Waadaan Dargaggootaa Hojii Irra Oolee,Uummanni Oromoo Gibira Mootummaa Wayyaaneef Kafaluu Didee Baadiyyaalee Keessaa Ergamtoota Arihaa Jira.

Aside

Har’a Amajjii 23,2016 Akkuma beekamu ajjeechaa,hidhaafi dararaan hammaatuus qabsoon cichoomina gaafatti jedhu dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni aanaa Amboo wiirtuu waddeessaa. Akkuma beekamu sirna awwaalcha gootaa fi Gara kuteetti Abdaataa Olaansaa irratti wayyaaneen ajjeechaa fi duguuggaa sanyii ilmaan Oromorratti xiyyiffate fiixaan gahachuuf mirgii reefu lafaa baatu qeerroo Leencoo Dinqeessaa. Galafaachuun isaa ni yaadatamaa Sirna awwaalcha leencoo irratti uummanni kumaatamaan lakka’amu bayee waadaa(irbuu) armaan gadii qeerroodhaan seenaanii gargar bahani.Ani gaafan irbuu sana dhagahu ni dhuguuma jedhee hin yaanne irbuu ulfataa ture. IRBICHIS AKKAS TURE

1, Har’abooda ilmaan keenya ajjeesanii reeffa isaanii yeroo fidan callisnee harkaa hin fuunu.

2,Gibira ilmaan keenya ajjeesuuf raasaasni ittiin bitamu bifa kamiinuu hin kaffalla.

3, Qarshii maaqaa dhaaba soba kan aangoo homaa hin qabnee buusii miseensummaa jedhanii nu saaman kamuu hin kaffallu.

4,Kana booda wayyaaneen ganda keenya keessa akka hin gulufneef karaa itti cufnaafi kakulee hedduu walii galanii gargar bahan.

KANA FIXAAN BAASUUF Gandaata kudha arfan wiirtuu waddeessaa jala jiran keessa gandoonni #Qullit,Galaan Waddeessaa fi kaarraa gaafa amajjii 20/2016 gara waajira gandaa deemuu har’aa kaastani gibiras ta’ee galii humna Wayyaanee cimsu kamiyyuu nun gaafatinaa wajira kanas cufaa deemaa jedhanii itti himan jarris akka diduu jennaan manattiin akka lammaffaa hojiif hin oolletti murtii wal fakkaataa gandoota sadanitti fudhatan guyyaa kanas dhadannoo ajaa’ibaa fi sirboota ajaa’iba sirbaa oolan gargar bahani!

Waadaa kana boodaa duubatti hin deebinu jedhus walii galanii gargar bahini.Akkuma amalasaa Wayyaanee sochii kana dhaamsuuf amajjii 22/2016 konkolaataasaa fudhatee itti qajeele;gaafa isaan darban uummanni akkuma nama hin arginee callisee ilaale isaanis gulufanii Ganda kaarraa gahan sana booda uummata walitti waamanii nama ganda kana barbadeesse baasaa, gibara kaffaluu diddanis kaffalAa jedhanii dursisuuf yaalini leenconni Oromoo ganda kanaas isunuu baha ganda kana keessa biyyi abbaa qaba warra hirmii faana haasaa’uu hin dandeenyu nuuf isin hamma guutuun mirga Oromoo kabajamutti walii galuu hin dandeenyu jedhaniin adda irraa bahan.

Sana booda uummanni tokkuma tokkoon gara manaatti qajeelee osoo xiqqoo hin turiin meeshaa manaa qabu fudhatee dacha’e sana booda jarri makiinaa kaafattee baqatti qajeelte uummannis dukaasa irra dhaabe iyyi lafa nyaate jarri kun kolaataa dhaan baqattus uummanni biraa hafuu didee dura goraa jechaa ganda Galan Waddeessaa kaafachuun hanga Ganda Dikiitti ari’e gaafa ganda Dikii gahan magaalaa Amboo irraa humni biraa dabalatee dhufus dhumatti moo’ichi kan uumataa ta’ee naannicha irraa baqatanii bahanii jiru.

