Ibsa Ejjannoo Miseensota Konyaa ABO Victoria – Australia

ABOHagayya 25 bara 2019
Miseensotni ABO Konyaa Victoria – Australia walgahii idilee Hagayya 25 bara 2019 gaggeessannee jira. Walgahii idilee kana irrattis haala biyya keenyaa ilaalchisee marii bal’aa taasisne. Hirmaattotni walgahichaa ibsi ejjannoo kanaa gadii murteeffatan.
1. Jijjiiramni wareegama Qeerroo fi Qarreen biyya Ethiopia keessatti mul’atee jira haa jedhamu malee miidhaa saba keenya Oromoo fi saboota akka Oromoo irra geessisamee ture har’as bifa jijjiirratee itti fufee jira. Seeraan ala guuramanii hidhamuun, mooraa waraanaa keessatti tiksamuun, ajjeessamuun, qabeenya saamamuun fi dararamuu fi ariyatamuun saba keenya irraa hin dhaabbanne.
2. Sabni keenya daangaa Oromiyaa gara garaa keessaa dachee isaa irraa weerara humna waraanaan buqqisame biyya isaa keessatti godaantuu tahee beelaa fi dhukkubaan harcaasamaa jira.
3. Mirgootni xixiqqaan duraan saba keenya abadchiisaman kanneen akka aadaa fi afaan ofii guddisachuu, dagaagsachuu fi biyya ofii keessatti kan dalagaa, kan seeraa fi ogummaa tahuun maleef amma illee tumsii fi deeggarsi mootummaa irraa eegamu waakkatamee jira. Dabrees, dhiibbaa guddaan afaan Oromoo irratti karaa adda addaa bifa qindeeheen gaggeessamuutti jira.
4. Adeemsi karaa nagaa biyyattii keessatti abdatamee fi eegame akka silaa barbaadamutti of dura deemuun hafee caalaattuu deebisee jeequmsa dandamachuuf hin salphanne keessa biyyattii seensisaa akka jirutu nutti mul’ata.
5. Kanaaf, haala akkanaa keessaa bahuun akka danda’amuuf:
i. Hidhamtootni Oromoo mirga sabummaa isaaniif malu gaafatan qofaaf golee Oromiyaa keessaa guuramanii mooraa waraanaa fi manneen hidhaa gara garaa keessatti ugguramanii jiran haal-duree tokko malee gadi lakkisamuu qaban.
ii. Furmaata dhugaa fi waaraa argamsiisuuf sabni keenya dachee isaanii kan dhalootaan irra jiraataa turan, kan weeraraan buqqisaman, qe’ee irraa buqqa’anitti deebisamanii qubsiisamuu qaban.
iii. Afaan Oromoo sadarkaa biyyoolessaatti afaan hojii mootummaa, kan seeraa, bulchiinsaa, kan dalagaa, ogummaa fi barmootaa tahee beekmtii seeraa dafee argachuu qaba.
iv. Gaaffii ummataa karaa nagaa deebisuuf waadaan galame, gara afaan qawweetti deebi’uu isaa ni balaaleffanna; rakkooleen siyaasaa biyyattii marii siyaasaa fi adeemsa karaa nagaatiin hiikamuu qaban.
v. Dhaadannoon “yaada mo’ataa qofaan adeemuu” jedhamee dhaadheffamaa ture, gara afaan qawweetti deebi’aa jira. Adeemsichi akkuma duraan abdachiifame sanatti yaada mo’ataa qofaan masakamuu fi gaggeeffamuu qaba.
Walumaa galatti, mootummaan Ethiopia dhibdee siyaasaa biyyattii keessaa, keessattuu Oromiyaa keessaa humnaan furuuf jecha bakkoota adda addaa bulchiinsa humna waraanaa (Command Post) deebisee gadi dhaabuun miidhaa godaannisa seenaa dabre haaressaa jira. Dhumaatiin tarkaanfii kanaan geessisamaa jirus dhibdee wal xaxaa keessa biyyattii seensisaa jira. Kanaaf, furmaata karaa nagaa barbaaduu qofti dhibdee kana furuuf hundee dha.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Hagayya 25 bara 2019

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s