Lixa Shaggar ona Gudaritti Fincilli geggeeffame.

[SQ Hagayya 25/2019]

Image may contain: one or more people and outdoor

Hidhaafi ajjeechaan uummata Oromootti jabaachuufi mootummaan maqaa Oromootiin of waamu kun “ABO deeggartan” jedhee nama dararuu waan hammeesseef, sababuma kanaan mana uummataa gubuufi qabeenya uummataa saamuun waan daran babal’ateef uummanni Oromoo obsa fixatee jira. Haaluma kanaan Lixa Shaggar magaalaa Guda
r keessatti Qeerroon Bilisummaa fincila dhoosuun mormii agarsiisaniiru. Akka odeeffannoon arganne ibsutti, Qeerroon magaalaa Gudar daandii cufuudhaan mormii isaanii agarsiisanii waajjira ODP Aanaa Tokkee Kuttaayee fi konkolaataa mootummaa irratti tarkaanfii fudhataniiru. Sababaan fincila kanaas, waraanni mootummaa naannawa Amboo warshaa rasaasaa Omachoo keessa qubatanii achirraa uummata Oromoo dararuuf bobba’an mormuun akka eegale maddeen keenya ibsanii, kanuma waliin hidhamtoota mana hidhaa Sanqalleefi bakkoota adda addaatti dararamaa jiraniif birmachuuf akka ta’e gabaafame. Fincilli kun gaaffii Abbaa Biyyummaafi Hiree Murteeffannaa Oromoof kan haga dhumaatti geggeeffamu ta’uutu ibsame
.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s