Ibsa Hogganoota ABO Biyya Alaa
Addi Bilisummaa Oromoo(ABO)n erga duree fi kallacha qabsoo Oromoo ta’ee dantaa saba Oromoo fi saboota cunqurfamoof falmaa hadhooftuu gaggeessuu eegalee waggoota 40 ol lakkoofsisee jira. Baroota kana keessatti ummata Oromoo gabrummaa akkaan hadhaawaa keessaa baasee ifatti muldhisuu fi tarree saba adduunyaa galchuuf wareegama ulfaataa baasaa asiin gahe. Sabni Oromoo dhiittaa fi cunqursaa akka malee keessatti kan kufee ture falmuuf jacha qabsaawotii fi sabboontoti Oromoo ABO jalatti wal gurmeessuun qabsoo karaa hedduu gaggeessaa injifatnoo irraa jalaan ummata Oromoo ifatti baasaa fi jireenya sabaa mul’isaa dhufee asiin gahee jira.
Haala kana keessatti qabsoo Oromoo ABOn gaggeeffamu danquufis ta’e doomsanii karaatti hambisuuf jecha diinonni farra qabsoo Oromoo fi gabroomfattooti shira keessa ABO itti xaxuun dhaabicha diiguuf baroota dheeraa irratti hojjechaa asiin gahan. Lola ifatti kallattiin irratti gaggeefamu injifachuu fi eenyummaa Oromoo aduunyaa biratti dhageettii argate duubatti deebisuu yeroo dadhaban humna diinagdee, humna tikkaa fi waraana qabaniin bobba’anii loote seentota ABO keessatti ergachuu fi gariis kan dantaa sabaa irra dantaa dhoksaa keessaaf dhaabbate kaadhimachuun shiroota adda addaa xaxaa asiin gahanii jiru. Shiroota ABO diiguuf irratti xaxamee aggaammiin baroota adda addaa keessatti kan eegale yeroo ta’u,gantootnii fi ayyaan laallattooti dhaabicha diiganiis ta’u bakka lamatti baasanii harka diinaa galchuu yaalan hundi tokkoon isaaniituu kan milkaa’an hin jiran, gareenis ijaaramanii akka dhuunfaatti diinatti galanii duula ABO fi hoggana isaa irratti yoo banan iyyuu milkaayanii ABO diiguu hin dandeenye. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk