Uummanni Oromoo naannoo Beenishaangul Gumus bakkoota Matakkal, Wambaraa, Gaalessaa fi Asoosaa jiraatu Waggoota Dheeraaf saboota biro naannichaa wajjin wal dandauun, wal kabajuun akkasumas Aadaafi Duudhaa Uummata Oromoo naannicha waliin qooddachuun nagayaan jiraachaa ture.
Nageenyii fi walitti dhufeenyi kun Karoora saamichaa mootummaan nama nyaataa wayyaanee Naannicharratti baafatteef danqaa guddaa waan itti ta’eef, Waggootii Kurnan darban keessattii shira a fi daba garaa garaa xaxaa turteetti. Kunis akkuma Oromoota naannoo Sumaalee, Raayyaa fi Walloo saboota naannichaa wajjin walitti buusuun Oromoota ajjeesuu fi Buqqisuu ture.
Haa ta’uyyuu malee Qabsoo Hadhaawaa Qeerroo fi Hawaasni Oromoo Naannichaa godheen harkatti fashalee jira. Kanaan kan Gubatte Mootumman Murna Bucuu TPLF sabboontota Oromoo Qaqqaalii naannichaa waggaa darbe qabdee mana hidhaatti waxalaa jirti. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk