Lixa Shaggar ona Gudaritti Fincilli geggeeffame.
[SQ Hagayya 25/2019]

Hidhaafi ajjeechaan uummata Oromootti jabaachuufi mootummaan maqaa Oromootiin of waamu kun “ABO deeggartan” jedhee nama dararuu waan hammeesseef, sababuma kanaan mana uummataa gubuufi qabeenya uummataa saamuun waan daran babal’ateef uummanni Oromoo obsa fixatee jira. Haaluma kanaan Lixa Shaggar magaalaa Guda
r keessatti Qeerroon Bilisummaa fincila dhoosuun mormii agarsiisaniiru. Akka odeeffannoon arganne ibsutti, Qeerroon magaalaa Gudar daandii cufuudhaan mormii isaanii agarsiisanii waajjira ODP Aanaa Tokkee Kuttaayee fi konkolaataa mootummaa irratti tarkaanfii fudhataniiru. Sababaan fincila kanaas, waraanni mootummaa naannawa Amboo warshaa rasaasaa Omachoo keessa qubatanii achirraa uummata Oromoo dararuuf bobba’an mormuun akka eegale maddeen keenya ibsanii, kanuma waliin hidhamtoota mana hidhaa Sanqalleefi bakkoota adda addaatti dararamaa jiraniif birmachuuf akka ta’e gabaafame. Fincilli kun gaaffii Abbaa Biyyummaafi Hiree Murteeffannaa Oromoof kan haga dhumaatti geggeeffamu ta’uutu ibsame
.

Bilisummaa Amantee jedhama guyyaa har’aa Hagayya 23/2019 G/H/Guduruu magaalaa Shaambuu keessaa humna waraanaa mootummaan qabamee hidhamuu maatiin dubbatu.
Dhugaasaa Mangashaa Baloo jedhama. Abbaa-qabeenyaa fi jiraataa magaalaa Naqamteeti. Obbo Dhugaasaan humnoota Komaandi Postiitii magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee goolaa jiraniin erga qabamee hidhamee baatii sadii ta’uuf deema. Obbo Dhugaasaa qofa osoo hintaane yeroo ammaa kana Oromotni hedduun magalaa Naqamtee fi naannoo ishee jiraatan hidhaa keessatti gidirfamaa jiraachuun isaanii ifaadha.
Fuula miidiyaa irraan kan dhagaa’amuuf kan lallabaamaa jiru “OPDO’n imaanaa Qeerroo gante!” Yaadota jedhanidha. Yaadni kun soba, dogoggorallee. OPDO’n qaama Oromoo utuu hintaane gantuudha. Gantuutti imaanaan qabsoo hinlaatamu hinlaatamnes. Qeerroon Bilisummaa Oromoo imaanaa qabsoo WBO fi isa mataasaa harka jira malee galtuu, gantuu, Xawalwaalleetti guyyaa tokkoof qabsoon Oromoo hinlaatamne, laatamuus hinqabu. Qaamotni “qabsoo Oromoo, imaanaa Oromoo gante OPDO’n” jedhan dogoggoraniiru. Nuti kaleessayyuu, har’ayyuu boriyyuu galtuu akka OPDO tti imaanaa jennee qabsoo hinlaannu, akeekaaf naamusi qabsoo keenya, qabsoo jaallan hedduun itti wareegaman qabsoo ABO’s kana hinayyamu.