Ibsa Ejjannoo Miseensota Konyaa ABO Victoria – Australia
Hagayya 25 bara 2019
Miseensotni ABO Konyaa Victoria – Australia walgahii idilee Hagayya 25 bara 2019 gaggeessannee jira. Walgahii idilee kana irrattis haala biyya keenyaa ilaalchisee marii bal’aa taasisne. Hirmaattotni walgahichaa ibsi ejjannoo kanaa gadii murteeffatan.
1. Jijjiiramni wareegama Qeerroo fi Qarreen biyya Ethiopia keessatti mul’atee jira haa jedhamu malee miidhaa saba keenya Oromoo fi saboota akka Oromoo irra geessisamee ture har’as bifa jijjiirratee itti fufee jira. Seeraan ala guuramanii hidhamuun, mooraa waraanaa keessatti tiksamuun, ajjeessamuun, qabeenya saamamuun fi dararamuu fi ariyatamuun saba keenya irraa hin dhaabbanne.
2. Sabni keenya daangaa Oromiyaa gara garaa keessaa dachee isaa irraa weerara humna waraanaan buqqisame biyya isaa keessatti godaantuu tahee beelaa fi dhukkubaan harcaasamaa jira. Continue reading
aala turtii qabsoo Bilisummaa Oromoo erga hogganni ABO biyya galee as, hanqinaaf cimina qabsoof gufuulee mudatan

Bilisummaa Amantee jedhama guyyaa har’aa Hagayya 23/2019 G/H/Guduruu magaalaa Shaambuu keessaa humna waraanaa mootummaan qabamee hidhamuu maatiin dubbatu.
Dhugaasaa Mangashaa Baloo jedhama. Abbaa-qabeenyaa fi jiraataa magaalaa Naqamteeti. Obbo Dhugaasaan humnoota Komaandi Postiitii magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee goolaa jiraniin erga qabamee hidhamee baatii sadii ta’uuf deema. Obbo Dhugaasaa qofa osoo hintaane yeroo ammaa kana Oromotni hedduun magalaa Naqamtee fi naannoo ishee jiraatan hidhaa keessatti gidirfamaa jiraachuun isaanii ifaadha.