Abbaan Gadaa Tulamaa duraanii: “Nuyi Irreechas hin dhaqnu, hin barbaadnu”
Madda BBC Afaan Oromoo

Walgahii haala nageenyaa irreechaa irratti waaman akka hin teenye dhorkamu isaanii Abbaa Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sanbatu BBC’tti himaniiru.
Xalayaan chaappaa waajjira tokkummaa abbootii gadaa Oromoo jedhuun, guyyaa 14/12/2011 barreeffame fi Abbaa Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sanbattun mallattaa’e dhimma Irreechawwan Hora Finfinnee fi Hora Harsadii irratti magaala Bishooftuutti mariin waan adeemsifamuf miidiyaaleen akka gabaasaniif affeera.
Haa ta’u malee mariin Sanbata xiqqaa ganama sa’aa 2:30tti eegala jedhame osoo hin taa’amin haqameera.
Bilisummaa Amantee jedhama guyyaa har’aa Hagayya 23/2019 G/H/Guduruu magaalaa Shaambuu keessaa humna waraanaa mootummaan qabamee hidhamuu maatiin dubbatu.
Dhugaasaa Mangashaa Baloo jedhama. Abbaa-qabeenyaa fi jiraataa magaalaa Naqamteeti. Obbo Dhugaasaan humnoota Komaandi Postiitii magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee goolaa jiraniin erga qabamee hidhamee baatii sadii ta’uuf deema. Obbo Dhugaasaa qofa osoo hintaane yeroo ammaa kana Oromotni hedduun magalaa Naqamtee fi naannoo ishee jiraatan hidhaa keessatti gidirfamaa jiraachuun isaanii ifaadha.
Fuula miidiyaa irraan kan dhagaa’amuuf kan lallabaamaa jiru “OPDO’n imaanaa Qeerroo gante!” Yaadota jedhanidha. Yaadni kun soba, dogoggorallee. OPDO’n qaama Oromoo utuu hintaane gantuudha. Gantuutti imaanaan qabsoo hinlaatamu hinlaatamnes. Qeerroon Bilisummaa Oromoo imaanaa qabsoo WBO fi isa mataasaa harka jira malee galtuu, gantuu, Xawalwaalleetti guyyaa tokkoof qabsoon Oromoo hinlaatamne, laatamuus hinqabu. Qaamotni “qabsoo Oromoo, imaanaa Oromoo gante OPDO’n” jedhan dogoggoraniiru. Nuti kaleessayyuu, har’ayyuu boriyyuu galtuu akka OPDO tti imaanaa jennee qabsoo hinlaannu, akeekaaf naamusi qabsoo keenya, qabsoo jaallan hedduun itti wareegaman qabsoo ABO’s kana hinayyamu.
#