii qaban
ibsatan. Wallee Warraaqsaan Nuf jiraadhu ABO koo yaabbaa biyyaa utuun ilaaluu Oromiyaa biyyaa koo hin kennuu kanaafan iyyaa, Korma Guduruu Oromoon ABO’n gootumaa duruu , ABOn biyyaa hin gurguruu jechuun wallee warraaqsaa fi dhaadannoo ilmaan Oromoo hidhaman haa hiikaman, ilmaan Oromoo ajjeefamaniin mootummaan itti haa gafatamu jedhuun dhaadannoo Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee jiran keessatti dhageesisan. Addatti Kutaa Magaalaa finfinnee Yakka jedhamuu Daandii gara Magaalaa Laga Xaafoo Laga daadhii itti baasuu bakka Karraa jedhamutti Dargaggoota Oromoo fi humna waraanaa wayyaanee poolisii federaalaa gidduutti walitti bu’insa uumameen dargaggootni hedduun Poolisii Federaalaan reebamuun gabaafamera, gabaasa waliigalaa Ayyaanaa Cuphaa fi mormii uummataa isiniif ni dhiyeessina.

Shammarree Oromoo Adde Biraanee Fiqiruu Mul’isaan Mana Hidhaa Wayyaanee Kibba Lixa Shaggar Aanaa Dawwee Keessatti Dararaan Ulfaataa Irra Gahaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Biraanee Fiqruu Mul’isaa jedhamti dhimma mormii MP fi FDG Oromiyaa keessattin deemamaa jiruun walqabatee godina kibba lixa Shaggar aanaa Daawootti mana hidhaa aanichatti dararamaa jirti.Kan hidhamte gaafa guyyaa 27,12,2015ti ture ergasi beellama si’aa 2irratti gaafatan yoo ta’u yeroo lachuu guyyaa 9 sagaal irratti gaafatani turan. Ammas hanga 28/1/2016tti tursisan kan akkas rawwachisa jiru immo bulchinsaa aanaa kan ta’e obboo Fayyisaa Dhaabaa jedhamu, wajjirri poolisii aanaa fi mannii murtii anichaas hojii seeraa dhisaani hojii siyaasa dalagaa jiran.

Adde Biraaneen haadha mucaa tokkoo fi hojii daldalaa irratti bobbaatee hojjetaa kan turte sabboontuu fi gootota Oromoo kan taate ta’uun beekamti.