“Akkamiin Diina Gombisu” Sabbbontittii Artist Seenaa Solomoon,Wallee Warraaqsaa Video

Aside

እንደ አቶ አባይ ፀሃዬ አባባል በኦሮሚያ ዉስጥ መንግስት ለወሰደዉ እርምጃ ተጠያቂዉ ኦ.ህ.ዴ.ድ ነዉን ?

Aside

Irbuu (Waadaa) Qeerroo Bilisummaa 2015

Aside

SBO AMAJJII 24,2016. Oduu, Ibsa ABO, Kabaja Guyyaa WBO Nurenberg, Jarmanitti tahe irratti gaaffii fi deebii gabaabaa geggeessitoota TBOJ waliin, Gabaasa FXG Oromiyaa fi Gabaasa Murtii Paarlamaa Awuroppaa

Aside

Sabboontoti Oromoo Hedduun Kibba Lixa Shaggar Irraa Loltoota Wayyaanee Itiyophiyaa Qabaman Bakka Buuteen Isaanii Wallalame

Aside

12570976_1027316897328791_914623563_n 12575761_1027316920662122_1733693059_n 12606961_1027316890662125_2113226580_n 12607347_1027316853995462_469953427_nIlmaan Oromoo qaroo fi ogummaa isaan uummata isaanii tajaajila jiran Waliso irraa yeroo darbee ji’a Muddee  2015 keessaa tika federaalaan Maikalawwii geessina jedhanii mana hidhaa walisoo irraa fuudhaman ja’a(6) Maikalawwii illee akka hin jirree fi eessatti akka geessan hiriyoonni fi maatiin isaanii dhaban.

1,Tasfayee liiban Tolasaa:- Waajiraa Haawwasumma godina Kibban lixa Shaggar keessaa kan dalaguu fi akkasumaas itti gaafatamaa W/H/A/Waaqeffannaa Galma Walisoo liiban.

2.Fiqaaduu Dhaabaa :-Barsiisa m/b Daj/Garasuu dhukii sadarkaa2ffaa.

3.Warqinaa Kabbadaa:- Abukattoo seera

4.Tarree Garmamsaa:- barreessa kitaaba Gaaddii Jaalalaa.

5.Walda Marian Baaroo:-Hojjata Walqo liyyu damee Walisoo

6.Daraje Terefa:- Dorgomaa partii OFC.

Aside

PicsArt_01-08-10.01.57

Oromo Liberation Front (OLF) Honours the European Union Parliament that it stood up publicly against assaults on Oromo peaceful protesters

Aside

Oromo Liberation Front Press Release

ABOOn 21st of January all party Groups of European Parliament debated and passed a resolution on the current political situation in Oromia, Ethiopia. Since mid-November 2015 another round of enormous wave of mass protests that started over respect for the right of Oromo People in general and against the expansion of the capital Finfinnee (Addis Ababa) that triggered more to be demanded on the basic fundamental and democratic rights that have been supressed for the last century and half. Instead of looking for the solution the Tigrean People’s Liberation Front (TPLF/EPRDF) led Ethiopian government declared war on the Oromo people and deployed its terrorizing special force (Agazi), the military and the federal police against peaceful Oromo demonstrators and the public at large. In doing so, it put Oromia under martial law tantamount to declaration of a state of emergency. The deployed forces have wantonly killed more than 180 people and wounded hundreds and detained thousands of Oromo farmers, students, teachers, merchants and government employees, including the medical staff trying to treat the overwhelming numbers of the brutalized mass.

Read More:-  OLF Statement Regarding European Parliament resolution on Ethiopia

Ibsa ABO Murtii Paarlaamaa Awroppaa Ilalchisee

Motion for EU resolution (1)

 

Bulchiinsii Yuunibarsiitii Amboo Mirga Barattoota Oromoo cabsuun Barattoota Oromoo Dootsisuu,Barnoota Irraa Arii’uuf fi Hiisisuuf Qajeelama TPLF Irraa Fudhate Barattoota Oromoo Barbaadaa Jira.

