Amajjii 21/2016 Warraaqsii Dargaggoota Oromoo Hojii Dhuunfaa fi Dafqaan Bultootaan Magaalaa Finfinnee keessatti Waraana Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo ajjeesaa turee, Ayyaanaa Cuuphaa irratti hiriiree uummata gooluuf dhaabbatu FXG’n dura dhaabbachuu ee

Amajjii 21,2016 Warraaqsii FXGn Dargaggoota Hojii Dhuunfaa fi Dafqaan Bultootaa Oromoon Magaalaa Finfinnee keessatti Ayyaana Cuphaa irratti Waraana Wayyaanee Oromiyaa keessatti Yakka Waraanaa Rawwachaa jiruu dura dhaabbachuun eegalame daran Jabaachuun itti fufe!, Uummata Ayyaana Cuuphaa Ayyaaneffachuuf baee Poolisootni Wayyaanee Dargaggoota Oromoo irratti Kutaa magaalaa Finfinnee Yakkaa Daandii gara Laga Xaafootti geessuu bakka Karraa jedhamutti dhukaasa baneen Magaalaan Finfinnee sochii dargaggoota Oromoon raafama keessa seente Walitti buinsi guddaan Poolisoota dhalootaan Oromoo taanii fi Tigirootaa gidduutti dhalateen Ayyaanni cuuphaa gara Fincilaatti jijjiraame, Poolisootni dhalootaan Oromoo taaan ilmaan Oromoo hanga qabeenyaa fi namarraan midhaa gahaa hin jirreetti Sagalee diddaa waan Dhageesisaaniif reebuu fi irratti dhukaasuu hin qabnu jechuun waan didaniif poolisoota gidduutti walitti buinsii uumamuun bakkuma Ayyaanaa Cuuphaa kanatti Utuu uummatni ilaaluu Poolisiin Tigiree tokkoo fi Poolisiin dhalootaan Oromoo tokko wal qabachuun wal reebuun, uummatni fi Daraggaggootni gara Poolisii Oromoo goruun Poolisii Tigiree reebuun akka achii ariian madden ijaan arganitu nuuf gabaase. Goototni Dargaggootni Oromoo Wallee Warraaqsaan Haalaan ABO,Oromiyaa fi Goototota dargaggoota Oromoo barakana Warraaqsarratti wareegaman faarsuun hin hafuu gumaan barattootaa keenyaa Beenyaa yabeenyaa hin haftu gumaan barattoota keenyaa, Sifaan Lolaa ABO narra hin gortuu, dargaggoon Oromoo kaatee bosona hin galtuu fi dhaadannoo Oromiyaa, Bilisummaa, Walabummaa , abbaa biyyummaa barbaadna jedhuu sagalee guddaan dhageesisan, Sochii kana dhaabsisuuf poolisiin Federaalaa Finfinnee yaalii guddaa wayita gochaa jiruutti walitti buinsii uumamee Dargaggootni oromoo hedduun poolisootaan reebamuun namootni 15 ukkanfamuun kan qabamanii hidhaman yoo tauu, dargaggootni Oromoos boodarra tarkaanfii of irraa Ittisuu fudhachuun poolisoota hedduu dhagaan tumuun konkolaataa poolisotaa lama dhagaan hojiin ala gochuun warraaqqasii jabaachuun itti fufaa jira, gabaasaan itti fufa.

2 thoughts on “Amajjii 21/2016 Warraaqsii Dargaggoota Oromoo Hojii Dhuunfaa fi Dafqaan Bultootaan Magaalaa Finfinnee keessatti Waraana Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo ajjeesaa turee, Ayyaanaa Cuuphaa irratti hiriiree uummata gooluuf dhaabbatu FXG’n dura dhaabbachuu ee

  1. Magaalaan Adamaa keessatti, gaafa guyyaa 12/05/2008, ayyana cuuphaa yeroo kabajamaa jirutti dargaggoon oromootaa waallu “Oromoon angafaa, oromoon abbaa biyyati jedhee sirbaa ooleera. Yeroodhuma kanati sabaan kan Tigiroota ta’an yeroo dinner isaanitiin otaalutti jedhan dargaggoon oromootaa dhakaadhaan tumuun erga reebanii booda poolisoon jidduu galuun adda baasuuf yaalaniiru!

  2. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s