Aside

12522933_1548993262083382_6009153603471822300_nGaafa Amajjii  19,2016 Bulchiinsii Yuunibarsiitii Amboo Mirga Barattoota Oromoo cabsuun Barattoota Oromoo Dootsisuu fi Barnoota Irraa arii’uuf hidhatti galchee dararuuf qajeelfama Mootummaa Wayyaanee Rawwachiisuu qofaaf jedhee Barattoota Oromoo 16  hatattamaan barbaada akka jiruu Beeksiisa Amajjii 19,2016 baaseen Beeksisee jira. Barattoota Oromoo kana irratti rakkoon tokkoo bakka fedheetti iyyuu irra ga’ee yoo argamee Itti Gaafatamaan Mootummaa EPRDF/TPLF/OPDO fi bulchiinsaa yuunibarsiitii Amboo ta’uu Sabboontootni fi uummatni Oromoo akeekkachiisan.

Barattootni Oromoo beeksifnii irratti Ba’ee hatattamaan barbaadamaa jiran maqaan isaanii kanneen armaan gaditti argaman kana:

1.Barataa Olaanaa Waaqoo.
2. Barataa ,Liibaan Dhangi’aa.
3, Barataa Abdii ejjetaa

4. Barataa kiisii Hinkoosaa
5. Barataa Firoomsaa Geetahuun
6. Barataa Tokkummaa Tuulii
6,Barataa Waaqumaa Gosaa
7,Barataa FIraanbar Nugusee
8,Barataa Gammachiis Booranaa
9,Barataa Gammachiis Qananii
1  Barataa Hiinaaftuu lammaa
12,Barataa Firaa’ol Namarraa
13, Barataa Gammachiis Hayilee
14, Barataa Gamachuu Amanuu
15,barataa Natiree Tasfayee
16, Barataa Daani’eel Mokoonnoon kanneen jedhaman irraatti beeksiisa diinummaa maxxansuun attattamaan barabaadamtuu jechuun barattoota Oromoo irratti Shororkeessa jiraachuun abbaa irreef fumaata tokko illee kan hin qabne ta’uun ibsame jira.

FXG Ka’een Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree Magaalaa Gooban Jedhamu Keessatti Namni 3 Madaa’anii Dargaggoo Shallamaa Jedhamu Ammoo Mirga Sabaaf Jecha Wareegamee Jira.

Aside

Amajjii 22,2016 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree Magaalaa Gooban jedhamu keessatti uummatni fi dargaggootani Oromoo Warraaqsaa jabeessuun sadii madeeffaman namni tokkoo lubbuun Wareegame jira.

Warraaqsii kun aayyaanaa Cuuphaa irratti uummata irratti mootummaan Wayyaanee waraanaa bobbaasuun uummatni FXG narratti
jabeessaa jira jechuun uummata goolaa utuu jiruu uummatni fi dargaggootni walta’uun dura dhaabbachuun FXG daran jabeessuun itti
fufuun kanaan booda mootummaa Wayyaanee fi OPDO ergamtuu Wayyaanee uummata keenya irratti waraana labsitee nu fixaa jirtu jalatti hin
bullu jechuun FXG daran jabeessuun dhaadannoo fi Wallee warraaqsaa Oromiyaa, Gootota Oromoo fi ABO faarsuun sirna abbaa irree
balaaleffatan, Mootummaan Wayyaanee uummata irratti dhukaasaa banuun ilmaan Oromoo sadii madeessuun tokko immoo kan wareegame ta’uu madden gabasan.
Ilmaan Oromoo Wareegaman Keessaa Dargaggoo Oromoo Shallamaa jedhamu kan Wareegame yoo ta’uu namootni sadii immoo Madeeffamuu madden keenya gabaasan.